KALLATTIIN , Korri jijjiirama qilleensaa idil-addunyaa ‘Cop31’ waliigaltee malee xumurame

Korri haala jijjiirama qilleensaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Cop31 sababa biyyoonni addunyaa kora kanarratti argaman dhimmoota boba’aa fi faayinaansiirratti garaa garummaa qaban dhiphisuu hin dandeenyeef, waliigaltee haaraa jijjiirama haala qilleensaa guddaadha jedhamerra osoo hin ga’iin hafaniiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp Iraan haleellaa diroonii gaggeessitu baayyee cimsaa jiraachuu himate

    Pirezidantii US Doonaald Tiraamp

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Iraan torban darbe keessa haleellaawwan dirooniiwwaniifi misaa'eloota baayyee waggaa darbe waraanni erga banamee kaastee taasiste caalaa gaggeessiteetti jechuun himate.

    Tiraamp gabaasa ykn lakkoofsa haleellaa Iraan gaggeessite jedheef madda hin eerre, garuu amma haleellaa dabaluushee filannoo walakkeessaa Ameerikaa darberratti injifachuu Paartii Dimokiraatotaa waliin walitti fidee ibse.

    "Jalqabarratti, yoo Paartiin Dimokiraatotaa mo'atan gabaan istookii gadi bu'a jedheen ture; akkuman jedhes ta'eera. Lamaffaarratti ammoo, namoota hiriira mormii bahan 81,000 kan ajjeeste Rippablikiin Islaamaa Iraan, haleellaa gaggeessitu cimstitee itti fufti jedheen ture; kunis akkuma jedhe ta'eera."

    Pirezidantiin US kun itti dabaluun, "Iraan torban darbe keessa diroonii fi misaa'eloota waggaa tokko darbe keessatti gaggeessite caalaa gaggeessiteetti. Hin yaadda'iinaa, hundi isaanii garuu qolatamanii osoo miidhaa hin qaqqabsiisiin kuffiifamaniiru."

    Odeeffannoo dabalataa kana waliin deeman:

  2. Korri jijjiirama qilleensaa idil-addunyaa ‘Cop31’ waliigaltee malee bittinnaa’e

    Hirmaattota kora Cop31

    Korri haala jijjiirama qilleensaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Cop31 sababa biyyoonni addunyaa kora kanarratti argaman dhimmoota boba’aa fi faayinaansiirratti garaa garummaa qaban dhiphisuu hin dandeenyeef, waliigaltee haaraa jijjiirama haala qilleensaa guddaadha jedhamerra osoo hin ga’iin hafaniiru.

    Mariin kun Jimaata darbe akka xumuramuuf karoorri qabameefiif kan ture ta’ulleen, waliigalteerra ga’uuf jecha hanga Dilbataatti dheeratee itti fufee ture.

    Korri Turkitti gaggeeffame kun konferansii dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii yeroo dheeraa fudhate ta’eera.

    Isaan kunneen odeeffannoo dabalataati:

  3. Artist Miikiyaas Charinnat 'dhibee tasaan' du'e

    Artist Miikiyaas Charinnat
    Ibsa waa'ee suuraa, Artist Miikiyaas Charinnat wallee isaa 'Dirree Dirree' kan jedhuufi kaan hedduun beekama

    Artistiin beekamaa wallee isaa garagaraan beekamu Miikiyaas Charinnat dhibee tasaan du'aan boqochuun dhagahame.

    Artistin kuni magaalaa Wal Qixxee keessatti guyyaa Sambata kaleessaa hojii muuziqaa akka dhiheessu eegama ture.

    Haa ta'u malee, galgala keessa duuni isaa dhagahame.

  4. Pochettiinoon tapha jalqabaa isaaniin akkam ta'u?

    Pocheettiinoon leenjii isaanii jalqabaa gaafa Kamisaa taasisan
    Ibsa waa'ee suuraa, Pocheettiinoon taphattoota isaanii waliin leenjii isaanii jalqabaa gaafa Kamisaa taasisan

    Poochetiinoon yeroo rakkisaatti gara Maan Yuunaayitid dhufe. Garuu kilebni akkasii guddaan gaaffii yeroos iif dhiyeessu diduu hin dandeessu jedhe.

    Ilma isaa Sebaastiyaan dabalatee garee leenjistoota isaa qabatee dhufee kallattumaan hojii eegaleera.

    Garuu dirree fi tapha ulfaataadhaan jalqaba. Yeroo tapha kana taphatan ammoo inumaayyuu dhuma gabatichaa irra taa'uu malu.

    Kiriis Saatan osoo ani Poochetiinoo tahee harkakoo gateettii Buruunoo Fernaandez irra kaa'een akka inni gammadee dandeettii isaa bara darbee kennuuf nan godha jedhe.

  5. Masirii, Ertiraafi Sudaan waa'ee Galaanaa Diimaafi Gaanfa Afrikaa maal mariyatan?

    Ministiroota dhimma alaa Masrii, Sudaaniifi Ertiraa

    Masirii, Ertiraafi Sudaan dhimma nageenya Galaana Diimaafi Gaanfa Afrikaarratti mariyachuu beeksisan.

    Ministiironni dhimma alaa biyyoota sadeenii Sambata, Sadaasa 21 Masirii magaalaa Aswaanitti wal-arguuni kan mariyatan.

    Ministiirri dhimma Alaa Masirii Badeer Abdullaatii ministiirota dhimma alaa Sudaan Mohidiin Salaamifi kan Ertiraa Osmaan Saalee Masiriitti waamuni kan mariyatan.

  6. Itoophiyaan talaallii pooliyoo naannolee shan keessatti eegalte

    Daa'ima talaallii pooliyoo fudhataa jirtu

    Mootummaan Itoophiyaa daa'imman miiliyoona 11.3 tiksuuf talaallii pooliyoo naannolee garagaraa shan keessatti eegale.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka beeksisetti, talaallii kana mootummaa Itoophiyaa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), UNICEF, akkasumas dhaabbileen garagaraa tumsaniiru.

    Talaalliin kuni Finfinnee, Oromiyaa, Giddugala Itoophiyaa, Kibba Itoophiyaafi Kibbalixa Itoophiyaatti gaggeeffama.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa talaallii kana tumsuuf hojjettoota isaa 28 bobbaasuu beeksiseera.

    Pooliyoon maali?

    Pooliyoo yeroo baay'ee daa'imman umuriinsaanii shanii gad ta'an kan miidhu yoo ta'u, yeroo tokko tokko miidhaa sochii nama dhorku geessisa.

    Yoo maashaan hargansuu miidhame ammoo du'aaf nama saaxila.

    Talaalliin lubbuu daa'immanii ittisuu danda'u ni jira.

    Pooliyoon dhukkuba namarraa namatti darbu yoo ta'u bishaan faalameen daddarba.

  7. Itoophiyaan miseensa mana maree Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa ta'un filamte

    Jila Itoophiyaa yaa'ii irratti hirmaate
    Ibsa waa'ee suuraa, Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaatti, Itoophiyaan sagalee 133 argatte

    Itoophiyaa dabalatee biyyoonni afur miseensa mana maree Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) ta'un filaman.

    Biyyoonni kuni Yaa'ii Waliigalaa 43ffaa dhaabbatichaarratti filataman. Akkaatuma kanaan miseensonni mana marichaa 36 irraa gara 40'tti ol guddateera.

    Manni Maree kuni hanga yaa'iin itti aanu bara 2028'tti taasifamutti manni maree kuni Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) ni hooggana.

    Biyyoonni afran Itoophiyaa waliin filataman Indooneshiyaa, Omaaniifi Turkiidha.

    Dhaabbanni Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) eejansii addaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii geejibni naga qabeessa akka jiraatu taasisudha.

    Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaatti, Itoophiyaan sagalee kenname keessaa sagalee 133 argatte.

    Dura Taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahmud Ali Yuusuf Itoophiyaan miseensa mana maree Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) ta'un filatamuu isheen gammaduu ibsa baasaniin beeksisaniiru.

    Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO)
    Ibsa waa'ee suuraa, Manni maree kuni hanga 2028'tti dhaabbaticha bulcha
  8. Waraanni Iraan mana maree US keessatti garaagartee uume

    Kongirasii US
    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp waraana Iraaniif deeggarsa dabalataa barbaadu

    Waraana Iraaniifi bajata ministeera Ittisaa irratti waliigalteen dhibuun yaaddoo mootummaan US akka hojii dhaabu mala jedhu jabeesseera.

    Waraana Ameerikaan Iraan waliin itti jirtu akkasumas Pirezidant Tiraamp Ministeera Ittisaa US'f bajati dabalataa dolaara biliyoona 350 gaafatan Manni Maree US (Kongirasii) bajata federaalaa irratti akka waliigalteerra hin gahamne gochuu mala.

    Akka gabaasa Rooyitarsitti, miseensonni paartii demokiraatikiifi rippablikaanii dhibdeen seera baastota waliin uumame bajata mootummaa irratti waliigalteen akka hin jiraanne gochuu mala jechuun akeekkachiisaniiru.

    Bajanni mootummaa Ameerikaa jalqaba baatii Muddee irratti kan cufamu yoo ta' miseensonni mana maree bajati dhaabbilee federaalaa akka itti fufuufi hojiin isaanii akka adda hin cinne torban sadii qofa qabu.

    Garaagarteen kuni immoo keessumaa seenetii (parlaamaa) keessatti ni hammaata.

    Sababni isaas bajati deeggarsa paartilee lamaa qabu akka ragga'u senaataroota 100 keessaa yoo xiqqaate sagalee 60 ni barbaachisa.

  9. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Dilbataa eegale.

    Oduufi odeeffannoo waan Itoophiyaafi addunyaan itti jiran jala jalaan gurra isin buufna.

    Nagaan oolaa.