Arsenaal taphataa umrii waggaa 16 Maksi Dowmaan kunuunfachuu qaba- Arteettaa

Maksi Dowmaan qaruuraa bishaanii harkatti qabatee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maksi Dowmaan taphataa Arsenaal umrii waggaa 16n dorgommii waancaa liigii (league cup) irratti goolii galche sadaffaa ta'eera
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Taphataa ol adeeman dorgommii Waancaa Karabaawoo irratti ga'umsa isaa addunyaatti mul'ise Maksi Dowmaan tumsaa fi hordoffii akka barbaadu leenjisaan isaa Mikeel Arteettaan dubbate.

Taphataan umrii waggaa 16 kun Ipswich irratti goolii lama galchuun kilabni isaa goolii 4 fi 2n akka injifatu gumaacheera.

Taphataan kun bara darbe tapha 13 taphateera. Barana hanga ammaatti teessoo jijjiirraa irra jira.

Gara Istaadiyeemii Portman Road imalee goolii lama galchuun isaa Piriimer Liigii keessatti akka yeroo taphaa dheeraa argatuuf ga'umsa qabaachuu mul'iseera.

Arteettaan garuu akkaataa inni itti deemaa jiruu fi umrii isaa ilaalchisee akeekkachiisa kenneera.

''Umriinsaa ganaa waggaa 16, kanaafuu of eeggannoo gochuu qabna,'' jedhe.

''Dhaabuu, gufuu itti ta'uu hin barbaannu. Akka guddatu feena. Waan inni fedhu guutummaatti hubanna. Carraalee jiran hunda ni argata.''

Maksi Dowmaan taphataa Piriimer Liigii umrii waggaa 16n goolii lama galche lammaffaa ta'eera.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Kun dorgommii hunda ilaallata. Kanaan dura bara 2002 Waayin Roonii wayita Evertan ture Wrexham irratti lama galcheera.

Sunis dorgommii Waancaa Karabaawoo irratti.

Taphattoonni waan nuti irraa eegnu hunda galmaan ga'uuf baayyee qoramu kan jedhe Arteettaan, ol adeemaan kun haala kana dandamataa, fooyyessaa deemuun ga'umsa ajaayibaarra ga'eera jedhe.

''Inni taphataa addaati. Haalaa fi amalli isaa, fedhii inni waltajjiiwwan gurguddoo irratti ga'umsa isaa mul'isuuf qabu adda isa taasisa.''

Fedhii fi miira ho'aa akkanaa to'achuun akka cimu nan hubadha kan jedhu Arteettaan ''garuu kunuunsuu, eegumsa gochuufii qabna. Ganaa waggaa 16. Liigii kana keessatti gita isaa hin argitu, liigiiwwan Awurooppaa kaan keessa jiraachuu danda'u, Kanaafuu waa irraa eeguu qofa osoo hin taane hordoffii fi tumsi ni barbaachisa,'' jedhe.

Dowmaan bara taphaa kana kan bara darbee caalaa yeroo dheeraaf taphachuuf carraa argachuu danda'a.

Taphataa ol adeemaan kun ga'umsa amansiisaa sirriitti kan mul'ise bara darbe ture. Rikardii hedduu cabse.

Umrii waggaa 15 ta'ee dorgommii Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa taphachuu, Arsenaaliif jalqabarraa eegalee taphachuu akkasumas Piriimer Liigii keessatti jalqabarraa eegalee taphachuu, goolii galchuu fi waancaa liigicha nyaachuun rikardii qabateera.

Waliigalatti taphoota 13 irratti kan hirmaate yoo ta'u, tapha kilabichi akka liigicha dursee xumuruuf murteessaa ta'e, Evertan waliin taphatan irratti goolii galchuun kilabasaatti abdii hore.

Kubbaa walakkaa dirree dabarsee oofuun, Jordan Pikford bira darbee gooliin inni saaphana duwwaatti galche goolii filatamtuu Arsenaal taateetti.

Kun hundi wayita inni qormaataaf qo'annaarra turetti ta'e.

Barnootasaa sadarkaa lammaffaa xumuruun waraqaa ragaa fudhatee gara taphaatti guutummaatti deebi'eera.

Garuu gaaffii ijoon amma jiru Dowmaan ammaan booda carraa hagamii fi akkamii argata kan jedhuudha.

Garee jalqabaa Arsenaalitti makamuun ga'umsaa fi ifaajee guddaa gaafata.

Keessattuu wayita shaampiyoonaan Piriimer Liigii ga'umsa olaanaarra jiru kanatti garee jalqabaatti dabalamuun ni ulfaata.

Arsenaal bara kana dorgommiiwwan afur irratti taphoota taphate torba hunda injifatee jira.

Dowmaan taphoota kunneen keessaa afur teessoo jijjiirraa irra taa'ee osoo hin hirmaatin hafe, lama irratti ammoo gonkumaa hin argamne.

Kan Ipswich irratti garuu daqiiqaa 90 guutuu taphate, ga'umsa olaanaa agarsiisuun gooliis galche.

Arsenaal taphoota baranaa irratti hanga yoonaa sarara fuulduraa irratti jifattoota kanneen akka Bukaayoo Saakaa, Kiristoos Sooliis, Martin Odegaard fi Kayi Haveertiz fayyadamaa jira.

Garuu amma Dowmaan isaan kunneen tumsuun hirmaannaasaa dabalaa deemuu danda'a.

Keessattuu Arteettaan yeroo murteessaatti taphataa kanatti fayyadamee bu'a qabeessa ta'ee waan beekuuf carraan ni jira.