Artist Ilfinash Qannoon akkamiin yaadatamti?

Ibsa waa'ee viidiyoo,
Artist Ilfinash Qannoon akkamiin yaadatamti?
Maxxanfame

Walleewwan qabsoofi jaalalaan kan beekamtu Artist Ilfinesh Qannoo du'aan addunyaa kanarraa boqotte.

Akka maatiin BBC'f mirkaneessanitti, Ilfinash magaalaa Finfinnee keessatti yaalarra turte.

Magaalaa Naqamteetti dhalattee kan guddatte Ilfinash, sirboota qabsootiin beekamti. Jaalalaan qabdee hacuuccaa ummatasheerra ga'uu ibsiti.

Erga duunishee dhagahamee dinqisifattoonnishee gadda isaanii ibsaa jiru.