BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
'Bishaan nurraa kuttan' jechuun nu dararu- Baqattoonni Masirii jiran namni Itoophiyaa ajjeefamuu himu
Baqattoonni Itoophiyaa Masirii jiran qaamoleen mootummaa fi ummanni biyyattii ''isin warra bishaan nurraa kute,'' jechuun miidhaa irraan gahaa jiraachuu BBCtti himan.
Sa'udin dabalataan lammiilee Itoophiyaa shan du'aan adabde
Sa'udi Arabiyaan dabalataan lammiilee Itoophiyaa shan ta'an bakka Asir jedhamutti du'aan adabuu beeksiste.
KALLATTIIN, Omaan Ulaa Hormuuz bulchuu ilaalchisee yaada haaraa Iraaniif dhiyeessite
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii waayee Ulaa Hormuuz Omaanii fi gita isaanii Saa'udi Arabiyaa waliin dubbachuu ibsan.
Mootummoonni Itoophiyaa dhufaa darbaa rakkoo siyaasaa maaf humnaan furuuf yaalaa turan?
Itoophiyaan biyya seenaa dheeraa qabdu taatus rakkoo siyaasaa barootaf ishee sakaale furattee ijaarsa biyyaarratti xiyyeeffachuu hin dandeenye. Mootummoonni Itoophiyaa yeroo heddu karaa nagaa osoo hin taane waraanan, fonqolchaan ykn warraaqsa uummataan aangoo gadi lakkisu.
US hanqinni meeshaalee waraanaa mudannaan Iraan haleeluu dhaabdee?
Ameerikaan misaa'eloota bakka buusuun salphaa hin taane hedduu Iraanitti dhukaasteetti. Garuu, dhugumatti US meeshaalee waraanaa ishee of harkaa fixxee galma waraanaa fi dirqama ishee ba'achuuf qoramaa jirtii?
Dubartoonni Itoophiyaa %55 haadha warraa reebuuf sababii 'gahaan' jira jedhanii amanu
Itoophiyaatti dubartoonni dhibbeentaa 50 ol abbaan warraa haadha warraa reebuuf sababa gahaa qabaachuu danda'a jedhanii akka amanan qorannoon Tajaajila Istaastiksii Itoophiyaa mul'ise.
Tiraamp Iraan waliin mariin 'haala gaariin deemaa jira' jedhus Iraan kallattiin mariyataa hin jiru jette
Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Iraan waliin "haala gaariin mariyataa jirra" jechuun yoo ibsu, Iraan ammoo kallattiin mariyataa akka hin jirre ibsite.
Waaqa kadhadhaa yookiin kubba daawwadhaa jedhan pirezidaantiin FIFA
Pirezidaantiin Fifa Jiyaanii Infaantiinoo ''haga jibba facaastan waaqa kadhadhaa, ykn kubbaa daawwadhaa'' jechuun namoota isaan qeeqaniif dhaaman.
Kantiibaan Niwuyoork Mamdaaniin Netaaniyaahuu nan hidha jedhus Netaaniyaahun sodaa hin qabu jedhe
Kantiibaan magalaa Niwu Yoork Zoohraan Mamdaanii Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu hidhuuf itti dhaadatus, Netaaniyaahuun yaa'ii waliigalaa UN ji'oota muraasa Niwu Yoorkitti gaggeeffamurratti argamuu akka barbaadu ibse.
Qubattonni Israa'el Weest Baankitti masjiida, lafa qonnaafi konkolaataawwan guban
Qondaaloti Falasxiin qubattoonni Israa'el Weestbaank keessatti lafa qonnaa, masjiida lamaafi konkolaataawwan guban jedhan.
Haleellaa Huutii walitti bu'iinsa Baha Giddugaleessaafi diinagdee addunyaarratti sodaa uume
Loltoonni Huutii Yaman, Galaana Diimaarratti doonii haleeluusaanii beeksisuusaanii hordofee gaaga'amni Baha Giddugaleessaa caalmaatti akka hin hammaanne yaaddoo uumera.
Arsenaal Vinishiyees Juuner mallattesisuuf waliigaleeraa?
Arsenaal taphataa Riyaal Maadirid Viinishiyees Juuner mallattesisuu akka barbaadu gabaafame.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Qabiyyeen wallee haaraa Andu’aalam Gosaa maali?
Kuni waggaa dura du'a jaalallee isaa Qananii Addunyaan shakkamee dhimmi isaa seeraan ilaalamuu jalqabee hojii jalqabaa ummatatti itti bahudha.
Viidiyoo, Miseensi Parlaamaa Oromiyaarraa filaman parlaamaatti maal taajjaban?
Dr Kafanaan waan dalaganiin akkuma gammachuu qaban silaa kana caalaa dalaguu dandeenya ture jechuun waan komatanis qabu.
Viidiyoo, MM Abiy Ahimed waa'ee nageenyaa, hidhattootaa, dinagdee fi TPLF maal jedhan?
MM Abiy Raayyaa Ittisa Biyyaa ''ofii du'anii nu jiraachisan qeequun'' rakkoo guddaa tahuu himan.
Viidiyoo, Xumura hawwii Waancaa Addunyaa injifachuufi milkii Roonaaldoo
Injifataan Ballon d'Or yeroo shanii Kiristiyaanoo Ronaaldoo, imala milkaahina hedduun dabalaame qabaatus shaampiyoonaa addunyaa osoo hin ta'iin soorama bahuufi.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
Kongireensii Federalawaa Oromoo fi ABO-WBO Marii Biyyaalessaa gaggeeffamaa jiru irratti maal jedhan?
Yeroo mootummaan Itoophiyaa mariin biyyaalessaa rakkoo siyaasaa biyyattii furuuf murteessaa ta'e gara xumurarra ga'eera jedhutti, namootni siyaasaa fi paartileen mormitoota Oromoo qeeqaa adda addaa dhiyeessaa jiru.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Buufanni Asab akkamiin waggoota 30tti siqaniif onee hafe?
Itoophiyaan hanga bara 1993 ulaa Galaana Diimaatti ishee baasu qabdi ture. Buufanni doonii Asab handaara galaanichaa diimaarra jiru itti baha galaanaa Itoophiyaa ture.
Jilli US ministaroota Masrii, Somaaliyaa fi Ertiraa waliin Kaayirootti maal mari'ate?
Gorsaan Olaanaa dhimmoota Afrikaa fi Arabaa Maasaad Booloowus ministaroota hajaa alaa Ertiraa, Masriifi Somaaliyaa waliin nageenya Gaanfa Afrikaa ''jabeessuu'' irratti marii'atan
Komishiniin Marii Biyyaalessaa marii eegaluuf ''danqaan'' na hin mudanne jedhe
Komishinii Biyyaalessaa Itoophiyaa guyyoota muraasa darban ''marii eegaluuf danqaan'' isa mudateera himannaa jedhu waakkate.
Masrii fi Ertiraan Galaana Diimaa 'seeraan ala to'achuuf' yaalii taasifamu balaaleffatan
Masrii fi Ertiraan ''nageenyaa fi bulchiinsi'' Galaana Diimaa kan ilaallatu biyyoota qarqara galaanicha jiran qofaadha jedhan.
Bulchiinsi Itoophiyaa Sirna Paarlaamaa irraa gara Sirna Pirezidaantummaatti jijjiiramuuf jiraa?
Bulchiinsi Itoophiyaa Sirna Paarlaamaa irraa gara Sirna Pirezidaantummaatti jijjiiramuuf jiraa? Ofii sirni bulchiinsi Itoophiyaa gara Sirna Pirezidaantummaatti yoo jijjirame bu'aa fi rakkoon fiduu danda'u maali?
Jeneraal Taaddasaa Warradaa 'hidhaa mana keessaarra' jiruu?
Akkaataa waliigaltee Piritooriyaatti Bulchiinsa Yeroo Tigraay hundaa'e waggaa tokkoof kan hoogganan Letinaanti Jeneraal Taaddasa Warrada aangoorraa erga kaafamaniiti haala akkamii keessa akka jiran odeeffannoon qabatamaa hin baane.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
MM Abiy heerri Itoophiyaa fooyya'uu akka danda'u akeekan
Ministirri Muummee Abiy Ahimad heera Itoophiyaa irratti jijjiiramni jiraachuu akka malu akeekanii dubbatan.
Itoophiyaan waa'ee lammiilee Sa'udiitti duuni itti murtaa'eerratti 'mariirra' jirti
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Sa'udi Arabiyaatti lammiilee ‘’murteen du’aa irratti darbe'' ilaalchisuun aangawoota biyyattii waliin mari’ataa akka jiru hime.
Hirmaattonni marii biyyaalessaa kumni afur akkamiin ajandaawwan irratti marii'atu?
Komishiniin Marii Biyyaalessaa waggoota afur oliif bakka bu'oota filachuu, ajandaa walitti qabuuf qindeessuu fi hojiiwwan biroo hojjataa ture har'a Roobii,15, 2026 marii isa xumuraa eegala.
Ispoortii
Faabiyaan Ruyizii fi Gaavii Ispeen waliin waancaa waan mo'ataniif kennaa timaatimaa argatan
Ispeen Waancaa Addunyaa mo'attee erga galtee taphattoonni kennaa adda addaa argachaa jiru. Akka mootummaattis biyyoonni taphattoota isaanii injifannoon galaniif kennaa qopheessaan jiru.
Miidhama Saalibaa, gurgurtaa Odeegaardii fi Buruunoo Fernaandez- Oduu jijjiirraa
Liiverpuul taphataa Liiverpuul Biraadilii Baarkolaa mallatteesisuuf akka abdii guutuu qabu ibse.
FIFA'n lola gareen Arjentiinaa tapha booda eegale qorachuu eegale
Tapha xumuraa Waancaa Addunyaa booda wal aansoofi lola dirree keessa mudateerratti qorannoo eegaluu FIFA'n mirkaneesse.
Waan sirriitu ta'ee? Ispeen Waancaa Addunyaa fudhachuun ni malaafi?
Xumura Waancaa Addunyaarratti Ispeen Arjantiinaatiin injifachuun 'kubbaa miilaaf injifannoodha' jechuun salphaa ta'a.
Morkii Kophee Warqee - Imbaappeen dursuu eegale, Meesiin jalaa fudhataa?
Waancaan Addunyaa guyyaa har'aa morkii Arjantiinaafi Ispeen gidduutti taasifamuun xumurama.
Tiraamp tapha walakkaa xumuraa Ingland Arjeentinaan mo'amte irratti qeeqa dhiyeessuun ammas gaaffii kaase
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, Ingilaand walakkaa xumura Waancaa Addunyaa keessatti Arjantiinaan 2-1 yoo mo'atamtu, haala taphaa ture irratti qeeqa cimaa dhiyeessan.
Guyyaa jalqaba Meesii fi Yamaal osoo hin eegamiin wal arganii fi raajii Waancaa Addunyaa
Seenaa kubba miilaa keessatti taphataa cimaa yeroo kamiiyyuu jedhamee kan waamamu Liyonel Meesii fi Baarseloonaatti dhaaltuu gonfoo isaa kan tahe Lamiin Yaamaal Dilbata dhufu xumura Waancaa Addunyaaf wal falmatu.
'Mootii kubba miilaa tahuusaa mirkaneesse' - Meesiin akkamiin abjuu Ingilaand dukkaneesse?
Arjeentiinaan 2-1 Ingilaand mo'achuun xumura Waancaa Addunyaaf darbite.
Gaazexeessaa Arjantiinaa umurii arraagessaa Waancaa Addunyaa 18ffaa gabaasaa jiru
Gaaxexeessaan kun ogummaasaan waggoota 70 ol hojjateera. Walitti aansuun Waancaa Addunyaa 18 irratti argamuun gabaasera.
'Bineeyyii', Harka Waaqaa fi Beekaam- wal morkii Waancaa Addunyaa Ingilaand fi Arjantiinaa
Seenaan masaanummaa Waancaa Addunyaa Ingilaand fi Arjantiinaa dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufe akkasumas seenaawwan ajaa'ibsiisoon kan guutamedha.
Lamiin Yamaal moo Imbaappee? Taphattoota urjii Laaligaa seenaa hojjechuuf xiiqeeffatan
Lamiin Yamaal yeroo lamaa fi isaa ol sadarkaa kilebii fi biyyaatti Kiiliyaan Imbaappee waliin walitti dhufee mo'ateera. Waancaa Laaligaa fi Waancaa Awurooppaa Imbaappee caaluun mo'ateera.
Taphataan Afrikaa Kibbaa Waancaa Addunyaarratti hirmaate boqote
Taphataan sarara jidduu Afriikaa Kibbaa fi kilaba Mamelodi Sundowns Jaayden Adaams, erga tapha Waancaa Addunyaarratti biyyasaatiif taphateen torbanoota muraasa booda, umrii waggaa 25tti du'aan boqateera.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.








































































































