Manni Maree Tigraay diigamee ture Dabratsiyooniin Pirezidantii gochuun muude

Madda suuraa, Tigrai Television
Waraana Tigraayitti taasifame hordofee diigamee kan ture Manni Maree Tigraay guyyaa har'aa wal gahuun Dura Taa'aa TPLF kan ta'an Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el 'pirezidantii Tigraay' godhee filatuu isaa Televijiniin Tigraay gabaase.
Manni Maree kuni Waliigaltee Piritooriyaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduu ALI Onkololeessa 23, 2015 Afrikaa Kibbaatti mallattaa'een diigamee ture.
Haa ta'u malee, TPLF ''mootummaan waliigalticha waan diigeef'' jechuun irra deebiin manni marichaa hojii eegaluu isaa beeksiseera.
Dhimma kanarratti hanga yoonaa gama mootummaa federaalaa wanti jedhame hin jiru.
Yaa'ii Idilee isaa 6ffaa Ebla 27, 2018 gaggeessuu kan hime manni marichaa Pirezidantii naannichaan alatti af-yaa'iifi af-yaa'ii itti aanaa filatuu isaa beeksiseera.
Haaluma kanaan Aadde Kiroos Hagos af-yaa'iif akkasumas Aadde Mihirat Bariha Af-yaa'ii itti aanaa godhee muuduu isaa hime.
Koreen Giddugalaa TPLF ALI Ebla 11, 2018 ibsa baaseen waggaa jaha dura filannoo naannicha keessa adeemsifame jedheen ''manni maree mootummaa Tigraay filatame gara hojii'' akka deebi'u murteessuu beeksisee ture.
TPLF murtee kana kan beeksise mootummaan federaalaa waliigaltee Piritooriyaa booda bulchiinsa Mootummaa Yeroo hundaa'e kan hogganaa jiran Pirezidant Taaddasaa Warradaa turtii aangoo isaanii waggaa tokkoof erga dheeressee torban lama booda jechuudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkaataa Waliigaltee Piritooriyaan Bulchiinsi Yeroo Tigraay hundaa'eefi TPLF gidduu torbanoota muraasa darban dhibdeen kan mudataa turan yoo ta'u pirezidantichi L/J Taaddasaa Warradaa mana maree duraanii deebisuuf fedhuun rakkoo naannichaa wal xaxaa godha jechuun irra deddeebiin mormaa turan.
Har'a manni marichaa walgahuu isaa guyyaa tokko dursee L/J Taaddasaan ergaa dabarsaniin qondaalonni TPLF tarkaanfii fudhataa jiran carraan rakkoon dhalachuu danda'u akka jiru akeekkachiisanii turan.
''Haalli amma keessa jirru daandii baay'ee qal'aa nagaafi waraana gidduu jirtudha. Duumessi waraanaa dorrobe irra deebiin roobuu waan danda'uufi haala hamaa mucucaannee waraanatti seenuu dandeenyurra jirra,'' jedhaniiru.
Beekamtii isaa Boordii Filannoo Biyyaalessaan kan duraa haqame TPLF, filannoon waggaa jaha dura godheefi mootummaa federaalaa waliin waraanatti isa naqeen manni maree naannichaa hundaa'e 'seera qabeessa' jedhee falma.
TPLF akkaataa waliigaltee Piritooriyaan filannichi kan ''hojiirra hin oolle'' akka hin taane inumaa ''dhorkamee'' turuu isaa kana dura BBC'tti dubbateera.
Dubbii Himaan TPLF Obbo Mikaa'el Asgadoom mootummaan yeroos mootummaa naannichaan hundaa'e ''hin diigamne, bulchiinsi yeroo kan hundaa'e mariidhaani'' jedhan.
Manni Maree Tigraay ALI Ebla 27, 2018 walgahii duraa gaggeesseen waggoota jahan darban ''hojiin mootummaa naannoo Tigraay adda citee ture hojii akka eegalu'' ajandaa dhihaateef sagalee caalmaan ragaasisuu ibseera.
Miidiyaaleen naannichaa akka gabaasanitti Dr Dabratsiyoon kan filataman mormii tokkooniifi sagalee sadii kennamuu dhabeenidha.
Dr Dabratsiyoon hanga yaa'ii itti aanuutti qaama hoji-raawwachiiftuu mana marichaa keessatti dhimmoota fooyya'uu qaban fooyyessaa hojiirra akka turan sagalee mormii tokkoo fi miseensa sagalee hin kennin tokkoon filatamuun isaanii ragga'uu ibsame.
Diigamee kan ture manni maree naannoo Tigraay adeemsi itti filame TPLF fi mootummaa federaalaa jidduutti atakaaroo uumuun waraana sukkanneessaa tureef sababaa tokko akka ta'e dubbatama.
Beekamtii boordii filannoo biyyaalessaatiin ala, naannichi komishinii filannoo mataa ofii hundeessuun filannoon gaggeesse heera mootummaa biyyattii waliin kan wal faallessu ta'uusaatiin, "akka hin gaggeeffamnetti akka ilaalamuu, fudhatama kan hin qabneefi hojiitti kan hin hiikkamne" jechuun tibba sana manni maree federeeshinii sagalee guutuun kuffisuun ni yaadatama.














