Waggoota 25'f hidhaatti dabarsaa kan jiran angaa'onni duraanii 'Eertiraa 'Garee 15' gaaffiin isaanii maal ture?

Hoggantoota olaanoo HLF bara 1097 bitaa gara mirgaa, Pheexiroos Solomoon, Birhaanee G/Igzaabiher fi Sibhaat Eefireem.

Madda suuraa, Petros Tesfagiorgis

Ibsa waa'ee suuraa, Hoggantoota olaanoo HLF bara 1097 bitaa gara mirgaa, Pheexiroos Solomoon, Birhaanee G/Igzaabiher fi Sibhaat Eefireem.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Eertiraan biyya taatee erga hundoofterraa hanga ammaa biyyattii bulchaa kan jiran Isaayyas Afawarqii, angaa'onni jijjiirama siyaasaa akka taasisan isaan gaafatan maqaa 'Garee 15' jedhuun caalaatti beekamu.

Yeroo qabsoo bilisummaas ta'ee saniin booda angoo mootummaa olaanoorra kan turan angaa'onni duraanii kunneen, waggaa 25 har'aa A.L.A Fulbaana 11 erga hidhamanii hanga ammaa achi buuteen isaanii dhabamee jira.

Angaa'onni kunneen Pirezedaant Isaayyaas Filannoo akka gaggeessanii fi biyyattiin heera mootummaatiin akka gaggeeffamtu bara 1994 xalayaa barreessuun rabsanii ture.

Jijjiiramni kuni akka taasifamu kanneen gaafatan keessaa 11 baattalatti too'annoo jala kan oolan yoo ta'u, afur: Masfin Hagos, Adihaanoom Gabramaariyaam, Hayile Manqariyoosii fi Mahammad Birhaan osoo hin qabamin hafuun biyyaa baqatan.

Angaa'onni duraanii jijjiiramni akka dhufu gaafatan kunneen mana murtiis osoo hin dhihaanne amma waggoota 25'f eessa akka jiran hin beekamu.

Afran hidhaa sodaachuun biyyaa baqatan keessaa Maahaammad Birhaan yeroo sanatti garee kana keessaa akka ofbaasan ibsanii ture.

Angaa'ota hidhaarra jiran kanneen kan ilaaaleen odeeffannoowwan yeroo adda addaatti bahaniin alatti qabataamaadhaan ragaan qabatamaa ta'e hin jiru.

Mootummaan Eertiraa yeroo lola Itiyoo- Eertiraa bara 1998-2000 ture keessatti 'Garee 15' jedhamuun beekamu kuni faayidaa biyyaa balaarra buusuu fi angaa'ota TPLF waliin hariiroo uumaniiru jechuun 'Gantummaadhaan' himaatee ture.

Ibsa A.L.A Fulbaana 19, bara 2001 baaseen "Walabummaa biyyaa, nageenyaa fi Tika biyyaa irratti yakkoota cimoo raawwataman dhaabsisuuf taarkaanfii fudhachuu eegalameera" jedhee ture.

Ta'ulleen hanga ammaatti angaa'onni kunneen mana murtii osoo hin dhihaanne, himanni isaanii bal'inaan osoo hin ibsamnee fi mirga deebii kennuu osoo hin argatin waggootni 25 lakkaa'amaniiru.

Waggoota ruubii jaarraa ta'e kana boodalleen gaaaffiin 'Namootni kunneen eessa jiru? maaltu isaanirra gahe? maalif mana murtii hin dhihaatan jedhu? gaafatamaa jira.

BBC'n waa'ee angaa'ota duraanii kana maalirra akka isaan jiran mootummaa Eertiraa irraa deebii aergachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Mahmoud Ahmed Sharifo haadha warraa isaanii Aster Fissaatsiyoon waliin Fulbaana 18 to'annoo jala oolfaman.
Ibsa waa'ee suuraa, Mahmoud Ahmed Sharifo haadha warraa isaanii Aster Fissaatsiyoon waliin Fulbaana 18 to'annoo jala oolfaman.

Gaaffiin garee kanaa maal ture?

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Xalayaa garee kanaan barreeffamee fi bara 2001 faca'e irratti gaaffilee ijoon eeraman Eertiraan karaa nagaa, seera qabeessaa fi dimokiraatawaa ta'een raafama siyaasaa keessaa akka baatu wamicha kan dhiheessu ture.

Xaaalayichi: Mariin nagaa fi dimokiraatawaa akka gaggeeffamu, Tokkummaa haqaa fi olaantummaan seeraa akka jiraatuu fi daandii dogogoraa irra jiramu sirratee furmaanni akka argamu kan kaayyeffate ture.

Walabummaadhaan booda aangoon suutuma suuta harka namoota muraasaa seenaa deemuun, gareedhaan murtii kennuun hafaa deemuun, ittigaafatamummaa fi adeemsi dhaabbilee laafaa deemuun qabiyyee xalayicharratti eerame.

Kana malees biyyattiin Heera mootummaa, Seeraa fi hirmaannaa Ummmataatiin akka gaggeeffamuu qabdu akeeka.

Gaaffiin jalqabaa fi ijoon garuu bulchiinsi Heerawaa fi olaantummaan seeraa kabajamuu qaba kan jedhu.

Bara 1997 kan wixineeffame Heerri mootummaa Eertiraa hojiirra ooluu akka qabuu fi aangoon mootummaa dhaabbilee adda addaatiin daangeffamuu fi madaalamuu akka qabu falma.

Gaaffii lammeessoon paartiin biyya bulchu (Adda Uummataa Dimokiraasii fi Haqaaf, HGDEF) yaa'ii waliigalaa fi walgahiiwwan idilee akka taasisu fi qaamni seera raawwachiistuu gahee too'annoo isaa akka bahu kan gaafatu.

Kana malees dhimmootni biyyaa murteessoo ta'an nama tokkoon osoo hin taane, marii waliinii fi dhaabbilee seeraatiin murtaa'uu akka qaban ibsa.

Gaaffii sadaffaan, Filannoon bilisaa fi biyyaalessaa akka gaggeeffamu, seerri Paartilee morkituu akka ragga'uu fi komishiniin Filannoo walaba ta'uunsaa mirkanaa'e akka hundaa'u kan gaafatu.

Uummanni mootummaa filatamuuf bilisummaadhaan sagalee akka kennu sirni yoo hin dirriirre Bilisummaan mootummaa dimokiraasii qofaan akka hin argamne falma.

Gaaffii Afraffaan, bilisummaan qaamolee Haqaa mirkanaa'uu, mirgi lammiilee kabajamuu fi bilisummaan yaada ofii ibsachuu akka eegamu irratti xiyyeeffata.

Gaaffiin isaanii Pirezedaantichaan kan hundaa'e manni murtii addaa fi Koreen qorannoo akka diigamu, qaamoleen seeraa qaama raawwachiistuu irraa bilisa akka bahan, walabummaa Pireesisi akka kabajamuu fi bilisummaan yaada ofii ibsachuu wabii argachuu akka qabu gaafata.

Gaaffii shanaffaan, ittigaafatamummaa, iftoominaafi bulchiinsi waloo akka diriiru, Raawwiin mootummaa fi paartii biyya bulchuu akka gamagamamu akkasumas angaa'onni murtii isaaniitiif ittigaafatamoo akka ta'an irratti fuulleffata.

Gaaffiin 'Garee 15' kanaa yoo guduunfamu Filannoo dimokiraatawaa gaggeessuu qofa osoo hin taane: sirna bajataa irratti iftoominni akka jiraatu, sirni seeraa loogiirraa bilisa ta'e akka diriiru, walabummaan pireessii akka mirkanaa'u, ittigaafatamummaan akka diriiruu fi sirni qoodinsa aangoo akka bu'uureffamu waamicha dhiheessa.

Heerri Mootummaa Eertiraa bara 1997 wixineeffame sirni paartii heddumminaa akka mijatu kan eeru yoo ta'u, garuu heerrichi hanga har'aattuu mirkanaa'ee hin baane. Hojiirras hin oolle.

Eertiraatti bara 2001 filannoo biyyaalessa adeemsisuuf karoorfamee kan ture yoo ta'u, hanga har'aatti garuu filannoo gaggeesitee hin beektu.

Bara 1987 Eertiraan Itoophiyaa irraa erga walaboomtee biyya taatee eegalee Pirezedaant Isaayyaas Afawarqii Filannoo osoo hin gaggeessin biyyattii olaantummana bulchuu itti fufaniiru.

'Garee 15' jedhamuun kan beekaman eenyu faa'i?

1.Mahaammad Ahimad Sharifo: yeroo qabsoo bilisummaa Eertiraa miseensa koree giddugaleessaa, bilisummana boodammoo ministira bulchiinsa biyya keessaa (Akka pirezedaantii itti aanaatti kan ilaalamu), ministira Dhimma alaa ta'uun alattis paartii biyya bulchu HGDEF miseensa koree giddugaleessaa fi hundeesitoota keessaayi.

Mahaammad Ahimad Sharifo
Ibsa waa'ee suuraa, Mahaammad Ahimad Sharifo

2. Hayilee Waldatinsaa'ee: ministira daldalaa fi indaastirii, yeroo lola daangaa ammoo minititra dhimma alaa, ministira maallaqaa akkasumas, miseensa Adda bilisummaa uummata Eertiraatti ittigaafatamaa damee siyaasaa turan.

Hayilee Waldatinsaa'ee
Ibsa waa'ee suuraa, Hayilee Waldatinsaa'ee

3- Pheexxiroos Solomoon: Ministira qabeenya galaanaa, minitira dhimma alaa, Minseensa koree giddugaleessaa adda bilisummaa uummata Eertiraa akkasumas bilisummaa booda ittigaafatamaa tikaa turan.

4- Meejar Jeneraal Birhaane G/Igzaabeer: Raaayyaa ittisaaa keessatti gulantaa meejar Jeneraalaa kan qaban, ittigaafatamaa raayyaa Ofeeggannoo biyyattii, bara 1977 irraa eegaluun ammoo minseensa adda bilisummaa Uummata Eertiraa turan.

5- Jeneraan Iqube Abrahaa: Ajajaa waliigalaa Raayyaa ittisaa Eertiraa, ministira daldalaa fi Indaastirii akkasumas ministira hojjetaa fi Hawaasummaa ta'uun tajaajilaniiru. Dhukkuba Asmii cimaa akka qabantu himama.

Pheexxiroos Solomoon
Ibsa waa'ee suuraa, Pheexxiroos Solomoon

6- Barahii G/sillaasee: hanga Caamsaa bara 2001tti Jarmanitti Ambaasaaddara Eertiraa kan turan, isaan durammoo ministira barnootaa akkasumas ministira beeksisaaafi aadaa ta'uun hojjetaniiru. Minseensa koree giddugaleessaa Adda Bilisummaa Uummata Eertiraa akkasumas minseensa koree giddugaaleessaa paartii dimokiraasii fi Haqaa Uummataa Eertiraa turan.

7-Birgaader jeneraal Inxifaanos Siyyum: Raayyaa ittisaa keessa yeroo turan gulantaa birgaader Jeneraalaa kan qaban, hanga guyyaaa hidhamaniitti ammoo ittigaafatamaa tajaajila galii biyya keessaa ta'uun tajaajilaniiru. Kana malees miseensa koree giddugaleessaa dhaabichaas turan.

8-Jarmaanoo Naatii: yaa'ii lammaffaa adda Bilisummaa Uummata Eertiraa irraa eegalee minseensa koree giddugaleessaa fi hoji raawwachiistuu akkasumas Bulchaa Godina Gaash Baarkaa turan.

9-Saahil Idiris Keekiyaa: Ministira geejjibaa fi Kominikeeshinii, ministira itti aanaa miniteera dhimma alaa, akkasumas ittigaafatamaa waajjira Pirezedaantii ta'uun tajaajilaniiru. Kana malees yaa'ii lammaffaa dhaabichaa irraa eegaluun miseensa koree giddugaleessaa turan.

Hamid Himd: ministeera dhimma alaa keessatti ittigaafatamaa dhimma baha giddugaleessaa fi Sudaanitti Ambaasaaddara Eertiraa ta'uun tajaajilaniiru. yaa'ii lammaffaa adda Bilisummaa Uummata Eertiraa irraa eegalee minseensa koree giddugaleessaa turan.

10-Asteer Fisahaatsiyoon: Haadha warraa duraanii Mohaammad Ahmad Shariifoo turan. Ministira dhimma hojjetaa fi hawaasummaa keessatti daayireektara jeneraalaa, akkasumas bara 1994 hanga 2001 minseensa koree giddugaleessaa Adda Bilisummaa Uummata Eertiraa turan.

Angaa'onni olaanoo Eertiraa kunneen amma hidhaaarratti argamu. Deeggartoonniisaanii, Gaaazexeessitoonni dhuunfaa fi angaa'onni olaanoo fi giddugaleessaa biroon hedduun bakka adda addaatti hidhamanis hanga ammaa bakki jiran hin beekamu.

Angaa'onni 'Garee 15' jedhamuun beekaman kunneen jalqabarratti Embaatikaalaatti hidhamanii akka turanii fi boodarra gara mana hidhaa 'Irraairroo' jedhamuu fi hamaa ta'eetti jijjiiramuutu odeeffama.

Majar Jeneraal Birhaanee G/ Igzaabiher
Ibsa waa'ee suuraa, Majar Jeneraal Birhaanee G/ Igzaabiher

Mootummaan Eertiraa maal jedha?

Mootummaan Eertiraa walgahii bara 1995 gaggeesse irratti miseensota 'Garee 15' kana 'Gantootaa fi qoqooddota' jechuun ibsee ture.

"Pirezedaanticha humnaan aangoo irraa kaasuuf yaalaniiru" jechuunis himate.

Manni marii biyyattii eegasii asitti walgahii idilee gaggeessee hin beeku.

Pirezedaant Isaayyaas garuu waa'ee 'Garee 15' kanas ta'ee minseensotasaa hidhaarra jiranii irratti dubbachuurraa ofqusatu.

Waggaa17 dura gaazexessssaa Kaataar tokkoon waa'ee namoota kanaa kan gaafataman Pirezedaantichi "Waa'ee kanaa waanan beeku hin qabu waa'een kuni yoo irraanfatame wayya" jechuun deebii kennan.

Haaluma walfakkaatuun gaaffii walfaakkaataa Gaazexeessaa Aljeeziraatiin gaafatamanii " Namni hidhame hin jiru, odeeffannoo dogogoraati" jechuun deebisanii ture.