Bidiruuwwan xixiqqoon haleellaa raawwatan Iraan Hormuuz irratti heddumminaan bobbaaste maali?

Madda suuraa, Reuters
Ulaa Hormuuz irratti bidiruuwwan xixiqqoo meeshaalee waraanaa ofirraa qabanii fi saffisaan imalan baayyinaan mul'atu.
Iraan bidiruuwwan ykn dooniiwwan xixiqqoo kunneen yeroo rakkoon akkanaan mudatu ramaddi.
Daandii murteessaa boba'aan addunyaa irra daddarbu kan ta'e Ulaa Hormuuz irratti amma baayyinaan bobbaafamanii jiru.
Bidiruuwwan haleellaa raawwatan kunneen yaaddoo karaa kana jiru daran hammeessaniiru.
Iraan dooniiwwan kontineeriiwwan fe'an lama naannawa Hormuuzitti kan to'atte hoomaa bidiruu kunneenii bobbaasuudhaani.
Takaanfiin Iraan kun isa Ameerikaan humna galaanarraan olaantummaa argachuu himataa turte tuffachiiseera.
Ulaa guutuu addunyaaf murteessaa ta'e kana deebisanii banuun hangam rakkisaa akka ta'es akeeka.
Ameerikaan dooniiwwan xixiqqoo saffisaan imalan kunneen tuffataa turte. Kanaaf dooniiwwan gurguddoo Iraan qofa irratti xiyyeeffataa turte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee Wiixata darbe Pirezidant Tiraamp ''dooniiwwan xixiqqoon kunneen bakki waan hin kennamneef malee,'' yaaddoo akka ta'an waan akeeku dubbatee ture.
Tiraamp dooniiwwan kunneen yoo iddoo US, handaara Hormuuzitti, imala galaanarraa uggurtee jirtutti dhihaatan, tooftaa Kaaribiyaanii fi Paasifik keessatti fayyadame irra deebi'uun akka barbadeessu dhaadate.
Kanaan dura Kaaribiyaanii fi Paasifik keessatti humna qilleensaa US bidiruuwwan xixiqqoo qoricha sammuu hadoochu fe'an jedhee shakke irratti haleellaa raawwachuun yoo xiqqaate namoota 110 ajjeeseera.
Bidiruuwwan xixiqqoon Iraan baayyinaan bobbaaste kunneen dooniiwwan gurguddoo kanneen meeshaalee waraanaa hin hidhanne hin haleelan.
Hidhannoo guddaas hin qaban. Meeshaalee waraanaa gurguddoo, haleellaa rookeetii fi yeroo garii ammoo tarkaanfii farra haleellaa misaa'elaa irratti fudhatamuun kan ga'eesaa ba'atu Eegdota Warraaqsaati.
Iraan misaa'eloota, dirooniiwwan, dhootuuwwan adda addaa fi sirna elektirikii Hormuuz fi naannawa sana qubachiistee ykn diriirsitee jirti.
Kun qaamni kamuu imala karaa kana darbuuf akka yaaddoon guutamu taasiseera.
Kubbaaniyyaan nageenya galaanarraa biyya Giriik Diaplous jedhamu ''dabalataan bidiruuwwan saffisaan imalanii fi haleellaa raawwatan heddummaachuun yaaddoo hammeessa,'' jechuun Rooyitarsitti hime.
Iraan waraana dura bidiruuwwan akkanaa kumaatamaan lakkaa'aman qabdi turte jedhamee tilmaamama.
Bidiruuwwan kunneen dawoowwan handaara galaanaa, bidiruuwwan kaan keessa ykn buufataalee doonii keessa riphanii turan jedhu xiinxaltoonni dhimma nageenya humna galaanarraa.
Jaarmiyaa dhimma nageenya galaanarraa hordofu Dryad Global jedhamu kan hoogganu Korii Ransilem, erga waraanni US-Israa'el fi Iraan Guraandhala 28 eegalee bidiruuwwan 100 caalan barbadaa'uu ibse.
Iraan tooftaa jijjiiraa jirtii?
Iraan torban kana dura dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz darban ittisuuf misaa'elootaa fi dirooniiwwaniin haleellaa raawwachaa turte.
Haleellaawwan akkanaa erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu Ebla 8 irra ga'amee dhaabbataniiru.
Iraan dooniiwwan konteenaroota fe'an lama to'achuun tarkaanfii Ameerikaa hordofsiise.
Ergasii Ameerikaan daldala galaanarraa Iraan irratti dhiibbaa uumaa jirti. Dooniiwwan boba'aa Iraan fe'anii fi kaanis ugguruu cimsitee itti fufte.
Kubbaaniyyaa nageenya imala galaanarraa Biriteen Ambrey jedhamutti xiinxalaa gameessa kan ta'e Daani'eel Muler ''dooniiwwan siivilii meeshaalee waraanaa ittiin haleellaa Iraan ofirraa qolatan waan hidhanneef saaxilamoodha,'' jedhe.
Bidiruuwwan saffisa guddaa qaban kunneen yeroo ammaa tarsimoo humna galaanaa Iraan keessatti akka utubaatti tajaajilu jechuun qondaalli olaanaan Iraan tokko Rooyitarsitti hime.
Salphaatti dhukaasa banuun tarkaanfii fudhachuu danda'u jedhe qondaalli kun.
Aanga'aan Iraan maqaa fi eenyummaasaa dhokfachuun dubbate kun ''dooniiwwan kunneen saffisa guddaa waan qabaniif haleelanii miliquu danda'u. Osoo hin qabamin diina haleelanii miliqu,'' jedhe.
Hanqina dooniiwwan saffisoo
Kubbaaniyyaa UK, Amrey, keessatti xiinxalaa olaanaan Muler Iraan kan ammaa kana dabalatee erga bara 2019 as bidiruuwwan xixiqqoo kunneen yeroo torba fayyadamteetti jedha.
Yeroo gannaa bubbee hamaa fi dambalii galaanaa mudatuun Iraan bidiruuwwan kunneen sirriitti fayyadamuu hin dandeessu jedha maddi imala galaanaa Iraanitti dhiheenya qabu.
''Dambaliin galaanaa wayita guddatu haleellaa raawwachuun ni cima,'' jedhe maddi kun.
Bidiruuwwan kunneen dooniiwwan waraanaa waliin fuulaa fi fuulatti walitti ba'uun qolachuu hin danda'an.
Kubbaaniyyaa dhimma waraanaa- Janes jedhamutti xiinxalaan dhimma Baha Giddugaleessaa Jeremii Binii ''haleellaan tokkittiin bidiruuwwan kunneen baayyee miidhuu dandeessi,'' jedhe.
''Tuutaan ba'anii kallattii garaagaraan haleellaa raawwatanillee haleellaa qilleensarraan irratti raawwatuuf baayyee saaxilamoodha,'' jedhe.
Dooniiwwan kunneen haleellaa misaa'elaa fageenya dheeraa irraa gaggeeffamuun salphaatti barbadaa'u, garuu warri Iraan misaa'eloota (meeshaalee waraanaa gurguddoo) harkaan dhukaasaniin xiyyaarota waraanaa US gadi siqanii imaluun dooniiwwan kunneen haleelan qolachuu danda'u.
''Dooniiwwan waraanaa Iraan barbadeessuu caalaa bidiruuwwan saffisa guddaa qaban kunneen barbadeessuutu ulfaata. Dooniiwwan qaamaanis gurguddoo waan ta'anii salphaatti eessa akka jiran argamu. Bidiruuwwan kunneen garuu eessa akka jiran hin beekaman. Haleellaa ofirraa ittisuu dadhabanis miliquudhaan garuu of baraaruu danda'u,'' jedha.















