Waraanni Kaaba Itoophiyaatti yoo ka'e wantoota ijoo shan mudachuu malan

MM Abiy Ahimad fi Dura Taa'aa TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Kaaba Itoophiyaa Tigraayitti yaaddoon guddaa deebi'ee dhalateera. Dhaabbileen gurra qeensinee hordofaa jirra jechaa jiru.

Gamtaan Awurooppaafi Embasiin Biriiteen Finfinneetti argamu ibsa baasaniin yaaddoo himataniiru.

Ibsi dhaabbilee kanaa sochii TPLF mana maree naannichaa waraana dura ture aangoottin deebisa jechuun erga ibse booda mudate.

Gamtaan Awurooppaa muddamni naannicha keessa jiru ''atattamaan akka tasgabbaa'u'' gaafateera.

''Mootummaa Naannoo Tigraay keessa haala mudataa jiru yaaddoo guddaan hordofaa jira'' jechuun ibse.

Dabaluunis, ''tarkaanfiiwwan [Waliigaltee Piritooriyaa] balaarra buusan'' akka hin fudhatamne akeekkachiise.

Embasiin Biritaaniyaa gama isaan walitti bu'iinsi irra deebiin Tigraayitti eegalu Naannoo Tigraay, Itoophiyaafi naannichaaf ''badii guddaa ni fida'' jedheera.

Haala Naannoo Tigraay keessa mudataa jiran ''itti dhiheenyaan'' hordofaa akka jiruufi tarkaanfii waliigaltee Piritooriyaa ''ala ta'an hin jajjabeessinu'' jedheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) waggaa jaha dura filannoo addatti taasiseen mana maree hundaa'e hojiittin deebisuuf murteessuu ibseera.

Filannoof addatti yeroos taasise waraana kaasuuf sababa kan ture yoo ta'u, miidhaa jabaas geessiseera.

Mootummaan federaalaa turtii aangoo Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay L/J Taaddasa Warradee dheeressuu isaa TPLF mormeera.

TPLF, osoo ana hin mariisisiin ''qofaa isaa'' murteessuun Waliigaltee Piritooriyaa ''diigeera'' jechuun mootummaa federaalaa himateera.

Turtiin aangoo L/J Taaddasaa itti dheerate ''seera qabeessa'' ta'uu mootummaan federaalaa ibseera.

Haa ta'u malee, waa'ee murtee TPLF mootummaan federaalaa ifatti yaada hin kennine.

Gorsaan Ministira Muummee Abiy fi Pirezidantiin duraanii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa, TPLF ''dibbee waraanaa dhahaa jira'' jechuun himataniiru.

Barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti baasaniin jabeessanii kan qeeqan yoo ta'u, mariif dursa akka kennu gaafatan.

Yaaddoon waraanaa Kaaba Itoophiyaatti dorrobee jiru garam qajeeluu danda'a? Waraanni yoo ka'e maaltu ta'a? Wantoota ijoo shan haa ilaallu.

Waraana wal xaxaafi dheeraa

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti 2020 – 2022 adeeme akka tilmaama Gamtaa Afrikaatti lammiilee Itoophiyaa kuma dhibbaan lakkaa'aman galaafateera.

Kanneen miidhaman, qe'eerraa buqqa'an, qabeenya manca'e, kan rakkoo xiinsammuufi kaanif saaxilamees guddaadha.

Waraanni Naannoo Tigraay qofa osoo hin taane Naannoo Amaaraafi Tigraayitti fulla'ee sarbama mirgaa, mancaatiifi miidhaa guddaa geessiseera.

Erga waraanni kuni waliigaltee Afrikaa Kibbaatti taasifameen afaan qawwee callisuus Waliigalteen Piritooriyaa nagaa waaraa hin buusne jedhu xinxaltoonni.

Kana dura Ajajaan Waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa wanti TPLF godhu waraana kaasuuf sababa ture bira tarre malee jedhaniiru.

Waraanni federaalaafi humnoonni Tigraay baranumaa walitti bu'anii beeku.

Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaan kan bu'uurri seeraa isaa haqame TPLF, Naannoo Tigraay harkaa qaba.

Pirezidantii Ertiraa

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Federaalaa marii siyaasaa diduun hidhattoota narratti ijaare, haleellaa diroonii raawwates jechuun himataa ture.

Hidhattoonni TPLF mormaniifi kana dura miseensa humnoota Tigraay turan irra deddeebiin humnoota Tigraay waliin walitti dhukaasaa turan.

Keessumaa TPLF beekamtii mootummaa federaalaa malee 'Tsimdoo' jechuun Ertiraa kan Itoophiyaa waliin michumaa gaarii hin qabne waliin hariiroo tolfate jedha mootummaan Itoophiyaa.

TPLF garuu yeroo adda addaatti himannaa kana waakkata.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad hooggansi TPLF ''qophii waraanaa bal'aa'', ''bittaa meeshaa'' fi ''duula waraanaa gochaa jira'' jechuunis himatanii turan.

TPLF illee gama isaan mootummaan federaalaa waraana nurratti kaasuuf waraana gara Tigraayitti sossoosaa jira jechuun himataa bahe.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti, waraanni Iraanitti eegaluu dura mootummaa federaalaafi Ertiraa yookiin TPLF gidduu waraanni eegaluu mala jedhamee guddoo sodaatamee ture.

Haa ta'u malee, waraanni Iraanitti ka'e sababoota adda addaan akka waraanni Kaaba Itoophiyaatti dorrobee ture akka laafu godhe jedhu.

Xinxaltoonni waraanni yoo ka'e waraana dafee hin xumuramne, kan qaamolee kaanillee harkisuufi miidhaa jabaa geessisu ta'uu mala jedhu.

Embasiin Biriiteen yaaddoo jiruurratti ibsa baaseenis waraanni yoo ka'e Itoophiyaa qofa osoo hin taane naannichaaf miidhaa guddaa akka fiduu malu dubbate.

Michummaa jijjiirame

Haalli amma Kaaba Itoophiyaa jiru bakka durii hin jiru. Waggaa shan dura mootummaa federaalaafi mootummaa Asmaraatu michummaa jabaa qaba.

Diinni isaaniimmoo TPLF ture. Yeroo ammaa sababoota ijoo lamaan hariiroon mootummaa federaalaafi Asmaraa laafeera.

Inni ijoo waliigaltee Piritooriyaa yoo ta'u inni lammataa immoo Itoophiyaa irra deddeebiin gaaffii ulaa galaanaa kaasuun Ertiraa waliin muddama ishee galcheera.

Sababa kanaan biyyoonni lamaan waraana narratti banuufi jechuun irra deddeebiin wal himataa turaniiru.

Hidhattoonni Faannoo kana dura mootummaa Federaalaa waliin turan yeroo ammaa hidhattoota TPLF waliin sosso'u jedha mootummaan federaalaa yoo himatu

Madda suuraa, APF

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoonni Faannoo kana dura mootummaa Federaalaa waliin turan yeroo ammaa hidhattoota TPLF waliin sosso'u jedha mootummaan federaalaa yoo himatu

Mootummaan Itoophiyaa Asmaraan daangaa Itoophiyaa seentee lafa to'atte jedhe akka gadhiiftu, hidhattoota mootummaa lolanis deeggarti jechuun himata.

Dabalataan, dhimma keessoo Itoophiyaa gidduu seenti jechuun himateera.

Ertiraan gama isheen lafa to'atte akka hin qabne, hidhattoota deeggartu akka hin qabneefi dhimma keessoo Itoophiyaa akka hin seenne himti.

Haa ta'u malee, xinxaltoonni yeroo ammaa Ertiraan TPLF fi hidhattoota Faannoo waliin hariiroo jabaa qabdi jedhu.

Mootummaan Naannoo Amaaraas kana dura kan wallolaa jiru TPLF fi Shaabiyaa waliini jechuun dubbateera.

Ajajooti hidhattoota Faannoo harka kennatanis deeggarsi gama Ertiraa akka isaaniif taasifamu miidiyaa mootummaatti dubbataa turan.

Sababa kanaaf waraana waggaa shan dura tureen TPLF fi mootummaan Ertiraa diina ta'anis yeroo ammaa walbira dhaabbatuu malu jedhu xinxaltoonni.

Hidhattoonni Faannoo yeroo mootummaa federaalaa mootummaa federaalaa bira dhaabatanis yeroo ammaa mootummaa Itoophiyaa lolaa jiru.

Waraanni Itoophiyaa kana dura TPLF hidhattoota Faannoo gargaaruun Wallootti lola nurratti bane jechuun himateera.

Xinxaltoonni dhimma nageenyaa hordofan Ertiraan waraanni yoo ka'es akka bira hin geenye dirree lolaa Tigraayiifi Amaaratti gochuuf mijeessaa jirti jedhu.

Kanaafis, hariiroo gaarii TPLF fi hidhattoota Faannoo waliin tolfatte jedhan fayyadamti jedhu.

Waraanni Bilisummaa Oromoos kana dura sochii hidhattooti Faannoo mootummaa Itoophiyaa aangoorraa buusuuf taasisan akka deeggaru ibseera.

Wanti biraa asitti ka'uu malu siyaasni Tigraay bakka durii hin jiru.

Ajajooti waraanaa yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa Tigraayiif lolaa turan yeroo ammaa mootummaa federaalaa waliin jiran jiru.

Janaraal Tsaadiqaan G/Tinsaa'e akka fakkeenyaatti kaasuun danda'ama.

Kana dura Dubbii Himaa TPLF kan turan Obbo Getaachoo Raddaas mootummaa federaalaa waliin dalagaa jiru.

Ji'oo polotikaan eenyuf lola?

Gaanfa Afrikaatti dubbiin siyaasaa danuudha, walitti bu'iinsi, sochiin hidhannoofi waraanni yeroo dheeraaf dhibee hin beeku.

Biyyoota ollaa Itoophiyaa keessaa Sudaan yeroo ammaa hariiroon mootummaa federaalaa waliin qabdu laafeera jedhu gabaasonni garagaraa.

Kunis, mootummaan Finfinnee jiru hidhattoota RSF deeggara jechuun himachuuni.

Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan dirooniiwwan Itoophiyaarraa ka'an daangaa ishee seenaa haleellaa raawwataa jiru jechuun ifatti himatteetti.

Mootummaan federaalaa immoo waraanni Sudaan hidhattoota TPLF'f dawoo ta'e deeggaraa jira jechuun himata.

Hariiroon mootummaa Sudaaniifi Ertiraammoo cimaadha. Isa qofa miti Masriinis waraana Sudaan deeggarti.

Sababa gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan hariiroon Itoophiyaafi Somaaliyaa bakka dur hin jiru kanneen jedhanis jiru.

Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa hariiroon Itoophiyaafi Somaaliyaa jabaa ture.

Yunaayitid Arab Emireet mootummaa Itoophiyaa, Sa'udi Arabiyaan immoo gama waraana Sudaan goraniiru gabaasonni jedhanis jiru.

Kanaaf, yoo walitti bu'iinsi ka'e gama daangaa Sudaaniin yoo karaa dhabe TPLF karaa Ertiraa diinota mootummaa Itoophiyaarraa deeggarsa argatuu mala jedhu xinxaltoonni.

Waraanni Gaanfa Afrikaatti dhalatu waraana bakka bu'uumsaati jechuun kan ibsanis jiru.

Yaaddoo gurra dhabe

Yeroo dheeraa booda ture biyyoonni Lixaa waa'ee yaaddoo Kaaba Itoophiyaa dubbatuu kan eegalan.

Dhihoo Gamtaan Awurooppaafi Embasiin Biriteen yaaddoo himataniiru. Kana dura immoo Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii yaaddoo ibsatee ture.

Waraanni Yukireenitti adeemaa jiruufi hin dhaabbanne, waraanni Giddugala Bahaatti ammallee furmaata hin argatiin jiru ammallee ajandaa addunyaati.

Kanaaf, akka kanaan dura ture biyyoonni dhageettii qaban dhiibbaa uumuun waraana hambisuu dhabuu malu jedhu xinxaltoonni.

Kanaan dura Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US ture. Mootummaafi TPLF walitti fiduu dabalatee sochii guddaa taasisan.

Yeroo ammaa kuni hin jiru. Kuni muddama furuuf rakkoo jabaa ta'uu mala jedhu kanneen faana dhahan.

Maal mudachuu danda'a?

Yoo waraanni ka'e eenyu maal milkeessuu barbaadaan gaaffii ijoodha.

Itoophiyaan MM Abiy mormii ummataan erga aangootti bahanii olaantummaa isaa kan dhabe TPLF laaffisuu feeti.

Aangawoonni Itoophiyaa irra deddeebiin akka ibsanitti, TPLF guutuu osoo hin taane namoonni muraasni TPLF keessa jiran rakkoo waraanaan furuuf sosso'u jedhanii amanu.

Inni ijoo biraan ulaa galaanaa Asab kan Itoophiyaa ture kan jedhu mootummaan Itoophiyaa, ulaa deeffachuuf sosso'uu mala.

Kana dura Ajajaan duraanii waraana Itoophiyaa Jeneraal Tsaadiqaan G/Tinsaa'e yoo lolli ka'e 'kaartaan ni jijjiirama' jechuun dubbatanii turan.

Inni ijoo biraafi sadaffaan immoo mootummaan federaalaa wal ta'umsa humnoota sadeenii; Ertiraa, TPLF fi Faannoo bittimsuus sosso'uu mala.

Waraana Kaaba Itoophiyaan miidhaa jabaatu gahe

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan federaalaa Ertiraan dhimma keessoo Itoophiyaa keessa seenuu himata, Ertiraan ni waakkatti.

Ertiraan gama isheetiin yaaddoo mootummaa federaalaa Itoophiyaa qolachuu barbaaddi.

Kanaafis, hidhattoota walirratti ijaaruu karoora bara dheeraaf fayyadamaa turtedha jedhu xinxaltoonni.

Kana dura bara bulchiinsa ADWUI dhaabni ABO, Arbanyoch Gimbot 7, TPDM dabalatee Ertiraa maandheffatanii mootummaa Itoophiyaa lolaa turan.

Dhaabni hanga MM Abiy Ahimad aangoo dhufanitti siyaasa Itoophiyaa keessatti olaantummaa kan qabaataa ture TPLF immoo teessuma durii deeffachuu fedha.

Waraana kana dura tureen aangoo mootummaa federaalaa to'achuuf gara Finfinnee sosso'aa ture.

Akkasumas sababa waraana Kaaba Itoophiyaan bakkeewwan dur bulchiinsa Tigraay jala turaniifi humnoonni Amaaraa to'atan deeffachuu barbaada.

Buqqaatota bakkatti deebisuu, adeemsa keessa beekamtii isaa deebisuufi siyaasa Tigraay keessa olaantummaan sosso'uuf fedhii qaba.