Pirezidaant Isayyaas gara biyya Itoophiyaa waliin araarsuuf gaafatte Raashiyatti imalan

Jila Ertiraa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidaantiin Ertiraa Isayyaas Afawarqii Yaa'ii Raashiyaa fi Afrikaa sadaffaa Raashiyaa Mooskotti taa'amu irratti hirmaachuuf har'a ganama gara Moskoo imalan.

Yaa'iin sadaffaan Raashiyaa fi Afrikaa Onkoloolessa 28–29, 2026, Moskoo, Raashiyaa keessatti gaggeeffama.

Akka ibsa mootummaa Ertiraatti, Isayyaas yeroo Moskoo turan Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu fi dhimmoota biroo faayidaa waloo irratti mari'atu.

Jila kana keessatti Ministirri Dhimma Alaa Ertiraa Osmaan Saaleh ni argamu.

Yaa'ichi tumsa diinagdee, daldalaa, invastimantii, anniisaa, wabii nyaataa, qonnaa fi nageenyaa irratti xiyyeeffata jedhame.

Imalli Isayyaas kun yeroo Raashiyaan Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti muddama siyaasaa fi waraanaa hammaate karaa marii fi waliigalteen akka furamuuf jaarsummaa taa'uuf yaalii gochaa jirtutti ta'e.

Muddama waraanaa biyyoota ollaa lamaan giddutti tibbana ta'e sababeeffachuun Raashiyaan, biyyoonni lamaan yoo fedhii qabaatan wal dhabdee isaanii mariin akka furatan haalaa akka miijessitu ibsitee turte.

Itti-aanaan Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Aleksandr Alimov Moskoon bakka bu'oota biyyoota lamaanii walitti fiduun akka mari'atan deeggarsa barbaachisu kennuuf qophii ta'uu ibsan.

Akka ibsa Raashiyaatti mariin biyyoota lamaani kun Yaa'ii Raashiyaa fi Afrikaa Moskootti gaggeeffamus cinaatti geggeeffamuu danda'a.

Yaada Raashiyaa san booda garuu Itoophiyaas ta'e Ertiraan deebii ifa ta'e hin kennine.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Pirezidaantiin Ertiraa Isayyaas Afawarqii jila isaanii waliin Moosko ga'uu ibsi mootummaa Ertiraa eerera.

Jilli Itoophiyaas marii kana irratti hirmaachuuf akka gara Raashiyaa Imalan eegama.

Jila kana keessa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimed ni argamuu jedhamee eegama.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin yaa'ii kana irratti akka hirmaataniif MM Abiy Ahimediif waamicha taasisanii turan.

Carraa kanaan Raashiyaan biyyoota lamaan waliin hariiroo dippilomaasii qabdu fayyadamuun gara mariitti geessuu dandeessii yaadni jedhu ibsamaa jira.

Yaa'iin Moskootti gaggeeffamu kun hoggantootni Afrikaa fi mootummaa Raashiyaa walin hariiroo isaanii akka cimsatan taasisuu irratti xiyyeeffata.

Yoo yaadni Moskoo fudhatama argate, biyyoonni lamaan rakkoo isaanii karaa marii fi dippilomaasiin furuuf carraa argachuu danda'u jedhamee eegama

Ministirri Muummichaa Itoophiyaa Abiy Ahimad, biyyattiin ulaa galaanaa argachuu akka barbaaddu irra deddeebiin ibsaniiru. Ertiraan garuu fedhiin kun birmadummaa fi daangaa ishee irratti dhiibbaa uumuu danda'a jechuun yaaddoo qabdu ibsiteetti.

Ertiraan bara 1993 Itoophiyaa irraa adda baatee biyya walabaa taate. Sana booda Itoophiyaan buufata doonii Asab fayyadamuun ishee dhaabbatee, daldala alaa isheef buufataalee biyyoota ollaa irratti hirkachuun itti fufe.

Dhimmi ulaa galaanaa qofti garuu madda muddamichaa miti. Itoophiyaan Ertiraa humnoota TPLF fi gareewwan hidhatan mootummaa federaalaa waliin wal waraanaa jiran deeggaruu fi hidhachiisuu himatti. Ertiraan gama isheetiin himannaa kana haaluun, Itoophiyaan humnaan daangaa ishee cabsitee galaana Diimaa argachuuf yaalii gochaa jirti jechuun komatti.