Waa'ee konfaransii fayyaa hawaasaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru maal beekna?

Madda suuraa, pm office
Konferensiin fayyaa hawaasaa guutummaa Afrikaa (CPHIA) shanaffaan har'a, Wiixata Sadaasa 23 irraa eegalee hanga Jimaata Sadaasa 27tti Finfinneetti gaggeeffama.
Korri fayyaa kun hirmaattota 30,000 biyyoota 114 irraa dhufan ni keessummeessa. Hoggantoonni biyyoota miseensa Afrikaa ta'an, ministiroonni fayyaa, saayintistoonni, bakka bu'oonni dhaabbilee fayyaa idil-addunyaa, akkasumas dargaggoonni irratti hirmaatu.
Kora Finfinneetti gaggeeffamu kanarratti baay'ina barruulee qorannoo saayinsii, qophiiwwan adda addaa, akkasumas hirmaannaa sadarkaa idil-addunyaatti taasifamuun konferensiin kun seenaa keessatti isa guddaa akka ta'e himameera.
Kora kanarratti biyyoota Afrikaa dabalatee, namoonni imaammata baasaniifi bakka bu'oonni biyyoota 114 irraa dhufan, qorattoonni, akkasumas dhaabbileen idil-addunyaa qaamaan fi karaa toora interneetiin (online) irratti hirmaatu.
Korawwan kanaan dura gaggeeffaman afran waliin yeroo madaalamu, lakkoofsi namoota bara kana irratti hirmaatanii baay'ee guddaadha.
Konfaransii guyyoota shaniif turu kanarratti namoonni haasaa taasisan 660 ol waltajjiiwwan garaagaraa irratti haasaa kan taasisan yoo ta'u, hirmaattonni mariiwwan 189 irratti ni hirmaatu.
Konferensiin kun lakkoofsa hirmaattotaatiin korri bara 2023 Zaambiyaa, Lusaakaatti gaggeeffame irratti galmee hirmaattotaa olaanaa ture ni caala. Akkasumas, konfaransiin Finfinneetti bara kana gaggeeffamu bu'aa qorannoowwanii fi qophiiwwan sagantichaatiin yeroo darbe waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu guddina dachaa sadii agarsiiseera.
Konfaransiin Fayyaa Hawaasaa Guutummaa Afrikaa (CPHIA) shanaffaan kun guyyoota shaniif Finfinnee, Addis International Convention Centre keessatti gaggeeffama.
Konfaransiin kun Wiirtuu To'annoo fi Ittisa Dhukkubaa Afrikaa (Africa CDC) fi Mootummaa Itoophiyaa waliin ta'uun kan qophaa'e yoo ta'u, dhaadannoon isaa "Nageenyaa fi Walabummaa Fayyaa Afrikaa: Jijjiirama Hirkattummaa Fayyaa fi Saaxilamummaa Irraa Gara Abbummaa fi Dandamachuu" jedhuudha. Kori kun ijaarsa sirna fayyaa Afrikaa Afriikaanonni ofiin qajeelchan irratti xiyyeeffata.

Madda suuraa, PM Office
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Korri waggaa waggaan gaggeeffamu kun yeroo jalqabaaf bara 2021, yeroo Koronaavaayirasiin yaaddoo uumee turetti gaggeeffame. Korri kun Koviidii fi talaalliiwwan isaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, namoonni 12,000 karaa toora interneetiin irratti hirmaatanii turan.
Korri lammaffaan ammoo Ruwaandaan keessummeeffamee, Kigaalii keessatti gaggeeffame. Namoota 14,000 irratti hirmaatan keessaa 2,800 qaamaan kan argaman yoo ta'u, warri kaan ammoo karaa toora interneetiin irratti hirmaatanii turan.
Korri sadaffaan ammoo Zaambiyaa, Lusaakaa keessatti gaggeeffame. Namoonni 35,000 irratti hirmaatanii akka turan kan himame yoo ta'u, isaan keessaa 5,100 qaamaan kan argaman yoo ta'u, namoonni 30,000 ol ta'an ammoo karaa toora interneetiin irratti hirmaatanii turan.
Korri afraffaan ammoo magaalaa Afrikaa Kibbaa, Durbaan keessatti gaggeeffame. Namoonni 17,000 ta'an irratti hirmaatanii turan.
Konfaransiin shanaffaan amma Finfinneetti gaggeeffamaa jiru, korawwan kanaan dura gaggeeffaman baay'ina hirmaattotaa, qorannoowwan dhiyaatanii fi baay'ina agarsiisawwan dhiyaataniin kan caalu waan ta'eef, seenaa korawwan kanaa keessatti isa guddaa akka ta'u himameera.
Hirmaattota kora kana irratti haasaa taasisan ilaalchisee, ragaan qopheessitoota irraa bahe akka agarsiisutti, aanga'oota olaanoo keessaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, Pirezidaantiin yeroo ammaa Gamtaa Afrikaa, Pirezidaantii Buruundii Evariste Ndayishimiye, Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluhu, Dura Taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahimud Alii Yusuuf, akkasumas Daarektarri Olaanaan Africa CDC Jiin Kaasiyaa irratti argamu.
Dabalataanis, aanga'oonni olaanoo biyyoota garaagaraa, akkasumas namoonni imaammata baasuu irratti bobba'an kora kanarratti ni hirmaatu. Kana keessatti biyyoota Afrikaa garaagaraa bakka bu'uun ministiroonni fayyaa 58 fi aanga'oonni fayyaa olaanoo ni argamu.
Akkasumas, aanga'oonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi dhaabbilee fayyaa idil-addunyaa garaagaraa irraa bakka bu'an, ogeessonni fi qorattoonni hirmaattota kora kanaati.
Saayintistoonni, ogeessonni kalaqaa, omishtoonni talaallii 125 ol ta'an, akkasumas dhaabbileen teeknooloojii sammuu namtolchee (AI), seektarri dhuunfaa fi bakka bu'oonni dhaabbilee miti mootummaa irratti ni hirmaatu. Dabalataanis, ogeeyyiin dargaggootaa kuma afur, akkasumas hoggantoonni dubartootaa 200 ta'an kora kanarratti hirmaatu jedhameera.

























