Dubartiin Tiraamp biraa hin hafne kuni eenyu?

Ibsa waa'ee viidiyoo,
Dubartiin Tiraamp biraa hin hafne kuni eenyu?
Maxxanfame

Bakka Tiraamp jiru maraa hin dhabamtu. Tiraamp Waayit Haawus gaafa jiru wajjiin jirti.

Xiyyaara Pirezidantiin Ameerikaa qofti ittiin imalu Air Force One dhaan gaafa biyya biraa deemus ishiin jirti.

Nataalii Haarp jedhamti; gargaartuu Tiraampidha. Miidiyaa hawaasummaa gubbaa kan Tiraampiif barreessitu isheedha.

Akki itti hojicha argattemmoo ajaa'iba. Seenaashee iyyaafanneerra.