Dubartiin seenaa Xaaliyaanii keessatti yeroo dheeraaf biyya bulchite, Joorjiyaa Meloonii eenyu?

Madda suuraa, Simona Granati - Corbis/Corbis via Getty Images
Joorjiyaa Meloonii Amajjii 15, bara 1977 Xaaliyaanii Roomitti dhalatte. Onkololeessa 22, 2022 ammoo dubartii jalqabaa Ministira Muummee Xaaliyaanii taatee filatamte.
Melooniin Roomitti kan argamu, Paartii Niyoo Faashitii keessatti yeroo umriinshee ganna 20 hin guunne keessa damee dargaggootaa keessatti hirmaachuun daandii siyaasaa eegalte.
Umrii ganna 45tti dubartii jalqabaa ministira Muummee Xaaliyaanii taatee filatamte yoo taatu, kunis waraana Addunyaa lammaffaa booda biyyattiitti paartiin sabummaa leellisu aangoo siyaasa biyyattii akka too'atu ta'e.
Paartiin Melooniin gaggeessan 'Brothers of Italy' jedhamu sabboonummaa kan leellisuu yoo ta'u, godaansa xiqqeessuu fi walfuudha saala walfakkaataa kan mormudha.
Paartiin ishee 'Brothers of Italy', keessatti warra paartii tokkummaa biyyaalessa 'Mariyoo Diragi' jedhamutti makamuuf fiixerra gahanii hafan keessaa isheen nama tokko. eegasii sagalee mormitootaa dhagahaman keessaa tokko taate.
Waggoota 10f paartii siyaasaa gaggeesitulleen bulchiinsa mootummaa keessatti muuxannoon qabdu garuu baayyee miti. Bara 2008 hanga 2011tti qofa Berluskooniitti ministira ta'uun tajaajilte.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Filannoo bara 2022 paartiinshee sagalee harka 26 argachuun erga moo'ateen booda aangoo ministira Muummee Xaaliyaanii ofharka galfatte. Injifannoo Sandura dorgommii turerratti paartiinshee sagalee harka 4.3 qofa argatanii kufan ture.
Battala Filannoo moo'achuu isaanii baran akkas jedhanii ture "Lammiileen Xaaliyaanii paartii 'Brothes of Italy' filachuudhaan ergaasaa dabarfateera".
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Osoo aangoo ministira Muummee hin gonfatin durarraa kaasee namoota jaalala saala walfakkaataa morman keessaayi. "jaalala Saala walfakkaataa didaa, hokkora islaamummaa didaa, godaantota didaa…" ergaawwan jedhan dhaamaa turan.
Maatiinshee erga walhiikanii booda haadhashee biratti kan guddatte Meloonii, paartii Bara waraana Banitoo Mosolonii booda hundaa'e, paartii sosochii Hawaasummaa Xaaliyaanitti makamuun siyaasa jalqabde.
Bara 1996 umriishee ganna 19tti waa'ee paartiishee dhaadhessuu eegalte. Dubbiinsheen baras taasiste "Mosoloniin nama siyaasaa cimaa natti fakkaata" jedhu hanga ammaa kan yaadatamu.
Fireench Tv irratti gaaffiif deebii taasiste irratti "Inni waan godhe hunda Xaaliyaaniif yaadeeti. Waggoota 50 darban nama siyaasaa cimaa akka isaa hin argine" jette.
Saniin boodammoo damee sosochii barattootaa 'National Alliance' dursuu eegalte.
Bara 2012 kan hundeesite Paartiin 'Brothers of Italy' faashitii waliin hariiroo homaatuu akka hin qabne irra deddeebiin ibsaa turte. Garuu miseensonni paartichaa tokko tokko duungoo Mosolonii ibsu qabatanii argamu. Kana malees suura abiddaa awwaalcha Mosolinii irra jiru akka ibsu kan yaadamu ibidda haalluu sadii qabu qabataniis argamu.
Melooniin warra mirga ulfa baasuu deeggaran keessaayi. Mirga kana kabachiisuifis dahoo seeraa akka kennaniif himaaturan.
Ministira muummee aangoorra yeroo dheeraa turan

Madda suuraa, Antonio Masiello/Getty Images
Joorjiyaa Meloonii aangoo ministira muummee Xaliyaanii irraa waggaa afur guutaniiru. Kanaanis erga waraana addunyaa lammaffaatii Silviyoo Berluskoonii kan bara 2001 hanga 2005 bulchan caaluun nama Xaaliyaanii yeroo dheeraaf bulchan ta'aniiru.
Xaaliyaaniin erga Ripabliika taatee hundooftee waggoota 80 darban keessatti gaggeesitoonni 68 itti walfuraniiru. Isaan keessaa gaggeessaan tokkoyyuu kan nagaan waggaa shan xumure hin jiru.
Berluskooniin waggaa shanan isaanii bira gahuuf dhihaatanii ture. Garuu hokkorri mootummaa keessatti ka'e osoo waggaA shanaffaa isaaniitiif kaabinee hin hundeeffatin bara 2005 aangoo gadhiisuuf dirqaman.
Melooniin amma aangoo ministira Muummee Xaaliyaanii irra waggaa afur xumuranii guuttee shanaffaa ishee hiriira uummataatiin Jimaata kana Magaala Bari, kan kibba biyyattiitti argamtutti kabajuuf jirti.
Melooniin nama hojii qabatamaa fi fuulleetti dubbatan ta'uu kan himamuuf yoo ta'u, qollifamaa fi hokkorawwan mootummoonni isaaniin dura turan uuman furuu danda'aniiru.
Haalli bara bulchiinsa isaanii tasgabbii qabu kuni bara dorgommii biraa injifatanii itti fufuu akka danda'aniif isaan gargaaruu mala jedhamee tilmaamama.
Bulchiinsi Meloonii yeroo Raashiyaan Yukireen weerartetti Yukireeniif deeggarsa qaban ifatti ibsan. Hariiroon Pirezedaantii Ameerikaa Doonaald Tiraap waliin uumanis seenaa Xaaliyaanii keessatti milkaa'inoota dipilomaasii keessaa akka gaarii ta'etti kan ilaalamu.
Awurooppaa keessumaa UK fi Faransayi keessatti yeroo tasgabbii dhabuun mootummaa ture jijjiiraa ture keessatti, Melooniin garuu raafama tokko malee Xaaliyaanii nagaan gaggeessaniiru. Kuni filaannoo itti aanu akka abdataniif onnee kan itti horu.
Filanno dhuma bara 2027 gaggeeffama jedhamee eegamu irratti Meelooniin bulchuu dandeessii? Gaaffiin jedhu hin jiraatu. Kan jiraatu bulchiinsishee warra dorgoman waliin yoo madaalame waan irraa eegamu kennuu danda'aa? Kan jedhu qofa.
Meloonii fi Tiraamp

Madda suuraa, EVAN VUCCI/POOL/AFP via Getty Images
Ministirri Muummee Melooniin, dubbiiwwan falmisiisoo dubbachuun ijoo dubbii ta'uu kan jaalatan Pirezedaantii Ameerikaa Doonaald Tiraap waliin yeroo hedduu jechoota walitti daddarbaataa turan.
Bara 2025 yeroo Tiraamp aangoo qabatee sagantaa afeerraa qophaa'e irratti gaggeessitoota Awurooppaa keessaa kan taa'umsa fuulduraa irra taa'e Meeloonii qofa ture.
Eebla darbeyyuu Gamtaa Awurooppaan filamtee marii taarifa Tiraamp biyyoota Awurooppaa irratti dabarsuuf jedhe akka salphisuuf marii Waayit Haawus isheetu durse.
Akka dubartii ilaalcha fooyya'aa qabdu tokkoo fi siyaasa Xaaliyaanii keessattis dubartii aadaa faashistii booda dhalatte tokkootti akkas Tiraampitti dhiyaachuun ishee waan gaarii qofaan akka hin ilaalamne kaasu namoonni hordofaa turan
.
Waltajjii gurguddaa Tiraamp argamu irratti akka adda dureetti argamaa turte.
Tiraamp garuu nama amala dhaabbataa hin qabnee fi dhaabbii hin qabne tahuun isaa Meelooniin akka rakkattu taasiseera.
Wal dhabdeen isaanii kan jalqabe xumura ji'a Bitootessaa keessa yeroo ministeerri ittisaa Xaaliyaanii xiyyaaronni waraanaa US gara Baha Gidduugaleessatti balali'an buufata xiyyaaraa NATO Sisilii naannoo Sinyoolaa jiru akka hin fayyadamne dhorkedha.
Torbanoota booda wal dhabdeen isaanii hammaachuu jalqabe. Tiraamp Phaaphaasii Kaatolikii addunyaa kan tahan Poop Liyoo XIV ''yakka irratti dadhabaadha'' jechuun qeeqe.
Biyya amantaa Kaatolikii hordofuun beekamu Xaaliyaanii kan bulchitu Meelooniin qeeqa Tiraamp kana ''fudhatama hin qabu'' jette.
Tiraampis dubbicha salphisee hin ilaalle. ''Baay'ee itti mufadheera'' jedhe. ''Kaka'umsa waan qabdun sehe. Garuu dogogoreen jira. Nama sirrii miti. Isheenis nama duraan beeku sana miti. Xaaliyaaniin Xaaliyaanii duraan beeknu miti'' jechuun ammas qeeqe.
Osooma hin turiin ammoo wal dhaban. Guyyaa tokko booda Tiraamp miiidyaa Xaaliyaanii La7 jedhamutti yoo himu, koricha irratti Meelooniin akka suuraa ishee waliin ka'u na kadhatte jedhe.
''Na waliin suuraa ka'uu akka malee barbaaddee ture'' jedhe. Ani garuu waliin hin kaane nan gaddaafii'' jedhee dubbate. Dibbiin kun afaan Xaaliyaaniitti hiikamuun darbe.
Meelooniin osoo hin turiin viiidiyodhaan bahuun waan Tiraamp jedhu kun dhugaa miti jette.
''Pirezidaantiin Ameerikaa maaliif amala akkasii michoota UStti akka agarsiisu hin beeku. Fuula akkasii doonota biyyoota Lixaatti ammoo hin agarsiisu. Nama gaddisiisa'' jedhe.
''Waan yaadachuu qabu tokko garuu jira. Anas tahe Xaaliyaaniin waan isa kadhannu tokkollee hin qabnu'' jette.
















