Filannoo walakkeessaa US Sadaasa gaggeeffamu dursee waraanni Iraan xumura hin argatu -Tiraamp

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp filannoo walakkeessa biyyi isaa Sadaasa dhufu gaggeessitu dursee waraanni Iraan xumura ni argata jedhee akka hin yaadne ibse.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan Joordanitti xiyyaarota waraanaa Ameerikaa heddu haleelte

    Xiyyaaraa Waraanaa US

    Madda suuraa, AFP

    Haleellaan Iraan halkan gaafa Kiphxataa fi Roobii ganama Joordaan irratti raawwattee xiyyaarota waraanaa Ameerikaa heddu irratti miidhaa geessiseera.

    Miidiyaa Ameerikaa michuu BBC kan ta’e CBS News akka gabaasetti, haleellaa kanaan xiyyaaronni waraana Ameerikaa hedduun miidhamuu isaanii namoonni dhimmicha kallattiin beekan himuu gabaaseera.

    Akka maddoonni himanitti, xiyyaarota waraanaa F-15 jedhamuun beekaman keessaa gara saddeetirra miidhaa salphaan gaheera. Xiyyaaroonni kun erga suphamanii booda gara tajaajilatti deebifamuu danda'an gabaafameera.

    Akkasumas, misaa’elli tokko Xiyyaara waraanaa Ameerikaa 'Warthog A-10 Thunderbolt' jedhamee beekamu, rukutee baallee isaa keessaa tokko guutumaan guutuutti barbadeesseera.

    Maddoonni odeeffannoo iccitii CBS News waliin dubbatan akka jedhanitti, haleellaa kanaan loltoonni Ameerikaa ajjeefamuun hin gabaafamne.

    Humnoonni Ameerikaa Joordaan keessa jiran misaa’ela Paatriyaat 30 ol kan haleellaa Iraan Joordaan irratti raawwate irraa ittisuuf furguggisanillee haleellaa kana qolachuu hin dandeenye.

    CBS News kana dura akka gabaasetti, qondaaltonni Ameerikaa gosoota meeshaa waraanaa sirrii misaa'ela Iraan qolachuu danda'an kuusaa keessaa hir'achaa dhufuun isaan yaaddessaa jira.

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp filannoo walakkeessa biyyi isaa Sadaasa dhufu gaggeessitu dursee waraanni Iraan xumura ni argata jedhee akka hin yaadne ibsuun, Iraan filannoo kana irratti dhiibbaa uumuuf abdii kutattee jirti jedhan.

  2. Huutiin Yaman ulaa Bab el-Mandeb Galaana Diimaa to'achuufi

    Loltoota Yaman naannoo ulaa Bab el-Mandeb to'achaa jiran

    Madda suuraa, AP

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Yaman naannoo ulaa Bab el-Mandeb to'achaa jiran

    Dhaabbanni oduu Rooyitars qondaaltota mootummaa Yaman sadii wabeeffachuun akka gabaasetti, Gareen loltoota Huutii buufata doonii Makkaa qabataniiru.

    Bakka Qaxxaamura Galaanaa Baab al-Mandab dooniwwaan hedduun keessa qaaxxamuran to’achuuf dhiyaachaa jiru jechuun maddoonni waraanaa mootummaa Yaman Reuters’tti himan

    Loltootni kun magaalaawwan qarqara galaanaa, kanneen akka Mooxaa fi Dhubaab jedhaman ta'achaa jiru. Magaalotni kunneen ammoo Baab al-Mandabitti dhihoo jiru.

    Gareen kun qarqara Galaana Diimaa Yaman guutuu to’achuufis sochiitti akka jiru gabaafameera.

    Guyyoota dhiyoo asitti Huutii fi humnoota mootummaa Yaman, kanneen Sa’uud Arabiyaan deeggaraman, gidduutti lolli hammaachaa jira.

    Waraanni kun waliigaltee dhukaasa dhaabuu bara 2022tti Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin taasafamee ture diigamuu fi waraanni guutuun deebi’uu danda’a yaaddoo jedhu uumeera.

    Baab al-Mandab, ulaa Galaana Diimaa fi Galaana Arabaa wal qunnamsiisu yoo ta'u Yaman, Jibuutii fi Eertiraa gidduutti argama. Daandiin galaanaa kun boba’aa fi meeshaalee daldalaa gara biyyoota adda addaatti geessuuf baay’ee murteessadha.

    Daandiin kun yoo cufame, geejjiba boba’aa biyyoota akka Sa’uud Arabiyaa irraa gara Awurooppaa fi Eeshiyaa deemuu irratti rakkoo guddaa uumuu danda’a. Kunis yeroo ulaan Hormuz cufamee jirutti dhiibbaa dhiyeessii boba’aa addunyaa irratti uumamuu malu biraa ta'a.

    Garee loltoota Huutii fi Sa’uud Arabiyaa gidduutti haleellaan akkuma itti fufetti jira.

  3. Paartiin Rippaablikaanaa filannoo walakkeessaa mo'annaan ga'essi hundi $5,000 argata - Tiraamp

    Donaaldi Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp warri Rippaablikaanaa filannoo marsaa walakkaa yoo mo'atan ga'essi Ameerikaa marti doolaara 5,000 argata jedhe. Qarshiin kuni waliigalaan doolaara tiriliyoonaa ol taha.

    Tiraamp haasaa kana kan taasise kora paartichi yeroo filannoon marsaa walakkaa dhiyaataa jirutti yeroo jalqabaaf taa'ame irrattidha.

    Pireezidantichi akkaataa karoorri kuni hojiirra oolu ykn qarshiin kuni eessaa akka dhufu hin dubbanne garuu qarshichi Ameerikaa keessatti qofa kennama.

    Warri paartii demokiraatii ''waadaa qullaa'' yoo jedhan kaan ammoo waadaan akkasii seera qabeessa tahuuyyuu gaafataniiru.

    Ameerikaan ga'essa miiliyoona 270 tahu qabdi, tokkoon tokkoo namaaf doolaara 5,000 kaffaluun Ameerikaa doolaara tiriliyoona 1.3 baasisa.

    Karoorri kuni hojiirra ooluu danda'aa kan jedhu gaaffii kan kaase yoo tahu - keessumaa sababa waraana Ameerikaa fi Iraaniin gatiin daballi agarsiisaa yeroo jirutti dhagahame.

    Iraan biyyoota michuu Ameerikaa tahan keessatti buufataalee waraanaa Ameerikaa haleeluu akkasumas Ulaan Hormuz cufamuun dubbii hammeessee jira.

    Ugguuramuun sarara geejiba boba'aa addunyaa %20 tahuu gatii boba'aa irratti dhibbaa kan uume yoo tahu Tiraamp waraana akka dhaabu paartisaarraa dhiibbaan irra gahaa jira.

    Roobii kaleessaa Tiraamp hamma filannoon marsaa walakkaa xumuramutti waraanni Iraan hin dhabbatu jedheera. Haalli kuni gatii boba'aa ol yoo kaase malee kan hir'isu miti.

  4. Apple bilbila haaraa dacha'u gabaatti dhiyeesse

    Apple dadacha'u

    Madda suuraa, Apple/courtesy

    Joon Teernuus hogganaa olaanaa dhaabbata teeknolojii Apple tahee torbee lammaffaatti dhaabbatichi hojii jalqabee waggaa 20 keessatti yeroo jalqabaaf oomisha isaarratti jijjiirama taasiseera.

    Joon hogganaan duraanii Tiim Kuuk gadhiisuun booda Roobii kaleessaa yeroo jalqabaaf bilbila iphone dacha'u kuni gadhiifamuusaa beeksiseera.

    Bilbilli haaraa kuni kitaaba kan fakkaatu yoo tahu maqaan Duwoo jedhamu kennameeraafi. Oomishaalee dhaabbatichi hamma har'aa gadhiise keessaa isa guddaadha.

    Gatiinsaas doolaara 1,999 hanga 3,200 yoo tahu bilbiloota dhaabbatichi hamma yoonaa oomishe keessaa isa qaaliidha.

    Joon bilbilli Duwoo jedhame kuni ''iPad irraa kaka'umsa fudhachuun'' kan hojjetame yoo tahu ''dadacha'aa fi madaqaadha,'' jedhe.

    Bilbilli dadacha'u kuni yeroo dheeraaf dhaabbata Apple keessatti kan irratti hojjetamaa turedha.

    Bilbilli Duwoo kuni gaafa dacha'u ipad xiqqoo fakkaata. Yeroo walakkaan dacha'u ammoo iphone guddaa fakkaata.

    Hogganichi bilbilli haaraan kuni ''bu'aa kalaqa guddaa yoo tahu maamilooti muuxannoo haaraa argatu,'' jedhameera.

  5. Filannoo walakkeessaa US Sadaasa gaggeeffamu dursee waraanni Iraan xumura hin argatu -Tiraamp

    Pirezidantii US Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp filannoo walakkeessa biyyi isaa Sadaasa dhufu gaggeessitu dursee waraanni Iraan xumura ni argata jedhee akka hin yaadne ibse.

    Hanga sanaatti gatiin boba'aas ni hir'ata jedhee akka hin yaadnes ibseera Pirezidant Tiraamp.

    "Akkuma filannoon sun xumurameen waraanni kun ni dhaabbata jedheen yaada. Sababiin isaa ammoo isaan ol dandamachuu hin danda'an," jedheera.

    Pirezidantichi filannoon walakkeessaa osoo hin gaggeeffamiin dursee Kora Paartii Rippabilikaanotaa Teksaas keessatti gaggeeffamurratti ni argama.

    Filannoon kun humna madaallii caasaa mootummaa biyyattii keessa jiru jijjiiruu danda'a.

    Tiraamp waraana Iraan kana akka dhaabuuf paartii isaa Rippabilikaanota irraa osoo hin hafiin dhiibbaan itti cimeera.

    Erga Waxabajji darbeetii gatiin boba'aa barmeeliin tokko dolaara 100 caaleera.

    Tiraamp "filannootiin booda gatiin boba'aa ni hir'ata," jedheera.

    Iraan filannicharratti dhiibbaa taasisuuf, "baayyee carraaqaa" jiraachuu kan dubbate Pirezidant Tiraamp, warri Dimmokiraatotaa aangoo qabatanii "meeshaa nukilaraa ijaaruuf kaayyoo qabaachuushee" ibseera.

    Iraan garuu fedhii meeshaa waraanaa Nukilaraa ijaaruu akka hin qabne irra deddeebiin beeksisteetti.

  6. ASHAMAA?

    Akkam jirtu?

    Oduu kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Odeeffannoo biyya keessaafi guutummaa addunyaa irraa battalumatti toora kanaan ni argattu:

    DHIYAADHAA!

  7. Kufaatiin mootummaa Iraan dhiyaate jedha Netaaniyaahuun

    Ministira Muummee Israa’el, Beniyaamin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, X Netanyahu

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Muummee Israa’el, Beniyaamin Netaaniyaahuu

    Ministirri Muummee Israa’el, Beniyaamin Netaaniyaahuu, Naannawa daangaa Sooriyaa to’annoo Israa'el jala jirtu naannawa gaaraa Jabal al-Sheyik keessatti argamuun, mootummaa Iraan aangoorraa buusuuf baay’ee dhiyaachuu isaanii dubbate.

    Netaaniyaahuun ergaa viidiyoo naannoo sana irraa dabarseen, “hojiin muraasa tokko tokko hafee” jedhe. Kaayyoon guddaan isaanis mootummaa Iraan aangoorraa buusuudha.

    “Kaayyoo kana bira ga’uuf baay’ee dhiyaanneerra,” jechuun dubbate.

    Akkasumas, gareen mootummaa Iraan deeggaramu guutummaatti diigamuu akka danda’us ibse.

    Israa’el, mootummaan Bashaar Al-Asaad erga kufee booda, naannoo gaaraa Jabal al-Sheyik kan daangaa Sooriyaa keessaatti argamu to’annoo jala oolchite.

    Daawwannaa Netaaniyaahuu naannoo sanaatti taasise irratti, Ministirri Ittisaa Israa’el, Israa’el Kaaz waliin ture.

    Netaaniyaahuun yeroo ammaa mootummaa Iraan aangoorraa buusuun kaayyoo Israa’el keessaa tokko ta’uu ifatti ibsuun isaa, walitti bu’iinsa Israa’el fi Iraan keessatti muddama cimsuu danda'a yaaddoo jedhu uumera.

    Haa ta’u malee, Netaaniyaahuun mootummaa Iraan akkamitti aangoorraa buusuuf akka yaadan ykn tarkaanfiiwwan itti aanan maal akka ta’an ibsa bal’aa hin kennine.

  8. AI waggoota 10 keessatti namaa lafarra dhabamsiisuuf carraa akka qabu qorataan akeekkachiise

    AI

    Madda suuraa, Getty Images

    Qorataan nageenya hubannoo namtolchee (AI) dhaabbata Anthropic keessatti hojjetu, AI’n waggoota 10 dhufan keessatti ilmaan namaa hunda dhabamsiisuuf carraan isaa dhibbeentaa 10 ol ta’uu akka danda’u akeekkachiise.

    Ivan Hubinger, qorataa nageenya AI olaanaa dhaabbata Anthropic keessatti hojjetu, ergaa miidiyaa hawaasaa X irratti barreesseen,balaa AI yeroo ammaa jiran irraa dhufu xiqqaa dha. Garuu gara fuulduraatti ofumaan of fooyyeessaa deemuu yoo ta'e balaa guddaa ilmaan namaa irratti fiduu danda’a jedhe.

    Hubinger akkamitti AI’n ilmaan namaa dhabamsiisuu akka danda’u ibsa bal’aa hin kennine. Garuu inni fi qorattoonni biroo, AI’n gara fuulduraatti sirnoota baay’ee humna qaban ta’uu fi sirnoota kompiitaraa, dinagdee fi dameewwan biroo irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu danda’u ta'uu ibsan.

    Garuu yaada kana irratti mormiinis jira. Damee saayinsii kompiitaraa irratti heddu kan beekamtuu fi gorsituu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhimma AI kan taate Wendii Hall, yaadni Hubinger kun akka ishee ajaa’ibu BBCtti himte.

    Hall akka jettutti, akeekkachiisni akkanaa tokko tokko tarsiimoo beeksisaa ykn gabaa ta’uu danda’a. Keessumaa dhaabbileen AI gurguddoon tokko tokko gara gabaa aksiyoonaatti seenuuf qophii taasisaa wayita jiranitti, yaadni akkanaa gaaffii kaasu danda’a jette.

    Hubinger, ergaa isaa X irratti namoonni miliyoona 10 ol ilaalan irratti dhaabbanni Anthropic AI’n jiraachuu ilmaan namaa irratti balaa fiduu akka danda'u akka akka amanu ibse.

    Yeroo ammaa qorattoonni hedduun AI’n nageenya namaa irratti dhiibba akka hin qabaanne tattaaffii godhamaa jiraachuu himu. Haa ta’u malee, sirnoonni AI tokko tokko ofumaan haleellaa saayibarii raawwachuu danda’uu isaanii ilaalchisee ji’oota muraasa darban keessatti gabaasoonni ba’aa turaniiru.

  9. Paakistaan garee loltoota Huutii Yaman akeekkachiiste

    Loltoota Huutii Yaman

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Huutii Yaman

    Ministirri Ittisaa Paakistaan Kawaja Asif, gareen Huutii Yaman Sa'uud Arabiyaa irratti haleellaa rawwachuu irraa akka of qusatu akeekkachisan.

    Paakistaan, Sa'uud Arabiyaa fi Turkiin yeroo dhihoo as Magaalaa Makkaa keessatti waliigaltee ittisaa waliinii mallatteessuu hordofee, Huutiin Saawudii haleeluun akka Pakistaanis haleeltetti ilaalama jedhan.

    Biyyootni sadan isaan keessaa biyya tokkorratti yoo haleellaan taasifame akka isaan hunda irratti raawwatameetti akka waliif tumsan waliif galan.

    Kawaja Asif, haleellaa Huutiini Sa'uud Arabiyaa irratti raawwatan hordofee, waliigalteen ittisaa kun hojii irra ooluu akka danda’u ibseera.

    Loltootni Huutii kanneen Iraaniin deeggaraman, Sa'uud Arabiyaa irratti misaa’elaa fi diroonii fayyadamuun haleellaa cimaa raawwataniiru. Haleellaan kun magaalota, bu’uuraalee misoomaa dinagdee fi damee anniisaa irratti xiyyeeffachuu isaa ibsameera.

    Haleellaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 73, irra caalaan isaanii namoota nagaa ta'an, madaa’uu isaanii Sa'uud Arabiyaan beeksiste.

    Ministirri Ittisaa Paakistaan, mootummaa miseensa waliigaltichaa keessaa tokko irratti “aggaammii” ykn haleellaan raawwatamu, akkasumas waraanni Yaman gara daangaa Sa'uud Arabiyaa babal’achuun, qajeelfama ittisa waliinii waliigaltee Makkaa keessatti argamu hojii irra oolchuu akka danda’u ibseera.

    Asif, rakkoon kun akka tasgabbaa’u abdii qabaachuu ibsanii, loltootni Huutii garuu waraana Yaman daangaa biyyattii keessaa gara biyyoota birootti akka hin babal’ifne akeekkachiiseera.

  10. Dooniiwwan boba'aa hedduun hormuuz keessatti barbadaa'an

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Guyyoota darban keessa haleellaa Galoo Galaana Pershiyaa fi ulaa Hormuz keessatti raawwatameen dooniiwwan hedduun gubachuu fi miidhaan irra gahuun gabaafame.

    Abbaan Taayitaa Daldalaa UK akka gabaasetti dooniin Yunaayitid Arab Emireets Poort Rashiid irraa gara kaaba dhihaatti imalaa turte gama tokkoon liqimfamaa jirti jedhe.

    Dooniin kun kana dura misaa'elaan haleelamuu akka hin hafnellee gabaafame.

    Dhaabbanni Biriteen sochii doonii hordofus dooniiwwan hedduun Galoo Galaana Pershiyaa keessatti ibiddaan akka gubachuu beeksiseera.

    Gabaasni kun kan ba’e Iraan dooniiwwan 20 kanneen ulaa Hormuz keessa darbuuf yaalan haleeluu ishee erga beeksiftee booda.

    Dhaabbanni Biriteen kun akka jedhetti, "Gabaasaaleen akka agarsiisanitti dooniiwwan kunneen sochii waraanaa naannichatti deemaa jiru gidduutti irratti xiyyeeffatamee'' jechuun ibseera.

    Iraanii fi Ameerikaan kanaan dura doonii walii irratti miidhaa geessisuu isaanii beeksisuu isaanii gabaafnee turre.

    Ameerikaan haleellaa Iraan dooniiwwan ishee irratti raawwatteef deebii kennuudhaan dooniiwwan boba'aa Iraan shan rukutee ''barbadeessuu'' dubbatti.

    Gama biraatiin, Eegdonni Warraaqsa Iraan haleellaa misaa’ela haaloo ba’uuf doonii waraanaa Ameerikaa lamaa fi taankeroota saddeet irratti xiyyeeffachuu isaa beeksise.

  11. Rakkoo hordoffii tiraafika qilleensaa mudateen Biriteenitti balaliiwwan kumaa ol haqaman

    Xiyyaarota buufta xiyyaaraa keessa qubatanii jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Sababa rakkoo sirna hordoffii tiraafika qilleensaa mudateen balaliiwwan kumaa ol haqaman. Sagantaa balalii guyyaa Roobii akkuma haqameen itti fufuun isaas ibsameera.

    Rakkoo mudate kanaan imaltoonni kuma kudhaniin lakkaa'aman kan rakkatan yoo ta'u, akka marsariitiin balalii hordofu, Filaayitraadaar 24, ibsetti taanaan rakkoo tekinikaa sirna to'annoo tiraafikaa mudateen balaliiwwan 1,000 ol haqamaniiru.

    Ministirri Tiraanispoortii Biriteen Hayidii Aleksaandiroo Roolfin waa'ee rakkoo uumame kanaa deebiifi ibsa akka kennan kan gaafataman yoo ta'u, ministeerittiin rakkoon kun haleellaa saayiberiitiin kan mudate akka hin taane, "sirriitti mirkaneeffachuun" ibsite.

    Sababa rakkoo uumame xiyyaaronni baayyeen ka'uu waan dadhabaniif buufata xiyyaaraa irraattis rakkoo uumeera, balaliiwwan biyyoota birooraa ka'anis balaliin isaanii akka gufatuuf sababa ta'eera.

    Rakkoon kun guutummaa Yunaayitid fi isaan olittis babal'atee dhaga'ameera. Buufataaleen xiyyaaraa Ayerlaanditti argamanis rakkoon isaan mudachuu beeksisaniiru. Easyjet balaliiwwan 200 yoo haqu, British Airway ammoo balaliiwwan 100 haqeera.

    Ministirri Tiraanispoortii Hayidiid Aleksaandar, "balaliiwwan guutummaan guutuutti gara haala idileetti deebisuudhaaf yeroo fudhata; kanaaf, imaltoonni daandiiwwan qilleensaarraa odeeffannoo imalaa akka mirkaneeffatan nan gorsa," jetteetti.

    Awurooppaa keessatti buufataawwan xiyyaaraa hojiin itti baayyatu keessaa tokko kan ta'e Buufata Xiyyaaraa Hiitiroo irraa balaliiwwan ka'an yeroof addaan citaniiru. Yeroof sochiin itti fufee turullee booda garuuu deebiyee gufateera.

    Sababa xiyyaaronni ka'uu hin dandeenyeef balaliiwwan waaree booda qaqqabaniif buufata xiyyaarichaa keessa bakki qubatan dhabamuu ibsameera.

    Sababa kanaanis, balaliiwwan gara Buufata Xiyyaaraa Hiitroo dhufan 13 kara kuta abiyyaa Biriteen fi buufataaleen xiyyaaraa Awurooppaa birootti darbuuf dirqamaniiru.

  12. Daawwadhaa: Yordaanos yeroo misaa'el Iraan irraa itti dhukaafame qolattu

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Yordaanos yeroo misaa'el Iraan irraa itti dhukaafame qolattu
  13. Ameerikaan doonii boba'aa Iraan rukkutte, Teehraan buufata US Yordaanos jiru haleeluun haaloo baate

    Doonii gaaanarraa mul'atu

    Madda suuraa, EPA/SHUTTERSTOCK

    Waraanni Ameerikaa dooniiwwan boba'aa Iraan shan irratti haleellaa raawwachuu ajajaan giddugaleessaa beeksise. Iraan ammoo buufata waraanaa Ameerikaa kan Yordaanos keessa jiru rukkutuun haaloo baateetti.

    Dooniiwwan boba'aa fe'atan Eegduu Warraaqsaa Iraan waliin walitti dhufeenya qaban afur Galoo Galaanaa Omaar keessatti irratti xiyyeeffatameera. Dooniin biraa tokko ammoo Odola Kaarg cinaattti haleeameera.

    Iraan haleellaa irratti raawwatameef buufata waraanaa Ameerikaa Yordaanos jirurratti haleellaa gaggeessiteetti.

    Yordaanos misaa'eloota 20 Iraan dhukaaste keessaa 18 qolattee fashalsuu beeksifteetti.

    Haleellaa Iraan fi Ameerikaan walirratti taasisan torban darberraa hammaatee itti fufeera.

    Ameerikaafi Israa'el erga Iraan irratti waraana bananii ji'oota ja'atu lakkaa'ameera.

    Sababa walitti bu'insa qaxanaa kana keessatti mudateenis gatiin boba'aa addunyaarratti baayyee dabaluutti jira.