Yaala Keemootiin rifeensikoo harca'uun ciminakoo malee waan ibsu biraa hin qabu

Madda suuraa, Caroline Sikkenk
Riyaanoo Toomaas yaalii Keemooteeraappii jalqabdee torbee keessatti rifeensishee harca'uu yoo eegalu ofitti amanamummaanshee haalan gadi bu'e ture.
Garuu duula dubartoota kaansarii Harmaatiin rakkatan jajjabeessuuf qophaa'eef suura kaate yeroo ilaalte ofitti amanamummaa ammaan dura nan qaba jettee hin yaannetu isheetti dhagahamu jalqabe.
"yeroo jalqabaatiif akkan baayyee bareedduu ta'ee fi cimtuu fi ofitti amanamummaa kanin qabu ta'uunkoo natti dhagahame. Yeroo ulfaataa akkasii keessa yeroo seentu Cimini argattu baayyee waan nama raaju" jetti dubartiin ganna 36 tuni.

Madda suuraa, Rhiannon Thomas
Haadha ijoollee dubara lamaa kan umriin isaanii 14 fi sagal ta'anii kan taate Riyaanoon, bara 2025 yeroo shaaworii dhiqattu Harmasheerratti dhiitoo wayii argitee booda akka Kaansarii Harmaatiin qabamte barte.
"Rifatuu hamaa keessan bu'e. mee ijoollee keetitti maal jettee himta? Jetti waan yerosii yoo yaadattu.
Eegasii booda yaaliiwwan 'Mastektoomii, Keemooteeraappii Radiyooteeraappii' jedhaman fudhachaa jirti.
Yeroo yaalii Keemooteeraappii fudhattu rifeensishee harca'uu jalqabnaan ofirraa haadde. Rifeensashee guutuutti haadachuun duratti intallishee xiqqoon akka ogeettii rifeensa sirreesituutti maqasiidhaan mummurtee akka itti gammaddu goote.
"Rifeensikoo silaa dhumuunsaa waan hin oolleef akka barbaaddutti mummurin jedheen. Waan ulfaataa tokko ijoolleenkoo waan ittiin gammadan wayii akka godhanin taasise. Akkan aare akka isaan hin yaanneefi. Mucaankoo xiqqoon baayyee itti tole" jetti.

Madda suuraa, Rhiannon Thomas
Taatee Kanaan booda garuu jijjiirama qaama isheerratti dhufe kana amananii fudhachuun laayyoo hin turre.
"Nan yaadadha daawitii keessatti of ilaaleen boo'aa ture. bifa ammaa kana qabattee ofamansiisuun ulfaataadha" jetti.
Isarra ammoo erga rifeensashee haaddatteen booda maatiinshee yeroo jalqabaatiif yeroo ishee argan miira fuula isaaniirra ture yoo yaadattu ammallee imimmaantu hudha.
Eegasii booda yeroo manaa baatu yeroo hunda mataashee qoobiidhaan haguuggatti.

Madda suuraa, Caroline Sikkenk
Ta'iiwwan akkanaa kuni Narsii fayyaa sammuu kan taatee fi haadha Ijoollee lamaa Saam Gironow Waaltersiif waan baratamaadha.
Ganna 44 kan taate dubartiin kunis, sababa yaala kaansarii harmaatiin rifeensishee harca'eera. Kaansariinshee kan yaalamee fayyu miti.
Yaalii dheeraa fi ijibbaachisaa waggoota shaniif taasistee kaansarii irraa wayyoofte jedhamtee turtus ji'oota torbaan booda Kaansarichi deebi'uun barame.
"Deemsa itti fufuu qabda. Waanin gochuu danda'u hundumaa nan godha. Sababni isaas ijoolleenkoo yeroo guddatan arguun barbaada" jetti saam.

Madda suuraa, Caroline Sikkenk
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Akkuma Riyanoo isheenis yeroo rifeensishee harca'uu jalqabu Haadachuudhaan alatti filannoo biraa hin qabaanne. Wanti guddaan isheen yaadaa turte intalashee kan ganna 20 fi mucaashee kan ganna 13 haala kana salphisanii akka hubatan akkamiin gochuu akka dandeessu qofa ture.
Mucaanshee Istaayilii rifeensa taphataan Biraaziil Ronaaldoon waancaa Adunyaa bara 2022 irratti fayyadame, fuulduratti qofa rifeensa xiqqoo dhiisee guutuu haaddate akka fayyaadamtu gorse. Isheenis fudhatte.
"Anaaf inni yaadannoo gaariidha. Sababni isaas yeroon haala gaarii hin taane kana keessattilleen inni miira gaarii akka qabaatu ta'e. kanaaaf ijoolleekoo gammadoo fi akka kolfan godheera" jetti.
Kanas ta'ee garuu biftishee haaraan kuni xiinsammuu Ijoolleesheerratti dhiibbaan fiduu malu ishee yaaddessa.
"Yeroon mucaakoo mana barumsaa geessu qoobii kaawwadheeni. 'yoon mataa kiyya dhoksuu baadhe rakkoo qabaa?' Jedheen gaafadha. 'Lakkii maal rakkoo qaba' naan jedha" jetti.

Madda suuraa, Sam Gronow-Walters
Riyaanoo fi Saam yeroo jalqabaatiif kan walargan duula tola Ooltummaa kaansarii Harmaa Faawundeeshinii Poonk Riban jedhamuuf erga mallatteessaniin booda.
Pirojektiin kuni dubartoota sababa kaansarii harmaa yaalamuutiin rifeensa isaanii dhaban jajjabeessuu kan kaayyeffate.
Dubartoota akka isaanii sagal waliin ta'uun ogeessa suuraa Biyya Daachi, Karolin Sikenk sagantaa suura ka'uu Guyyaa tokkoof Kardiifitti dabarsan.
Suurri isaaniis ji'a itti aanu London, Pikaadlii Layititti agarsiisaaf dhihaata.
Dubartoonni lamaanuu suura isaanii ka'anii qoodamuutti sodaatanii ture. garuu walii isaanii waliin yeroo gammachiisaa dabarsan.
"Akka hundi keenyaa durumarraa walbeeknu fakkaata ture. amma hundi keenyayyuu quba walqabaanna" jetti Saam.

Madda suuraa, Sam Gronow-Walters
Lamaan isaanituu suura isaanii jalqaba yeroo argan miira isaanii too'achuu dadhaban.
'Wow, waan ajaa'ibaati' jetti Riyaanoon sagantaa akkasii irratti affeeramtee hirmaachuusheetti akka gammadde himuun.
Saam ammoo "Wow tuni anumaa? Maatii kiyyatti agarsiisee kuni ana jechuutti baayyeen boone" jetti.
Dhaabbanni BOLD jedhamu kuni bara 2022 hundaa'e. Lisaan faawundeeshinii Pink Ribbon irraa konfaransii kaansarii harmaa qophaa'e irratti Karoliin waliin walargan.
Kaarooliin dubartoota sababa yaalii kaansarii harmaatiin Rifeensi isaanii irraa harca'e waggootaaf suura kaasaa ture.
"Waa'ee suurawwan kanaa wanti nama ajaa'ibu yoo jiraate dubartoonni kunneen akka dhukkubsattootaatti hin ilaalaman. Isaan baayyee cimoo, bareedoo fi ofta'oodha" jetti Lisaan.

Suurri jalqabaa kan kaafame bara 2023. "Wanti nuti osoo hin eegne ta'e kutaa hawaasaa wayii uumuu keenya. Dursinee garee Waatisaappii uumneerra. Kanaaf dubartoonni yeroo walgahan yeroo kaana waliin akka dabarsan yaadu. Suuraa erga ka'aniin booda hiriyummaan isaanii itti fufaa deema' jetti.
Dubartoonni lamaanuu pirojektii kana keessatti hirmaachuu isaanitiin ciminaa fi miira gaarii akka argatan himu.
"Suura sanaan booda ofitti amanamummaa fi ilaalchi gaariin qabu baayyee dabale. Achi yeroon deemu bilisa ta'ee ofitti amanamummaa fi waanin dhoksu tokko osoo hin qabaanne. Mataa moluus sodaa tokko malee bifakoo haaraa ta'uu simadheera" jetti Riyanoon.
Saamiif ammoo suura kana ka'uun ofiishee amantee akka fudhattuuf ishee gargaareera.
"Kuni amma anadha. Rifeensa dheeraa Kanaan booda hin qabaadhu. Rifeensi harca'uun ana waan ibsu hin qabu. Inni kan ibsu kana keessa darbaa jiraachuu fi cumtuu ta'uukoo qofa" jetti Saam.

Madda suuraa, The Pink Ribbon Foundation
















