'Baasiin Ameerikaan waraanatti baafte kan aangawoonnishee himan dachaa afuri' - Iraan

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii, baasiin Ameerikaan waraanatti baafte kan aangawoonnishee himan dachaa afuri ta'a jedhan.
Qondaalonni ittisaa Ameerikaa, biyyattiin hanga ammaa waraana Iraan irratti dolaara biliyoona 25 baasuu kongiresiif dhiyeessanii kan turan "soba" jechuun Abbaas busheessan.
Waraana kanarratti Ameerikaan hanga amma dolaara "biliyoona 100" baafte jedhan.
Ministeerri Ittisaa Ameerikaatti itti gaafatamaan faayinaansii Peentaagoon Juliyees Haartiz, dheengadda mana maree biyyattiitti dhiyaachuun waraana Iraan irratti Ameerikaan dolaara biliyoona 25 baasuu himanii turan.
Maallaqni kunis irra caalaan isaa hidhannoo waraanaatti kan bahe ta'uu ibsan. Baasiin waraana kanaa mana maree Ameerikaarratti dubbii ijoo ta'ee ture.
Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii har'a fuula miidiyaa hawaasaa ofii X irratti kan barreessaniin,"pentaagon ni soba" jechuun busheessan.
"Qumaarri ministira muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaniyaahuu Ameerikaa dolaara biliyoona 100 kasaarse, kan isaan dubbatan dachaa afuri" jedhan.
Lolli Ameerikaan itti seente kun kaffaltoota gibiraa US irratti immoo "baasii al kallattii" immoo "baay'ee olaanaa" hordofsiise jechuun ibsan.
"Baasiin ji'aa maatii Ameerikaa dolaara 500, kun saffisaan dabalaa jira" jechuun barreessan Abbaas Araagchii.











