Humni qilleensaa biyyoota Gaanfa Afrikaa birqabaan yoo ilaalamu- Biyya kamtu Itoophiyaan dorgoma?

Madda suuraa, EBC
Addunyaarratti tooftaa fi tarsimoon waraanaa geeddarameera. Keessattuu guddina teeknooloojii ammayyaa fi haala waraanaa walxaxaa ta'e keessatti dorgommiin meeshaalee waraanaa invastimantii ijoo biyyoota addunyaa ta'eera.
Biyyoonni addunyaa akkuma guddinaan wal duraa duuba jiran, dorgommiin meeshaalee waraanaa irratti morkiin isaan taasisanis gargari.
Bara meeshaan waraanaa nukilaraa abuurame irraa kaasee dorgommiin meeshaalee waraanaa dhaabbatee hin beeku, inumaa dhiheenya kana akkaan dabaleera.
Meeshaaleen gariin kanneen egeree waraanaa akkaataa amma beeknurraa geeddaruuf humna qabaniidha.
Biyyoonni Afrikaas gariin of danda'anii, hedduun ammoo deeggarsa biyyoota humna qabaniin dorgommii keessa galaniiru.
Bakka walqoollifannaa fi rakkoon nageenyaa itti heddummaatu Gaanfa Afrikaa keessattis morkiin kun kallattii garaagaraan ni mul'ata.
Naannawa kanatti Itoophiyaan humna guddaa qabaattus, biyyoonni biroon kanneen akka Ertiraa, Jibuutii fi Somaaliyaas michootasaanii biyyoota alaatti maxxanuun humnasaanii cimsachuurratti argamu.
Garuu humni qilleensaa biyyoota Gaanfa Afrikaa kunneenii maal fakkaata? Xiyyaarota akkamiifaa qabu? Biyya kamtu ammoo gonkumaa humna qilleensaa hin qabu?
Itoophiyaa: Su-27 fi Su-30

Madda suuraa, Getty Images
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Jaarmiyaan waggaa waggaan dandeettii humna waraanaa biyyoota addunyaa baasu Global Firepower gabaasa isaa bara darbee keessatti xiyyaarri ammayyaa Itoophiyaan hidhattee jirtu xiyyaara Raashiyaa Su-27 ta'uu ibsee ture.
Barana garuu Itoophiyaan yaadannoo waggaa 90ffaa hundeeffama humna qilleensaa biyyattii Amajjii darbe gaggeessite irratti xiyyaara Su-30k agarsiisuun, inumaa xiyyaarri Su-35 jedhamus qaama agarsiisa kanaa ta'uu fi hedduun karaarra jiraachuu ibsiteetti.
Kubbaaniyyaa Raashiyaa xiyyaarota waraanaa oomishuun kan hojjetame xiyyaarri Su-27, mootora (injiinii) lama kan qabu yoo ta'u qilleensa keesssa saffisaan balali'uun ergama raawwachuu danda'a.
Xiyyaarri kun bara Sooviyeet keessa xiyyaarota waraanaa Ameerikaa dhaloota afraffaa (Fourth generation) jedhaman kanneen akka Grumman F-14 Tomcat fi McDonnell Douglas F-15 Eagle waliin morkachuuf hojjetame.
Kiilomeetira 3,530 qilleensa keessa imaluun humna lafaa fi qilleensa keessa jiruun walquunnamee meeshaalee waraanaa guruddoo dhukaasuu danda'a.
Xiyyaarri waraanaa kun qilleensarraa qilleensarratti haleellaa akka raawwatuuf yaadameeti kan hojjetame.
Xiyyaarri waraanaa Su-30 jedhamu ammoo teessoo lama- kan paayileetii fi ogeessa meeshaa waraanaa, kan qabu yoo ta'u haleellaawwan walxaxoo akkasumas ergama hedduu yeroo tokkotti raawwachuu danda'a.
Su-35 garuu teessoo tokko qofa kan qabu ta'us, saffisaan haleellaa kan raawwatuudha, bu'a qabeessummaansaa baayyee olaanaadha.
Itoophiyaan xayyaarota waraanaa bara Hayilasillaaseefi Dargii akkasumas bulchiinsa ADWUI turan kanneen akka F-5, Mig-21, MiG-23 fi helokoptaroota waraanaa (attack helicopters) jedhamanis qabdi.
Global Firepower gabaasa bara kanaa keessatti Itoophiyaan xiyyaarota waraanaaf qophii ta'an 25 qabaachuu ibsuun addunyaarraa sadarkaa 46ffaarra kaa'e.
Gabaasi kun Itoophiyaan helikooptaroota 33 fi kanneen haleellaa raawwatan (Attack Helicopters) 7 akkasumas xiyyaarota leenjistoota ta'an (Trainers) 34 qabaachuu ibse.
Biyyattiin kabaja waggaa 90ffaa hundeeffama Humna Qilleensaa ishee irratti dirooniiwwan waraanaa nama maleeyyii (UAV) agarsiifteetti.
Dirooniiwwan waraanaa namaan oofamanis bal'inaan agarsiifamaniiru. Dabalataan michoota Itoophiyaa keessaa humni qilleensaa UAE agarsiisa kanarratti hirmaateera.
Itoophiyaan akka jettutti, humni agarsiisa kanarratti mul'ate biyyattiin nageenya Galaana Diimaa fi Gaanfa Afrikaaf akkaan murteessituu ta'uushee mul'isa.
Guddinni gama humna waraanaan mul'ate kun Itoophiyaan humna qilleensaa haleellaa raawwatu qofa osoo hin taane kan haleellaa humna qilleensaa qolatus ijaaraa jiraachuu agarsiisa jedhu qondaalonni biyyattii.
Hojiin humna qilleensaa ammayyeessuu yoo haala kanaan itti fufe Itoophiyaa naannawa ishee keessatti humna guddaa akka ishee taasisu abdii qaban ibsan.
Kun ammoo nageenya biyyoota akka Ertiraa, Sudaan, Somaaliyaa, Masrii fi biyyoota Galoo Galaanaa kaaniif akka barbaadamtu ishee taasisa jedhan.
Sirna kanarratti Ministirri Muummee Abiy Ahmad kanaan booda humna qilleensaa Itoophiyaa dirqama nageenya biyyaalessaa fi naannoo eegsisuuf ga'umsa akka qabaatuuf kun agarsiistuu guddaadha jedhan.
Agarsiisa kanarratti xiiyyaaronni waraanaa UAE F-16 fi helikooptaroonni AH-64 Apache jedhaman hirmaachuun humna qilleensaa Itoophiyaatti naatoo horan.
Kun ammoo hariiroo Itoophiyaan gama humna waraanaan biyyoota addunyaa waliin qabdu biyyoota Afrikaa bira darbuun biyyoota Galoo Galaanaa faanallee cimaa jiraachuu agarsiisa.
Humni Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaara nama maleessa ykn diroonii Orion-E MALE jedhamus agarsiiseera.
Kun dirooniiwwan duraan Turkii irraa bitatte Bayraktar TB2 jedhaman akkasumas kan Chaayinaa fi Iraan irraa argate irratti wayita dabalamu guddina humna qilleensaa Itoophiyaaf guddoo gumaacha.
Global Firepower gabaasa bara 2026 baase keessatti Itoophiyaan waliigalatti xiyyaarota waraanaa 104 qabaachuu ibse.
Jaarmiyaan kun Itoophiyaan loltoota humna qilleensaa kuma shan caalan akka qabdus ibseera.
Dirooniiwwan Itoophiyaa

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali
Itoophiyaan diroonii biyyoota alaarraa argattu, malee ofiisheetiinis oomishuu akka eegalte Ministirri Muummee biyyattii Doktar Abiy Ahmad himaniiru.
Bara 2025 Bitootessa keessa warshaa oomisha diroonii 'Sky Win Aeronautics Industries' jedhamu yeroo eebbisan diroonii biyya alaattuu gurguruuf qophii ta'uu dubbatan.
Itoophiyaan keessumaa waraana Kaaba biyyattiin walqabatee diroonii waraanaa bal'inaan fayyadamaa turte. Inuma dirooniin bifa waraanaa jijjiiruu xinxaltoonni himu.
Lammiilee nagaarratti miidhaa dhaqqabe walqabateenis aangawoonni qeeqamu. Ta'us, aangawoonni Itoophiyaan gara caalu diroonii qabaachuus ifatti dubbataa hin turre.
Haata'u malee, booda kana yeroo agarsiisa meeshaalee waraanaa dirooniiwwan mul'ataa turan.
Gara caalu dirooniin bittaan kan alarraa galan turan. MM Abiy dirooniiwwan kuni poolisiis akka gargaaru himan.
''Qormaanni nu quunnamu kamuu yoo jiraate odeeffannoo, haleellaa, sochii diinaa dursanii faana dhahuun fashaleessuufis'' waraanas ta'e poolisiifi tika biyyaaf guddaa akka gumaatu dubbatan.
Qorannoo itti fufuufi gabaa barbaaduun akka barbaachisullee himan.
Ministirri muummee Abiy dubbii isaaniin dirooniin (UAV) warshaa haaraa eebbifameen alatti humna qilleensaa Itoophiyaa fi (Eejansii Odeeffannoo Nageenya Netwoorkii) INSA akka oomishamu himan.
Fulbaana 04, 2025 wayita dhaabbata omisha diroonii "AEROABAY" jedhamu daawwatanitti Itoophiyaan dirooniwwaan adda addaa wayita waraanaa, hoomaa diina irratti xiyyeeffachuun balleessanii-badan baay'inaan oomishaa jirti jedhan.
''Dirooniin oomishaa jirru kun naannoo muraasa qofa irratti daangeffame miti, dirooniwwaan hojii daldalaaf, hordoffiifi duulaaf oolaan hedduu oomishaa jirra," kan jedhan MM Abiy, kanneen keessaas dirooniwwan "AeroAbay" tti oomishamaa jiran gosa diroonii balleessanii-baduu danda'u ta'uu eeraniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiy "waggoota muraasa dura Itiyoophiyaan diroonii bitachuuf qormaata guddaa akka qabdu'' himuun, ''Erga bitannee itti fayyadamuu dandeenyee booda amma, Itoophiyaan biyya sadarkaa adda addaatti diroonii oomishuu dandeessu taatee jirti,'' jedhan.
Bulchiinsa Nageenya Neetwork Odeeffannoo (INSA) fi Tajaajila Basaasaa fi Nageenya Biyyaalessaa (NIS) dabalatee dirooniiwwaan hedduun "bakkeewwan hedduutti" omishamaa jiraachuus ibsaniiru.
Ertiraa: Su-27
Global Firepower Ertiraanis akkuma Itoophiyaa xiyyaara waraanaa Su-27 qabaachuu gabaaseera.
Mootummaa Ertiraa irraa odeeffannoo waa'ee humna waraanaa biyyattii argachuun rakkisaadha.
Mootummaan biyyattii dhimmoota humna waraanaa fi nageenyaan walqabatan iccitii guddaan qabachuu filata, kanaaf odeeffannoo hedduun hin qoodamu.
Garuu biyyattiin humna qilleensaa caalaa humna lafoorratti akka xiyyeeffattu ragaaleen ni mul'isu.
Humni qilleensaa Ertiraa baayyee xiqqoo fi ammayyummaan kan itti hanqatuudha.
Biyyattiin humna waraanaashee guddistee caasaa waraanaashee dulloomaa geeddaruu hin dandeenye.
Lakkoofsa xiyyaarota waraanaa, daangaa balalii fi sochii shaakalaa dabaluu hin dandeenye.
Ragaan Global Firepower walumaa galatti xiyyaaronni waraanaa qabdu 20 akka hin caalle ibse.
Jaarmiyaan kun gabaasa isaa kan bara 2025 keessatti Ertiraan humna idileefi eeggataa dabalatee tilmaaman loltoota 250,000 ta'an akka qabdu mul'ise. Kanneen keessaa 120,000 loltota idilee yoo ta'an 130,000 ammoo humna eeggataadha.
Loltoota humna qilleensaa garuu 500 qofa qabdi jedha gabaasi kun.
Ertiraan erga Itoophiyaa waliin deebitee qoccolloo fi muddama keessa galtee biyyoota Arabaa kanneen akka Masirii, Sa'uudii Arabiyaa fi Sudaan waliin hariiroo cimsatteetti.
Keessattuu biyya Afrikaa keessaa humna waraanaa cimaa qabduu fi Hidha Haaromsaa Guddichaan walqabatee Itoophiyaa waliin atakaaroo keessa jirtu, Masiriitti guddoo michoomte.
Pirezidantiin Ertiraa Isaayyas Afaworqii bara kana qofa yeroo lama gara Masirii imaluun gitasaanii kan Masirii Abdel Fattaa al-Siisii waliin dhimmoota nageenya naannawaa fi Galaana Diimaa irratti mari'ataniiru.
Pirezidanti al-Siisii fi qondaalonni Masiriis gara Ertiraatti deddeebi'aniiru. Asmaraattis dhimma nageenyaa fi Galaana Diimaan walqabaturratti mari'ataa akka turan ibsameera.
Afrikaa keessaa humna waraanaan jalqabarra kan jirtu Masiriin xiyyaarota waraanaa ammayyaawoo kanneen akka F-16 fi MiG-29s jedhaman dabalatee waliigalatti xiyyaarota waraanaa kumaa ol qabdi jedha ragaan Global Firepower.
Jibuutii: Nord N.2501 Noratlas
Jibuutiin biyyoota Gaanfa Afrikaa keessaa humna qilleensaa cimaa qabaachuu baattus biyyoonni jajjaboon addunyaa kanneen akka US fi Faransaay biyyattii keessatti buufata humna waraanaa waan qabaniif eegumsa cimaa qabdi.
Xiyyaaronni jalqaba humna qilleensaa Jibuutii argate- xiyyaarota Nord N.2501 Noratlas jedhaman sadi, akkasumas helikooptara Faransaay Aérospatiale Alouette II helicopter jedhamu tokko qabdi.
Xiyyaarri Faransaay bara 1949 hojjetame Nord N.2501 Noratlas jedhamu xiyyaara waraanaa ta'us garuu humnoota waraanaa geejjibsiisuuf oola.
Humni qilleensaa Jibuutii xiyyaarota qabu fayyadamuun tajaajila gejjibaa, eegumsa daangaa fi basaasaa gaggeessa.
Biyyoota akka Faransaay, Ameerikaa, Raashiyaa, Morookoo, Masirii irraa leenjii kan argattu biyyattiin, loltoota humna qilleensaa 360 qofa qabaachuu ragaan bara 2018 ba'e ni mul'isa.
US, Chaayinaa, Faransaay, Jappaan fi Xaaliyaan biyyoota Jibuutii keessaa buufata waraanaa qabaniidha.
Jibuutiin Galaanaa Diimaa hanga Galoo Galaanaa Adenitti sochii jiruuf murteessuu waan taateef xiyyeeffannaa addunyaa taateetti.
Somaaliyaa- biyya humna qilleensaa hin qabne?
Waraana waliinii 1991 booda humni qilleensaa fi dameewwan isaa hundi guutummaatti barbadaa'an.
Ergasiis sochiin hidhattoota al-Shabaab biyyattii waan humna buuseef, humni qilleensaa hafee humnuma waraanaa ishee waliigalaayyuu cimsachuu hin dandeenye.
Loltoota biyyoonni ollaa gumaachaniin nageenyi ishee eegamaa jira.
Biyyattiin eegumsaa fi oppireshinii humna qilleensaa isheef akkasumas duula farra shororkeessummaaf deeggarsa biyyoota alaarraa eeggatti.
US fi Turkiin deeggarsa diroonii fi haleellaa qilleensaa ni taasisuuf. Biyyoonni kunneen buufata humna waraanaa biyyattii Baledogle jedhamu kan magaalaa guddoo Moqadishoo irraa gara kaaba lixaatti kiilomeetira 60 irratti argamurraa xiyyaara bobbaasuun nageenya ishee mirkaneessu.
Dhiheenya kana garuu biyyattiin paayileetota, loltootaa fi ajajoota humna qilleensaa biyyoota alaatti leenjisuun humnashee jabeeffataa jirti.
Turkiin karaa buufata waraanaa guddaa Moqadishoo keessaa qabdu, Camp TURCSOM jedhamuu loltoota Somaaliyaaf leenjii fi tajaajila waraanaa kaan kenniti.
Ameerikaan buufata humna qilleensaa Baledogle fayyadamuun oppireeshinii gaggeessiti, akkasumas bakka kana buufachuun loltoota Somaaliyaaf tajaajila leenjii kenniti.
Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) akkasumas Somaaliyaa keessaa humna qabdi ture, leenjiis loltoota biyyattiif kennaa turte.
Humna achii qabaachuunshee waliigaltee buufata Barbaraa kan Somaalilaand keessatti argamu waliin hidhata qaba ture.
Biyyoonni Afrikaa kanneen akka Itoophiyaa, Burundii, Yugaandaa, Keeniyaa, Jibuutii ammoo Gamtaa Afrikaa jalatti ergama nagaa eegsisuuf loltoota ramaduun nageenya biyyattii eegsisu.
Garuu Somaaliyaanis erga sababa gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan dhiyeessiteen mufattee booda Masirii fi Ertiraa waliin michummaa cimsatteetti.
Nageenya daangaa fi walabummaa biyya isheef biyyoota Arabiyaa birmannaa gaafatteetti.



















