Baqattoonni Itoophiyaa waraana Huutii gidduutti danqaman birmannaa gaafatan

Hidhattoonni Huutii magaalaa guddoo Yamanii, Sana'aa keessa konkolaataa waraanaan wayita deeman, Fulbaana 12, 2026

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoonni Huutii magaalaa guddoo Yamanii, Sana'aa keessa konkolaataa waraanaan wayita deeman, Fulbaana 12, 2026
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Baqattoonni Itoophiyaa Yaman jiran waraana Huutii akkaan babal'ataa jiru gidduutti danqaman birmannaa gaafataa jiru.

Magaalaa Sana'aa qabatanii kan jiran hidhattoonni Huutii kutaaleen Yaman gara kaabaa hedduunis to'annoosaanii jala jira.

Waraana Huutii fi mootummaa Yaman kan Sa'uudii Arabiyaan deeggaramu gidduutti torbee darberraa eegalee hammaate hordofee namoonni kumaan lakkaa'aman Gaalana Diimaa qaxxaamuruun gara Jibuutiitti baqataniiru.

Baqattoonni Itoophiyaa hedduun magaalaa to'annoo Huutii jala jiru, Sana'aa keessa kan jiraatan yoo ta'u, gara itti baqatan dhabanii danqamanii akka jiran BBCtti himan.

Magaalaa guddoo Yaman, Sana'aa kan jiran walitti qabaan baqattoota Oromoo Kadir Bakkalchoo ''baqattoonni Oromoo irra caalaan hojii dhabanii karaarratti hafaniiru,'' jedhan.

''Iddoo Huutiin to'atan keessa jirra. Baqattoonni Oromoo irra guddaan magaalaa Sana'aa keessatti argaman. Waggaa 20 hanga 30 maatii horatanii kan as jiraatan, kanneen waraqaa baqattummaa qaban jiru.''

Yaman keessa lolli bara dheeraaf tureera, yeroo ammaa garuu waraanni kutaalee biyyattii bakka hunda jira.

Kaaba Yaman keessa kan socho'an fi Iraaniin kan deeggaraman hidhattoonni Huutii, bara 2014 magaalaa Sana'aa qabatan, ammallee kutaalee kaaba biyyattii 'o'atanii jiru.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Bara 1990oota keessa kan hundaa'e Huutiin Yamanii, Baha Giddugaleessaa keessatti garee Iraaniin deeggaraman Axis Of Resistance jedhaman keessaa tokko.

Garuu Huutiin deeggarsa meeshaalee waraanaa fi leenjii Iraan irraa argatus, hooggansaa fi seera ofiisaatiin akka taliigamu ibsa.

Gareen Huutii Yamanii erga waraanni Iraan eegalee tarkaanfii kallattii fudhataa hin turre.

Garuu al-kallattiin akka waliin jiru mul'isaa ture. Israa'el irratti haleellaa raawwataa ture waan ta'eef.

Amma gara kibbaatti babal'achun ulaa Galaana Diimaa akkaan murteessaa ta'e Baab el-Mandab qabachuun Afrikaatti baayyee dhihaataniiru.

Kun ammoo Afrikaa karaa sadiin miidha: Dhala namaa, daldala, nageenya.

Haala kana keessatti baqattoonni Oromoo rakkoo sadi keessa jiru jedhan Obbo Kadir Bakkalchoo.

''Rakkoo jireenyaa, fayyaa fi nageenyaa keessa jirra. Baqattoonni dalagatanii jiraachuu hin dandeenye. Magaala kana keessaa ba'anii bakka biraa jiraachuu hin danda'an. Akka nama mana hidhaa keessa jiraatuuti.''

Haleellaa fi qubsummaa babal'ifannaan Huutiin dhiheenya kana gaggeessaa jiru hunda caalaa dhala namaarratti miidhaa guddaa geessisuu UN ibseera.

Jaarmiyaan godaantotaa UN Hagayya keessa baqattoonni 1600 caalan Yaman irraa gara Jibuutii baqachuu ibsee ture.

Amma ammoo sa'atii 24 keessatti namoonni 1,400 Jibuutii seenuu ministeerri diinagdee Jibuutii ibseera.

Waraanni Huutiin yoo hin dhaabbanne rakkoon kun daran hammaachuu danda'a.

''Yeroo lolli hammaate kana mitii yerooma kaanuu magaalaa kana keessaa ba'uun ni dhowwama,'' kan jedhan Obbo Kadir ''baqataan waraana kana jalaa dheessuullee hin danda'u,'' jechuun yaaddoo jiru ibsan.

''Kanaafuu hojjetachuufis, wal'aansa fayyaafis namni socho'ee tajaajila argachuufis rakkisaadha.''

Obbo Kadir erga waajjirri dhimma baqattootaa UNHCR xumura bara 2025 irratti cufamee rakkoon daran hammaachuu fi bakka itti rakkoo jalaa dheessanillee akka dhaban himan.

''Tajaajilli fayyaa, qoricha, tumsa kanaan dura UNHCR irraa argamaa ture wayita guutummaatti adda citu namoonni deeggarsaan jiraatan hedduun bakkeetti hafan.''

Baqattoonni irra hedduun Sana'aa keessa jiraatanis, kutaalee biyyattii hedduu keessas faffaca'anii jiraatu.

Amma namuu wal quunnamuu hin danda'u.

Gara Jibuutii fi gara kaan kan baqatan lammiilee biyya kanaati malee baqataan as keessaa ba'uu hin danda'u jedhu hoogganaan hawaasa baqattootaa kun.

''Yerooma nagaayyuu magaalaa kana keessaa ba'uu yoo feete waraqaa baqattummaa (mandate) kee immigireeshinii keessee, daqiiqaa muraasaaf deemtee deebita malee bahuun dhowwamaadha.''

Erga waajjirri UNHCR cufamee nami nu gargaaru tokko hin jiru kan jedhan namni kun namni dhukkubsatellee dawaa argachuu dhabuun du'aa jiraachuu himan.

''Dhihoo kana haati ilmaa tokko kan onnee dhukkubsattu dawaa dhabuudhaan ilamseerraa duute. Namoonni akkasitti tajaajila dhabanii dhuman hedduutu jiru.''

Kan haala jiruu fi jireenyaa yeroo ammaan sammuunsaa maraatee waan godhu wallaalee karaatti ba'e hedduudha. Kan tajaajila fayyaa dhabee karaa irratti kufee jiru heddu,'' jedhan.

Baqattoota biyya deebi'uu barbaadan yoo jiraatanillee haala kana mijeessuuf rakkoon nageenyaa akka hin eeyyamne ibsan.

''Hunduu faffaca'ee jira. Eenyu eessa akka jiruyyuu hin beekamu. Waajjira UNHCR jalatti baqannullee hin qabnu.''

Haala amma jiruun karaa itti rakkoo kana keessaa baanu ykn akkamiin akka furmaata argannu wanti nutti mul'atu tokkollee hin jiru jechuun birmannaa gaafatan.

''Mootummaan, hayyoonni fi namoonni quuqama lammii qaban nuuf birmatan malee akka baqataatti karaa kana baana jennee dubbachuu hin dandeenyu.''

Baqattoonni Itoophiyaa Yaman erga seenanii booda achirraa daangaa qaxxaamuruun Sa'uudii Arabiyaa seenu.

Duraanuu imala kanarratti balaa guddaatu isaan mudata. Amma ammoo waraanni Huutii rakkoo kana daran hammeesseera.

''Nuti warri waggaa 20, 30 baqatee as jiruyyuu rakkoo hamaa keessa jirra. Warri biyyarraa ba'aa jiran rakkoo kanatti seenuuf wanti as deemaniif hin jiru. Yoo lubbuu keessan dhabuufi qabeenya maatii keessanii balleessuuf ta'e malee dallaalaan gowwoomfatanii biyyaa hin ba'inaa, hin nyaataminaa.''

Doonii daldalaa handaara Baab el-Mandab buufattee jirtu, Fulbaana 12, 2026. Huutiin ulaa kana kan ta'ate Fulbaana 11

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doonii daldalaa handaara Baab el-Mandab buufattee jirtu, Fulbaana 12, 2026. Huutiin ulaa kana kan ta'ate Fulbaana 11

Hidhattoonni Huutii Yamanii Adoolessa darberraa eegaluun Sa'uudii waliin dhibdee keessa galaniiru.

Dooniiwwan Sa'uudii boba'aa fe'anitti ulaa cufuu fi haleeluudhaan eegalan.

Amma ammoo buufataalee fi magaalota Sa'uudii diroonii fi misaayelootaan haleelaa jiru.

Sa'uudiinis gamasheen xiyyaarota waraanaan haleellaa raawwachuun deebii kennaa jirti.

Kana malees hidhattoonni Huutii Yamanii qabsuma isaanii babal'isaa jiru. Kalattii kibbaatti socho'uun magaalota handaara galaanaa Mokaa fi Hodeeyidaa qabataniiru.

Akkasumas ulaa Galaana Diimaa akkaan murteessaa ta'e- Baab el-Mandab to'achuun sochii dooniiwwaniitti yaaddoo ta'aniiru.

Hidhattoonni kunneen torban kana keessa odoolaawwan Afrikaatti dhihoo jiran Haaniish jedhaman to'achuun Gaanfa Afrikaatti baayyee dhihaataniiru.

Bakka hidhattoonni Huutii to'atan kanaan Yaman fi Afrikaan kiilomeetira 30 caalaa walirraa hin fagaatan.

Kun hidhattoonni Huutii Afrikaatti, daangaa gara Jibuutii ce'utti, dooniiwwan gara bo'oo Siwiiz yabalanitti akkasumas buufataalee humna waraanaa naannawa kana jiranitti baayyee dhihaachuu mul'isa.

Huutiin ulaa kana to'achuun daldala irrattis dhiibbaa guddaa qaba.

Dooniiwwan Eshiyaa irraa gara Awurooppaa imalan ulaa kana keessa darbu.

Balaan haleellaa Huutii itti fufnaan kallattii Kibba Afrikaa irraan karaa imaluuf dirqamu. Kun guyyaa fi baasii irratti dabala.

Kun Itoophiyaarrattis dhiibbaa guddaa qaba. Biyyattiin meeshaalee gara biyya keessaa galchituu fi dalda alergiif dhibbeentaa ulaa Jibuutii fayyadamti waan ta'eef.

Kan biraa nageenya. Jibuutiin xiqqoo taatus teessoo buufataalee humna waraanaa gurguddooti.

US, Chaayinaa fi Faransaay as keessaa humna qabu. Faransaay jeettiiwwan ishee Mirage jedhaman Jibuutii keessaa qabdu bobbaasuun daangaa qilleensaa fi handaara galaanaa akka eegsistu ibsiteetti.

Kanaafuu waraanni fi walitti bu'iinsi naanno kanatti hammaatu kamuu biyyoota humna waraanaa ciccimaa qabanitti dhihaatee jira.