Murteen qabxii 10 qabu Mojtaabaa Kameenii ulaa Hormuz irratti dabarsan maali?

Madda suuraa, Farsnews
Hogganaan olaanaa Iraan Mojtaba Kameni egeree Galoo Galaana Pershiyaa fi ulaa Hormuz ilaalchisee "qabxiilee tarsiimawaa baay'ee barbaachisoo" ta'an 10 adda baasuu Dhaabbanni Oduu Farsi Iraan gabaase.
Akka miidiyaaleen mootummaa Iraan jedhanitti Mojtaabaa Kameni yaada dhiheenya kana kennaniin, dhimmi ulaa Hormuuz qabeenya tarsiimoo gatii boombii Nikuleraa waliin wal maadaalu qabaachuu akka ta'e ibsan.
Kanaaf dhimma Galoo Galaana Pershiyaa naannolee addunyaa tarsiimoodhaan barbaachisoo ta'an keessaa tokko ta'uu ibsuun nageenyi ishee humnoota alaa osoo hin taane biyyoota naannichaatiin bulfamuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
Yaadni isaa kun yeroo gama tokkoon mariin yaalamaa jiru akkasumas ulaa Hormuuz humnaan banuuf Ameerikaan yaalaa jirtutti.

Madda suuraa, Getty Images
1. Humnoonni alaa madda nageenya dhabuu guddaa ta'uu
Hanga Ameerikaan naannawa "Galoo Galaana Faarsi" keessa jirtutti nageenyi naannichaa hin jiraatu jedhan.
Kanaaf Mojtaabaa gahee Ameerikaan naannicha keessatti qabdu guddaa qeeqan.
Naannoo Galoo Galaana Pershiyaa keessatti humnoonni alaa Ameerikaa jiraachuu fi hidda gadi fageeffachuun isaanii madda nageenya dhabuu naannoo sanaa isa guddaa ta'uu ibsan
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Loltoonni biyya alaa tasgabbii osoo hin taane dorgommii, meeshaa waraanaa walitti qabuu fi balaa waraanaa fida jedhan
2) Buufatni Ameerikaa saaxilamoo ta'uu
Buufataaleen waraanaa Ameerikaa biyyoota Galoo galaanaa nageenya ofii isaaniifillee illee wabii ta'uu hin danda'ani jedhan.
Qabxiin kun humnoota alaa irratti hirkatanii jiraachuun biyyoota Galoo Galaanaatiif nageenya akka hin mirkaneessine eera.
3) Naannichi hirmaannaa Ameerikaa malee guddachuu danda'a
Kamenin humnoonni waraanaa biyya alaa yoo bahan biyyoonni Galoo Galaanaa nagaa, guddinaa fi badhaadhina argachuu akka danda'an ibsan
Kanas akka egeree walabummaa fi tumsa naannoo irratti hundaa'uu barbaachisu yaada dhiyeessan.
Kanaaf naannichi humnoota alaa malee egeree tasgabbaa'aa fi badhaadhina qabu qabaachuu akka danda'u yaada dhiheessan.
4) Iraan fi heree ollaan ishee qaban
Iraanii fi ollaan ishee bishaan Galoo Galaana Pershiyaa fi Galoo Galaana Omaan keessa jiran teessuma lafaa fi dinagdeen walitti hidhamuun hiree waloo qabu jedhan
Akka isaan jedhanitti, tumsi biyyoota kanneen gidduutti taasifamu tasgabbii yeroo dheeraa fi guddina dinagdee fiduu danda'a.
Mootummoonni biyyoota kanneenii humnoota alaatti osoo hin hirkatin qorumsa nageenyaa, daldala galaanaa fi daandii anniisaa bulchuuf walitti dhufeenya cimsuu fi waliin hojjechuu akka qabanis ibsan.

Madda suuraa, Getty Images
5) Humnoonni alagaa diinummaa qaban Hormuuz irratti gahee tokkollee qabaachuu hin qaban.
Diinonni alaa Galoo Galaana Pershiyaa keessatti bakka qabaachuu hin qabani jedhan.
Hogganaan Olaanaa kun daandii doonii addunyaa boba'aa fi gaazii erguuf barbaachisoo ta'an keessaa tokko kan ta'e ulaa Hormuz irratti xiyyeeffannoo guddaa kennan.
Gaheen Iraan daandii bishaanii bulchuu fi eegumsa gochuu keessatti qabdu tasgabbii dinagdee addunyaatiif barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.
Kunis kaayyoo Iraan yeroo dheeraa nageenya naannoo irratti dhiibbaa alaa hir'isuuf qabdu kan calaqqisiisudha.
6) injifannoon Iraan sirni naannoo fi addunyaa haaraan akka uumamu agarsiisa.
Kamenin akka jedhanitti, sochiin Iraan dhiheenya kana Galoo Galaana keessatti goote gara madaallii humnaa haaraa biyyoonni naannichaa nageenyaafi siyaasa keessatti adda duree ta'anitti ce'uu agarsiisa.
7) Galoo Galaanaa mirkaneessuun gahee Iraan Hormuz keessatti qabduf beekamtii kennuudha
Iraan akka eegduu ijoo ulaa Hormuz ta'etti kan dhiyeessan yoo ta'u, tattaaffiin nageenya naannoo gahee kanaaf beekamtii akka kennu yaada dhiheessa.
Qooda fudhattoonni diina ta'an akka hin fayyadamne dhorkuun aantummaa olaanaadha. Akkasumas, biyyoota naannichaa karaa bishaanii kanaaf bu'uuraalee seeraa fi sirna bulchiinsa haaraa uumuuf yaada dhiyeessan.
8) Diinonni ulaa Hormuz akka hin fayyadamne dhorkuu
Gareen diinotaa daldala ykn dhiyeessii anniisaa addunyaa balaadhaaf saaxiluudhaaf akka itti hin fayyadamne dhaabuun barbaachisaa ta'uu cimsanii dubbataan.
Qooda fudhattoonni diina ta'an akka hin fayyadamne dhorkuun aantummaa olaanaadha. Akkasumas, biyyoota naannichaa karaa bishaanii kanaaf bu'uuraalee seeraa fi sirna bulchiinsa haaraa uumuuf yaada dhiyeessan.
9) Sirna seeraa haaraa uumu
Kamenin waliigalteewwan naannoo fi bu'uuraalee seeraa doonii fi nageenya yeroo muddamaa kana keessatti bulchuuf yaada dhiyeessan.
Galmi isaas itti gaafatamummaa waliinii fi tumsa dinagdeeti jedhan.
Sirni naannoo haaraan daandii bishaanii to'atu saboota Galoo Galaanaaf guddaa fiduu fi walabummaa naannoo cimsuu akka danda'u eeran
10) Bulchiinsa haaraan ulaa Hormuzitiin ummata Iraaniif faayidaa dinagdee fiduu.
Hooggansi haaraan ummata Iraan fayyadamoo taasisuu qaba.
Dubbiin isaa kun ejjennoo Iraan yeroo dheeraaf nageenyi naannawa fi egeree Galoo Galaana Pershiyaa adda durummaan biyyoota isheen daangeffamaniin bocamuu akka qabu ibsa.













