KALLATTIIN, Ameerikaan doonii boba'aa Iraan rukkutte, Teehraan buufata US Yordaanos jiru haleeluun haaloo baate

Waraanni Ameerikaa dooniiwwan boba'aa Iraan shan irratti haleellaa raawwachuu ajajaan giddugaleessaa beeksise. Iraan ammoo buufata waraanaa Ameerikaa kan Yordaanos keessa jiru rukkutuun haaloo baateetti.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Daawwadhaa: Yordaanos yeroo misaa'el Iraan irraa itti dhukaafame qolattu

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Yordaanos yeroo misaa'el Iraan irraa itti dhukaafame qolattu
  2. Ameerikaan doonii boba'aa Iraan rukkutte, Teehraan buufata US Yordaanos jiru haleeluun haaloo baate

    Doonii gaaanarraa mul'atu

    Madda suuraa, EPA/SHUTTERSTOCK

    Waraanni Ameerikaa dooniiwwan boba'aa Iraan shan irratti haleellaa raawwachuu ajajaan giddugaleessaa beeksise. Iraan ammoo buufata waraanaa Ameerikaa kan Yordaanos keessa jiru rukkutuun haaloo baateetti.

    Dooniiwwan boba'aa fe'atan Eegduu Warraaqsaa Iraan waliin walitti dhufeenya qaban afur Galoo Galaanaa Omaar keessatti irratti xiyyeeffatameera. Dooniin biraa tokko ammoo Odola Kaarg cinaattti haleeameera.

    Iraan haleellaa irratti raawwatameef buufata waraanaa Ameerikaa Yordaanos jirurratti haleellaa gaggeessiteetti.

    Yordaanos misaa'eloota 20 Iraan dhukaaste keessaa 18 qolattee fashalsuu beeksifteetti.

    Haleellaa Iraan fi Ameerikaan walirratti taasisan torban darberraa hammaatee itti fufeera.

    Ameerikaafi Israa'el erga Iraan irratti waraana bananii ji'oota ja'atu lakkaa'ameera.

    Sababa walitti bu'insa qaxanaa kana keessatti mudateenis gatiin boba'aa addunyaarratti baayyee dabaluutti jira.