US misaa'ela Paatiroot dolaara biliyeena 2.1 oliin Yukireenitti gurguufi

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaan misaa'eloota Paatiroot 500 ta'u Yukiriinitti gurguruufi. Yukireen misaa'elota kana haleellaa Raashiyaan irratti gaggeessitu qolachuuf baay'ee kan barbaaddu yoo ta'u, yeroo dheeraaf hanqinni akka ishee mudate ibsuun wawwaataa turte.
Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin, misaa'eloonni kunneen hanga harka isanii gahutti yeroo dheeraa fudhachuu akka malu ibsuun US daftee akka dhiyeessituuf waamicha godhaniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa US akka beeksisetti, misaa'eloonni ammayyaa haleellaa qilleensarraa qolachuuf gargaaran kun, PAC-3 dolaara biliyeena 2.1tti tilmaama.
Baasii misaa'elota Paatiroot kanaa kan danda'u michoota Yukireen kan ta'an biyyoota Awurooppaafi Kanaadadha.
Pirezidaant Zeleniskiin Jimaata halkan ibsa kennaniin misaa'eloota baalistikii Raashiyaa qolachuu kan danda'u misaa'eloota farra haleellaa qilleensarraa US omishtu kana qofaa ta'uu ibsuun, US daftee akka Yukireen harkaan geessu gaafatan.
Bulchiinsi Tiraamp misaa'elotaa Paatiroot Yukireeniif kennuuf murteessuun kan dhagahame, hariiroon Tiraampfi Yukireen laaffateera yeroo jedhametti.
Tiraamp ji'a tokko dura boba'aa Raashiyaa argachuuf Raashiyaarraa qoqqobbii kaasuun ni yaadatama. Gama biraan ammoo waraana Yukireenifi Raashiyaa dhaabsisuuf "Yukireeen gaggeessaa haaraa ishee barbaachisa" jechuun dubbatee ture.
Yukireen garuu osoo waraana keessa jirruu filannoo gaggeessuu akka hin dandeenye irra deddeebin ibsaa turte.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Muddamni Tiraamp fi Zeleniskii gidduu ture kan qabbanaa'e, Onkoloolessa 20 Zeleniskiifi bakka bu'oonni US Oslootti wal-arganii erga dubbatanii boodadha.
Ministeerri Dhimma Alaa Jimaata ibsa kenneen, "gurgurtaan [misaa'elaa] yaadame kun nageenya biyya michuu US taatee fooyyessuun galma imaammata tarsiimoo alaafi nageenya biyyaalessaa US kan utubuudha" jedhe.
Akka ibsa kanaatti, bittaa misaa'ela ammayyaa kanaaf Yukireen karaa deeggarsa biyyoota akka Kanaadaa, Jarmaniifi Noorweey fa'aa ni kaffalti.
US misaa'ela kana Yukireeniif dhiyeessuf maallaqa homaa akka hin baasne ibsuun, dhaabbanni meeshaa waraanaa omishuun beekamu Lookhid Maartin misaa'elotaa akka dhiyeessu beeksite.
Gama biraan ammoo yaa'ii biyyoota guddatanii G20 jedhamu taa'amaa jirurratti Ministiirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov argamuunsaanii mormii kaasera.
Wal-gahiin kun US, Atilaantatti taa'amaa kan jiru yoo ta'u, Sargee Laavroov argamuu hordofee, Raashiyaan biyya Yukireen weerarte ta'uusheen, dippilomaatonni Awurooppaa mormii qaban ibsaniiru.
Kanarraa kan ka'e dippilomaatonni Awurooppaa yaa'ii G20 kanarratti Sargee Laavroov waliin suura ka'uu didan.
Ministiirri Dhimma Alaa UK, Ed Milibaand Raashiyaan biyya Yukireen weerarte ta'uu osoo beeknuu Sargee Laavroov "nu gidduutti argamuu hin qabu" jechuun morman.























