KALLATTIIN, Tiraamp kaartaa haaraa Ulaa Hormuuz maqaa ''Ulaa Tiraamp'' jedhuun 'moggaasee' maxxanse

Pirezidant Doonaald Tiraamp kaartaa Ulaa Hormuuz maqaa ''Ulaa Tiraamp'' jedhuun 'moggasee' miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti maxxanse.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Afrikaa Kibbaatti ajjeechaa lammiilee Itoophiyaa duuba kan jiru eenyu?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Ajjeechaa Afrikaa Kibbaatti lammiilee Itoophiyaarratti mudataa jiruun yaadda’uu baqattoonni Itoophiyaa BBC’tti himan.

    Guyyoota muraasa darban qofa lammiileen Itoophiyaa yoo xiqqaate afur ta’an ajjeefamaniiru.

    Garuu, ajjeechaan kuni kan kana dura turerraa addadha jedhameera. Akkamiin? Gama kaaniin, mormiin farra baqattootaa Afrikaa Kibbaatti itti fufeera.

  2. Tiraamp dhimma Iraan keessaa bahi jechuun Chaansilara Jarmanii akeekkachiise

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Tiraamp Chaansilara Jarmanii Fireedrik Merz miidiyaa hawaasaa ofii Truth Social irratti qeeqe.

    Merz carraaqqii Iraan "balaa nukilarii Iraa hanqisuu" nuti gochaa jirru jidduu seenuu dhiisee waraanaa Raashiyaa fi Yukireen irratti xiyyeeffachuuf yeroo kennuu qaba jedhe.

    Tibbana Tiraampi fi Chaansilara Jarmanii waliin wal dura dhaabbachaa jiru.

    Kibxata, Chaansilarri Jarmanii Merz Iraanonni Ameerikaa salphisaa jiru jechuun dubbate.

    Kamisa wayita buufata waraanaa daawwatu dubbii rippoortarootatti dubbateen Merz, waayee barbaachisummaa NATO fi US haasaye. Haasawa isaa kana dursee sa'aatii muraasa dura Tiraamp bulchiinsi isaa baay'ina loltoota US kan Jarmanii keessa jiranii hir'isuuf yaadaa akka jiru dubbate.

    Tiraamp Jarmanii fi biyyoonni miseensota NATO kuun humna galaanaa isaanii Ulaa Hormuuz bansiisuuf erguu diduu isaanif qeeqeen ture.

    Merz, haal-dureen guutamnaan, Berliin ergama waraanaa Ulaa Hormuuz bansiisuu irratti haasawuuf qophii ta'uu ibsan.

    Loltoonni Ameerikaa Jarmanii keessa buufatanii jiran kanneen ergamaaf qophii ta'an qofti hanga Muddee darbeetti ragaa jiruun 36,000 ta'u.

  3. Hiriirri Deeggarsa Mojtaba Kameni fi Iraanif Tehran fi magaalota Iraan biroo keessatti geggeeffame

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Hiriirri Deeggarsa Mojtaba Kameni fi Iraanif Tehran fi magaalota Iraan biroo keessatti geggeeffame

    Magaalaa guddoo Tehran dabalatee magaalonni Iraan hedduun hiriira waggaa dhaloota Imaam Alii bin Muusaa al-Ridaa (imaamota seena qabeessa garee Shi’aa keessaa tokko) ta'an waliin wal-qabsiisuun hirmaattonni hogganaa Ol’aanaa Iraan, Mojtaba Kaameniif deeggarsa qaban ibsaniiru.

    Hirmaattonni Tehran keessatti argaman kun alaabaa Iraan fi suuraa Hogganaa Olaanaa ammaa fi nama isa dura ture Ali Khameni kan dhuma baatii Gurraandhala keessa haleellaa Ameerikaa fi Israa’el raawwataniin ajjeefamaniin qabachuun hiriira kana gaggeessan.

    Hiriira kana irratti qondaaltonni hedduun kan hirmaatan yoo ta’u, Ministirri Haqaa Iraan Amin Huseen Raahimii dabalatee, Ameerikaa fi Israa’el hojii waraanaa akka dhaabsisanii fi marii keessatti haal-duree biyyi isaanii dhiyeessite akka fudhatan gaafataniiru.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasifamuus ammallee dhaadannoo fi doorsisni gamaa gamanaa dhaga'mu itti fufee jira.

  4. 'US haleellaa itti fufnaan tarkaanfii hadhaawaatu ishee eeggata' -Iraan

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Iraan yoo Waashingtan haleellaatti deebite buufataalee US irratti ''haleellaa walirraa hin cinnee fi hadhaawaadhaan deebii kennuudhaan" karoora US Ulaa Hormuuz bansiisuus tumsa idil-addunyaa gaafattu ni fashalshina jette.

    US fi Israa'el erga Iraan irratti haleellaa bananii i'oota lama kan ta'e yoo ta'u, Ulaan Hormuz murteessaa ta'e ammallee cufaa jira. Daddabarsa boba'aa addunyaa hudhee jira.

    Gatii boba'aa addunyaas akka malee qaalesseera. Daddaaqamaa diinagdee addunyaa akka hin hordofsiifne yaaddoo uumeera.

    Carraaqqiin waraanaa kanatti furmaata gochuus milkii fiduu baatus, Ebla 08 kaasee dhukaasa dhaabuuf waliigaalmee ture.

    Iraan Ulaa Hormuz bantee turtus, sababa humni galaanaa US buufataalee Iraan uggurteef deebiftee cufteerti.

    Tiraamp Kamisa har'aa karoora haleellaa haaraa banuurratti Pentaagon irraa ibsi ni kennamaaf. Haleellaan kun Iraan dhimma sagantaa nukilarii isheerratti mataa jabaachuu akka dhaabdu haleeluufi jedha gabaasi Axios.

    Boba'aan jikitaa Brent dolaara 126 galeera. Kun Bitootessa 2022 as isa olaanaa dha. Bara 2022 yeroo lola Yukireen dolaara 113 galee ture.

    Haleellaa US gootu kamiifuu, xiqqaallee taanan, "haleellaa walirraa hin cinnee fi hadhaawaadhaan" buufataalee isaaniirratti raawwachuun haaloo baana jedhe aangawaan Eegdota Warraaqsaa tokko.

    "Waan buufataalee keessan mudate agarreerra, ammas waanuma wal fakkaatutu dooniiwwan waraanaa keessan mudata," jedhe Ajajaan Humna Eeroospeesii Komaandar Majiid Muusaavii haasawa miidiyaa Iraan irratti dubbateen.

  5. Badhaasa Noobeelii Nagaa 2026'tiif 287 kaadhimaman. Tiraamp keesssa jiraa?

    Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp

    Badhaasa Noobeelii Nagaa bara 2026'tiif kaadhimamtootni [namootni dhuunfaa 208 fi 79 ammoo dhaabbileen walumatti 287 ta’an kaadhimamanii calalamaa jiru.

    Barreessaan koree Noobeelii Noorweey, Kristian Berg Harpviken , kaadhimamtoonni hedduun isaanii kan bara darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu haaraa ta’uu himan.

    Harpviken Lakkoofsi waldhabdee addunyaa guutuutti dabalaa dhufuu fi tumsi idil-addunyaa dhiibbaa keessa jiraatus badhaasni kun ammallee barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

    Badhaasni Nagaa yeroo akka isa keessa jirruu kanaa keessatti daran ⁠barbaachisaa dha. Hojiin gaariin yeroo kamiyyuu caalaa yeroo halli hammatan jiru murteessadha"jedhan.

    Pirezidaantiin U.S. Doonaald Tiraamp kaadhimamaa keessaa tokko ta’uu hin oolan, garuu hin mirkanoofne.

    Hoggantoonni Kaamboodiyaa , Israa’el , fi Paakistaan ​​irraa dhufan Tiraampiin kaadhimamuu isaaniitu eerame.

    Koreen Noobeelii waggoottaan 50'n darbaniif hojii kana iccitiin waan hojjatuuf Harpviken Tiraamp kaadhimamuu fi dhiisuu isaanii dubbachuu dide.

    Kaadhimamuu jechuun koree badhaasichaatiin raggaasifamuu miti jedhan.

    Tiraamp wayita waraana Iraan, Libaanosif Israa'el akka dhaabbatu marii eegalsiisan addunyaarraa waraana 10 dhaabuu isaanii himatanii ture.

  6. Gareen hidhattoota IS seensa magaalaa guddoo Maalii cufe

    -

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Magaalaa guddoon Maalii Baamaakoon wiirtuu Afrikaa lixaa fi qe'ee namoota miliyoona sadi caalanii taate walakkaan hidhattoota Islaamummaan marfamuun gabaafame. Guyyoota sadi dura ministirri ittisaa biyyattii kan ajjeefame magaalaa tanatti.

    "Waraanni keenya dandeettii nu tiksuu hin qabu, akkamiin gara manaa galla?" jetti haati ijoollee lamaa BBC'tti dubbatte. Warra ishee dubbiftee kan deebite dubartiin tun magaalaa Baamaakoo seenuu hin dandeenye.

    Ishee fi kuun daandii guddicha magaalaa tana geessu Bamako-Kéniéba jedhamurratti danqamanii jiru. Karaan kun erga cufamee guyyaa tokko guutera.

    Roobii loltoonni garee Jama'at Nusrat al-Islam wal-Muslimin (JNIM) jedhaman "namni tokkollee gara kamittuu deemuun hin heyyamamuuf" jechuun akeekkachiisanii turan

    Bara darbe, gareen hidhattootaa kun daddabarsa boba'aa ugguruun, hanqinaa fi qaalayiinsa gatii boba'aa hordofsiisee ture. Amma magaalaa bahuu fi seenuu akka hin dandeenye karaa cufan.

    Kanneen ijaan argan BBC'n dubbise karaawwan jaha magaalaa Baamaakoo seensisan hanga hidhattoonni achii socho'anitti sa'aatiiwwaniif cufaman. Akka isaan socho'aniin konkolaattonni dhawaata sochii eegalaa jiru jedhan.

    Torbaan darbe guutuu biyyattiitti, haleellaa qindaawaan jihaadistootaa fi riphee loltoota kaabaa mootummaa Jeneraal Asimii Gooyitaa fonqolchuuf lolan-the Azawad Liberation Front (FLA) jedhamaniin banamee ture.

    Jeneraal Asimii Gooyitaa bara 2020 fonqolcha mootummaatiin aangoo qabatan.

    Waraanni Maalii humna addaa Raashiyaa, the Africa Corps, kan garee Waagner irraa hundaayee waliin gareewwan riphee loltoota kana waraanu.

  7. 'Humna misaayelaa fi nukilaraa keenya ni eegganna'- Mojtaabaa Kaamenii, Bulchiinsi haaraan Ulaa Hormuuz 'tasgabbii ni fida'

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Mojtaabaa

    Ergaan hogganaa olaanaa haaraa Iraan Mojtaabaa Kaamenii miidiyaa mootummaarratti tamsaafameera.

    Rippaablikiin Islaamaa Iraan 'humna misaayelaa fi nukilaraa ishee qabeenya biyyaalessaatti ni eeggatti' jedhan.

    Ergaa TV biyyaalessaa Iraan irratti tamsa'een, "Lammiileen Iraan biyya keessaa fi ala jiran miliyoona sagaltama ta'an qabeenya saayinsii, indaastirii, teeknolojii, baayooteeknolojii, fi humna nukilaraa fi misaayelaa akka qabeenya biyyaalessaa Iraanitti lakkaawu, akkuma qabeenya bishaanii, lafaa fi daangaa qilleensaa keenyaa ni eegganna," jedhan.

    Iddoo tokkittiin Ameerikaa Galoo Galaana Parshiyaa 'bishaan jala' qofa, Ulaan Hormuuz to'annoo Iraan jala tura jedhe.

    Bulchiinsi haaraan Ulaa Hormuuz, tasgabbii fi faayidaa diinagee fida jedhe.

    Ergaa barreeffamaa tamsa'e kanaan, waraana kana booda Galoo Galaanaa fi Baha Jiddu-galeessaa keessatti boqonnaa haaraatu banama jedhe.

    Kaameniin "buufataaleen waraanaa Ameerikaa" Galoo Galaanaa jiran Baha Jiddu-galeessaa goolaa jiru jedhe.

    Teehraan Galoo Galaanaa ni tiksiti, "jeequmsa ulaa imala bishaanirraa diinni raawwachaa jirus ni balleessiti" jedhe.

    Mojtaabaan bulchiinsaa haarofti ulaa Hormuuz tasgabbii, jijjiiramaa fi faayidaa diinagdee biyyoota Galoo Galaanaaf ni fida jedhe.

  8. Pirezidant Ruutoon atileetii Keeniyaa maraatoonii saatii lamaa gadiin galuun seenaa hojjete badhaase

    Pirezidant Wiliyaam Ruutoo wayita atleet Sabaastiyaan Saawee badhaasutti

    Madda suuraa, Center

    Pirezidantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo atileetii biyyattii Maraatoonii Landan irratti sa’aatii lamaa gadiin – 1:59:30 galmeessuun seenaa haaraa hojjete, Sabaastiyaan Saawee konkolaataa haaraa badhaase.

    Konkolaataa haaraan kun lakkoofsi gabatee isaa sa’aatii atileetiin kun galmeesse 1:59:30 akka qabaatutti yaadamee kan qophaa’e yoo ta’u, gatiin isaa dolaara 61,000 tilmaamama.

    Atileetiin umuriin isaa wagga 30 ta’e Sabaastiyaan Saawee, atileetii Itoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa sekondii 10 qofaan dursuun ture kan tokkoffaa bahe.

    Atileet Yoomiif Qajeelchaas Maraatoonii Landan kanarratti sa’aatii lamaa gadiin xumuruun seenaa addaa hojjeteera.

    Badhaasa pirezidant Ruutoo kanaan alatti, atileetiin Keeniyaa kun bulchiinsa Maraatoonii Landanirraa Shilingii miliyoona 7.1, akkasumas rikkardii haaraa cabseef ammoo Shilingii miliyoona 42.3 argateera.

    Dabalataan ispoonsara kampanii ispoortii beekamaa Adidas waliin qabuunis maallaqa guddaa argate dabalatee walumaagalatti gara Shilingii Miliyeena 129 sassaabbateera atileetiin kun.

  9. Tiraamp kaartaa Ulaa Hormuuz maqaa ''Ulaa Tiraamp'' jedhuun 'moggaasee' maxxanse

    Kaartaa Ulaa Hormuuz, Tiraamp maqaa ''Ulaa Tiraamp'' jedhuun maxxanse

    Madda suuraa, Truth Social

    Pirezidant Doonaald Tiraamp kaartaa Ulaa Hormuuz maqaa ''Ulaa Tiraamp'' jedhuun 'moggasee' miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti maxxanse.

    Tiraamp duraanis haasaa wayita taasisu akka qoosaa fakkeessee ''Ulaa Tiraamp (Trump Strait) '' jedhee ture.

    Miidiyaalee dabalatee namoonni dubbii Tiraamp kana dhagahan akka qoosaa itti yaadamee qoosameetti fudhatan.

    Amma garuu qoosaaf osoo hin taane dhugaamsaa dubbachuu hubachiisaa jira.

    Tiraamp dhimma Gaazaa irrattillee waan bifa qoosaan eegale boodarra dhugoomse.

    Gaazaa dhuunfatee magaalaa bareedduu jireenyaaf mijattee taatetti akka geeddaru fedhiisaa ta'uu ifatti dubbatee ture.

    Erga mariin US fi Iraan adda citee Ameerikaan waraanatti deebi'uuf mala dhawaa jiraachuutu gabaasamaa jira.

    Miidiyaan Axios jedhamu humni waraanaa Ameerikaa tarkaanfii hamaa akka haaraatti Iraan irratti fudhachuuf qophaa'aa jiraachuu gabaase.

    Qondaalonni Iraan gamasaaniin doorsisa haaraa US eegalte ija tuffiin ilaalan.

    Afa yaa'iin paarlaamaa Iraan Mohammad Baqe Qalibaf doorsisa Tiraamp fi qondaalonni US kaan dhageessisaa jiranitti qoosuun yaada kennaniiru.

    Iraan fi US dhukaasa akkuma dhaabanitti jiru, garuu mariin dhaabbateera.

    Ulaan Hormuuz akkuma cufametti jira, humni waraanaa US uggura Hormuuz ji'ootaaf kan itti fufu ta'uu ibseera.

  10. Tarkaanfii waraanaa Tiraamp Iraan irratti fudhachuu danda’urratti ibsi kennamuufiif

    Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ajajaan waraanaa Ameerikaa karoora haleellaa “gabaabaafi cimaa” walitti fufinsaan Iraan keessatti fudhatamu ilaalchisee Pirezidant Doonaald Tiraampiif dhiyeessuuf akka jiru maddi oduu Ameerikaa Aksiyoos gabaase.

    Aksiyoos maddeen dhimma kanatti dhiyoo ta’an eeruun gabaasni baase akka agarsiisutti, karoorri duula Ameerikaa Baha Giddugaleessaatti dursaa Wiirtuu Ajaja Giddugaleessaa kan ta’e Admiiraal Biraad Kuppariing dhiyaatu kun bu’uuraalee misoomaa Iraan haleeluu kan dabalatu ta’uu danda’a.

    Bulchiinsi Tiraamp Iraan iratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu qorachaa kan jiruuf haleellaa raawwachuun marii Teehiraan waliin taasifamu danqame kana akka banamu taasisuu danda’a abdii jedhuun ta’uu gabaasni kun eereera.

    Iraan yoo haleellaan irratti raawwatame maricharratti dhimma nukilaraa ilaalchisee faara agarsiisuu dandeessi jedhamee yaadameera.

    Akka gabaasa kanaatti, karoorri biraan Tiraampiif dhiyaata jedhame, Ulaa Hormuuz Iraaniin cufame dooniiwwan daldalaaf banaa taasisuuf kutaalee Galoo Galaana kanaa kutaa murtaa’e to’achuus ni ilaallata.

    Tarkaanfiin akkasii kun loltoota lafoo bobbaasuullee dabalachuu akka danda’u Aksiyoos madda tokko eeruun gabaaseera.

    Kuusaa Yuraaniyeemii Iraan sirriitti gabbate to’achuuf humna addaa waraana Ameerikaatiin duula gaggeessuuf karoorri pirezidantichaaf dhiyaachuu danda’a jedhameera.

    Karoorri akkasii kun kanaan duras ka’ee ture.

    Ameerikaafi Israa’eliin waraanni kan irratti baname Iraan daandii galaanaa baayyee murteessaa ta’e Ulaa Hormuuz cufteetti.

    Dooniiwwan karaa ulaa kanaa darbanirrattis tarkaanfii akka fudhattu dhaadatteetti.

    Tarkaanfiin Iraan kun dhiyeessii annisaa addunyaarratti danqaa kan ta’e yoo ta’u, Ameerinaan deebii kanaaf imalawwan gara ulaawwan galaanaa Iraanitti taasifamanirra dhorkaa keesseetti.

    Akka gabaasa Aksiyoos kanaatti, pirezidant Tiraamp dhorkaa imalaa ulaawwan galaanaa Iraan irra kaa’an karaa guddaa ittiin mariif dirqisiisanii tokkootti ilala.

    Haata’u malee, Iraan ejjennooshee kanaan kan itti fuftu taanaan tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka yaadu ilaalaa jira.

    Iraan ammoo dhorkaan Ameerikaa itti kan fufu taanaan deebii kanaa humnoota Ameerikaa naannicha kessa jiran irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu dandeessi tilmaamni jedhu jiraachuu maddi kun gabaaseera.

    Odeeffannoo dabalataaf:

  11. US waraana Iraan irratti doolaara bil. 25 baasuu erga ibsitee booda doonii waraanaa Baha Giddugalaa keessaa baasaa jirti

    USS Gerald R. Ford

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan doonii waraanaa guddichaa fi meeshaalee waraanaa haleellaa gurguddaa raawwatan walitti qabdee Baha Giddugaleessaa keessaa baasuuf akka jirtu ibsite.

    Aanga'aan US akka miidiyaa BBC waliin hariiroo uumuun hojjetu CBS jedhamutti himetti dooniin guddichi USS Gerald R.Ford jedhamu gara US deebifamuuf jira.

    Dooniin kun dooniiwwan gurguddoo US sadan Baha Giddugaleessaa keessatti waraanarra turan keessaati.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp waa'ee waraana Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin bilbilaan dubbachuu Oval Office keessatti gaazexeessitootatti himeera.

    Yeroo dubbatan kanatti Pirezidant Puutin, US akka gabbisa yuraaniyemii Iraan dhabsiistu akka tumsu itti himuu ibse Tiraamp.

    Tiraamp yuraaniyemii Iraan gabbiste biyyattii keessaa baasuu fi kanarratti aanga'oonni Iraan akka harka kennan barbaada.

    Ameerikaan waraana Iraan irratti doolaara biiliyoona 25 baasuu fi ammas humna waraanaaf baajati doolaara tiriiliyoona 1.5 gaafatamuu qondaalli humna ittisaa biyyattii Piit Heegset ibseera.

    Qondaalli Pentaagan kun Kongiresii Ameerikaatti dhihaachuun erga waraanni Iraan eegalee gaaffii jabduun isa mudateera.

  12. Poolisiin yeroo shakkamaa nama waraane qabutti

    Kaaba Landanitti poolisiin yeroo shakkamaa nama waraane qabutti, viidiyoo agarsiisu.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Poolisiin yeroo shakkamaa nama waraane qabutti
  13. DAAWWADHAA: Viidiyoon CCTV irraa argame yeroo namni tokko fiiguufi nama karaa darbaa jirutti fiigaa jiru agarsiisu

    Shakkamaa

    Yihuudonni lameen kaaba Landan, Golders Green keessatti waraanaman.

    Namoonni waraanaman kunneen umriinsaanii waggaa 76 fi 34 yoo ta'an, bakka waraanamanitti wal'aansa jalqabaa erga argatanii booda hospitaala geeffaman.

    Viidiyoon CCTV irraa argame yeroo namni tokko fiiguufi nama karaa darbaa jirutti fiigaa jiru agarsiisu.

    DAAWWADHAA

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Viidiyoon CCTV irraa argame yeroo namni tokko fiiguufi nama karaa darbaa jirutti fiigaa jiru agarsiisu
  14. Yeroo poolisiin shakkamaa Yihudoota waraane qabee to'atutti

    Akeekkachiisa: Viidiyoon kun isin rifaasisuu danda'a.

    Taatee kanaan walqabatee lammiin Biriteen dhalataa Somaaliyaa kan umriinsaa waggaa 45 ta'e to'atameera.

    Wayita haleellaan kun raawwatetti poolisiin ''albee lafa kaa'i'' jechuun sagalee olkaasee dubbataa ture.

    Booda namicha qabuun wayita lafatti gombisanii harka duubatti hidhan mul'atu.

    DAAWWADHAA

    Taatee magaalaa Landanitti mudate shakkamaan Yihudootarratti xiyyeeffate

    Madda suuraa, Metropolitan Police

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Yeroo poolisiin shakkamaa Yihudoota waraane qabee to'atutti
  15. Bulchaan Jarmanii erga qeeqee booda Tiraamp loltoota US Jarmanii jiran hir'isuufi

    Loltoota uffata waraanaa uffatanii fi duubaan konkolaattota humna waraanaa mul'atan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan loltoota kumaatamaan lakkaa'aman Jarmanii keessaa qabdu hir'isuuf akka jettu Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaarratti beeksise.

    Kun erga Chaansilarri Jarman Fireedirik Merzi dhimma waraana Iraan irratti Tiraampiin qeeqanii guyyoota booda dhagahame.

    Bulchaan Jarmanii kun akkaataa Ameerikaan waraana Iraan itti keessummeessitee fi tooftaa fi tarsimoo Tiraamp qeequun ''waraana kanaan Iraan Ameerikaa qaanessiteetti,'' jedhanii turan.

    Tiraamp maxxansa isaa keessatti ''waa'ee loltoota US Jarmanii jiran hir'isuu itti yaadaa jiraachuu,'' ibse.

    Hanga Muddee darbeetti loltoonni US waraanaaf qophii ta'an kanneen buufataalee Jarmanii adda addaa keessa jiran kuma 36 ta'uun barameera.

    Dhimma kanarratti BBCn Waayit Haawus irraa yaada argachuuf quunnameera.

    Chaansilarri Jarman Fireedirik Merzi waraana Iraan irratti adeemsa US kan qeeqan Wiixata darbe wayita Marsberg keessatti barattoota yuniversitiif haasaa taasisan ture.

    ''Ameerikaan walumaagalatti tarsimoo ifa ta'e hin qabdu,'' jedhan.

    ''Warri Iraan mari'achuurratti qaroodha, ammoo waan mariif dhihaachuu hin qabne irratti mari'achuu diduudhaanis baayyee gameeyyiidha. Warri Ameerikaa hanga Islaamaabaad imalanii bu'aa malee akka deebi'an sababa ta'aniiru,'' jedhan Aab Merz.

    Hoggansi Iraan ''saba guutuu qaanesse'' jechuun tooftaa fi tarsimoo waraanaa bulchiinsa Tiraamp qeeqan.

    Booda Tiraamp yaada qondaala Jarmanii kanaaf deebii kenneen ''Merz Iraan Meeshaa Waraanaa Nukilaraa qabaachuun sirriidha jedhee yaada,'' jedhe.

    Yaada miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti barreesseen bulchaan Jarmanii kun ''waan dubbataa jiru hin beeku,'' jedhe.

    ''Jarmaniin gama diinagdee fi waan kaaniin gadi bu'uun waan nama ajaayibu miti,'' jedha maxxansi Tiraamp.

    Haata'u malee Chaansilarri Jarman kun loltoota US hir'isuu irratti yaada Tiraamp dhiheesse ilaalchisuun hanga ammaatti yaada hin kennine.

    Ameerikaan loltoota ishee biyyoota miseensota NATO ta'an keessaa baasuuf wayita dhaadattu kun kan jalqabaa miti.

    Bulchiinsi Tiraamp qindoominni humna waraanaa kun Ameerikaarraa fayyadamuu malee waan buusuuf hin qabu yaada jedhuun miseensota 32 hunda keessaa loltoota isaa baasuuf akka yaada qabu dhiheenya kana ibsaa ture.

  16. Poolisiin haleellaa Landanitti Yihuudota irratti raawwatame gocha shororkeessummaati jedhe

    Wayita Poolisiin haleellaa kanaan walqabatee qaama shakke to'atu

    Madda suuraa, Metropolitan Police

    Yihuudonni lameen kaaba Landan, Golders Green keessatti waraanaman.

    Haleellaa kana hordofee poolisiin gochi kun shororkeessummaa ta'uu labse.

    Namoonni waraanaman kunneen umriinsaanii waggaa 76 fi 34 yoo ta'an bakka waraanamanitti wal'aansa jalqabaa erga argatanii booda hospitaala geeffaman.

    Poolisiin farra shororkeessummaa gochi kun yakka shororkeessummaa hawaasa Yihuudotaa irratti xiyyeeffate ta'uu fi dhiisuu qorataa jira.

    Taatee kanaan walqabatee lammiin Biriteen dhalataa Somaaliyaa kan umriinsaa waggaa 45 ta'e to'atameera.

    Wayita haleellaan kun raawwatetti poolisiin ''albee lafa kaa'i'' jechuun sagalee olkaasee dubbataa ture.

    Booda namicha qabuun wayita lafatti gombisanii harka duubatti hidhan mul'atu.

    Taateen kun nageenyummaa fi eegumsa hawaasa yihuudaa UK keessa jiranii irratti yaaddoo uumeera.

    Qondaalli poolisii Sir Ephraim Mervis taateen mudate kun ''yoo Yihuudaa taate yaaddoo keessa jiraachuu'' mul'isa jedhan.

    Miseensi garee qaamolee nageenyaa Yihuudaa tokko ''gochi akkanaa deddeebi'ee mudateera,'' jedhe.

    Ministirri Muummee UK Sir Kiir Istaarmar ''haleellaan kun gocha farra yihuudotaati'' jedhan.

    Kanaafuu eegumsa hawaasa Yihuudaaf bajati dabalataa ni ramadama jedhan.

    Poolisii Landan

    Madda suuraa, EPA

  17. Kongiresiin Ameerikaa dhimma waraana Iraanirratti hogganaa Peentaagoon waamuun sa'aatii dheeraaf gaaffidhaan qore

    Piit Heegseet

    Madda suuraa, Getty Images

    Seera baastonni Ameerikaa dhimma waraana Iraanirratti ministiira ittisaa US Piit Heegseet Kongiresiitti waamuun sa'aatii jahaa kan ta'uuf gaaffii garaa garaa dhiyeessef.

    Akkaataa waraanni Iraan itti gaggeeffame, galma waraanichaafi kaan irratti Piit Heegseet gaaffii Dimokiraatonni dhiyaassaniif deebisaa turan.

    Heegseet haasaa baniinsaa taasisan keessatti "diinni cimaan nu mudate jecha mo'amuu [dubbii waa'ee hin baasne]" Dimokiraatotaafi Rippaabilikaanota tokko tokko irraa dhitaatu ta'uu ibsan.

    Seera tumtoonni US maallaqni federaalaa waraana Iraan irratti bahuu hin malle jechuun bulchiinsa Tiraamp kan qeeqan yoo ta'u, Piit Heegseet waliin gaaffiif kan dhiyaatan Ministiira Ittisaatti itti gaafatamaa kutaa maallaqaa kan ta'nJuuls Harist ammoo waraana Iraanirratti hanga ammaa US dolaara biliyeena 25 baasuu ibsan.

    Baasiin kun hedduunsaa dhukaatuwwaniifi meeshaalee bakka buusuuf ykn suphuuf kan oole ta'uus ibsan. Garuummoo hangi baasii dhiyaate kun guutuu akka hin taanefi qoratamee kan dhiyaatu ta'uus akeekan.

    Iraanifi US marii gochuuf waliigaltee dhukaasa dhaaburra gahanis waraanichi garuu guutummaan hin dhumne.

    Waayit Hawus bajanni ittisaa US dolaara tiriliyeena 1.5 akka ta'uufi akka raggaasisuuf Kongiresii gaafateera.

  18. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya kan har'aa eegalleera.

    Seera tumtoonni US Ministiira Ittisaa Piit Heegseet Kongireessitti waamuun dhimma waraana Iraan irratti gaaffii dhiyeessaniif.

    Tiraamp Iraanitti ulaa cufuun ittuma fufa jedheera. Odeessawwan biyya keessaa, kan dhimma muddama US-Iraanifi kaanis jala jalaan isin biraan geenya.

    Odeeffannoo guutuu dhimmoota waraana Iraan, Baha Giddugaoleessatti deemaa jiru dabalatee wantota amma addunyaarratti ta'aa jiran argachuuf: Marsartii, Facebook, Whtasapp, YouTube irraan argachuu dandeessu.

    Dhihyaadhaa!