Iraan waliigalteen dhukaasa dhaabuu waan cabeef Ulaan Hormuuz hin banamu jette

Madda suuraa, Getty Images
Iraan bakka bu'uun namni US waliin durabuutummaan marii'atu ''sababa waliigalteen dhukaasa dhaabuu Ameerikaafi Israa'eliin cabeef Ulaa Hormuuz banuun waan tahu miti,'' jedhe.
Mohaammad Baaher Gaaliibaaf ergaa miidiyaa hawaasaa irratti barreesseen Ameerikaan buufata doonii Iraan humna galaanaa isheen danquun diinagdee addunyaa ''huutee qabde, Israa'el ammoo ''gama hundaan duula waraanaa geggeessaa oolti,'' jedhe.
Pireezidantiin Iraan Masuud Pezeeshikiyaan Iraan ammallee mariidhaaf balbala akka hin cufne himuun ''waliigaltee cabsuun, danqaafi doorsisni dhimmoota mariin dhugaa akka hin jiraanne godhan keessaati,'' jedhe.
Kibxata darbe Iraaniifi US Paakistaanitti akka haaraatti marii akka jalqaban himamaa turus ammallee hojiirra hin oolle.
Pireezidantiin ittaanaa JD Vaans marii kana gama Ameerikaan akka hogganu himamus ammallee US irraa hin sochoone.
Kibxata galgala Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu Roobii dhumu akka dheereffame hime.
Boodarra Pirees Sekreetarriin Waayit Haawus Kaarolaayiin Leeviit yeroo dheereffame guyyaa murtaa'een kan daangeffame akka hin taane himte.
Tiraamp uggura humna galaanaa Iraan irratti taasifamuun ''gammadoo dha,'' ammoo Iraan ejjennoo ''dadhabaarra'' akka jirtus beeku'' jette.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Furtuun harka Tiraamp jirti yeroo ammaa,'' jechuunis dubbatteetti.
Waraanni kuni yoom akka raawwatu gaafatamnaan murtoon harka Tiraamp akka jirtu himtee ''fedhiin uummata Ameerikaa guutameera jedhee gaafa yaadu murteessa,'' jette.
Bakka bu'aan marii Iraan yaada boodanaa kenneen daandii doonii ijoo jedhamurratti lolli ittuma fufee jira Iraanis dooniiwwan lama ''to'achuu'' himteetti.
Roobii ganama Iraan dooniiwwan lama ''sakatta'uuf'' Ulaa Hormuuz irraa fudhatamaniiru jette.
Gabaasni kuni kan dhufe dooniiwwan sadii ulaa kanarratti haleelamaniiru jedhamuun boodadha.
Ibsi mootummaa Iraan irraa bahe akka agarsiisutti dooniiwwan kunneen ''eeyyama malee kan socho'aa turaniifi irra deddeebiin qajeelfama cabsuun Ulaa Hormuuz keessaa ' dhoksaan' bahuuf turan jedhe.
Dabaluunis sochii Ulaa Hormuuz irratti taasifamu akka hordofuufi ''sarbaa kamiyyuu irratti tarkaanfii akka fudhatu himeera.''
Maddi oduu Iraan Tasniim viidiyoo yeroo komaandoon Iraan dooniiwwan lameen to'atu agarsiisu gadhiiseera.
Eragasii marsariitiin sochii dooniiwwanii hordofu Marine Traffic dooniin Yufooriyaa jedhamtu erga haleellaan irra gahee booda gara kibbaatti yabaluun buufata doonii Koor Fakaan irraa km24 fagaattee jirti.
Ministarri Hajaa Alaa Giriik Giyoorgoos Geeraapetriitiis doonii isaanii Epaaminoondaas jedhamtu haleelamuu himeera.
''Doonii keenyarratti haleellaan ture garuu doonii kana Iraantu to'ate jedhee mirkaneessuu hin danda'u,'' jechuun Giyoorgoos CNN'tti himeera.
Gaafa Roobii Waajirri Ittisaa Ameerikaa hogganaa humna galaanaa biyyattii aangoosaa ''hatattamaan akka gadhiisu,'' himeera.
Joohn Feelaan maaliif aangoo akka gadhiis sababni hin kennamne. Torbee tokko duras Hogganaan Ittisaa Piit Heegseez hogganaa loltuu biyyattii akka aangoo gadhiisugaafatee ture.
Humna galaanaa kana bakka bu'ummaan Haang Kaawootu hogganaa jira.
Waayit Haawus marii Paakistaanitti deebi'uufis tahe haleellaa deebistee eegaluuf yeroo murtaa'aa tahe kennuu dhabuun tarsimawaa tahuu mala.
Iraan danqaa kanaan diinagdeenshee yeroo miidhamu bulchiinsi Tiraamp yeroo argata.
Akka Kaarolaayin Leeviit jettutti hoggana Iraan keessaa warri furmaata ''qabatamaatti'' amanan gara waliigaltee nagaatti akka dhufaniifi warra mata-jabaatan akka didan godha.
Kana malees tarkaanfii waraanaa guutuu tahetti deebi'uun uummata Ameerikaa ittuu yaaddeessuu akkasmuas gabaa addunyaa jeeqamee jiru akka hammeessuu danda'u keessa Tiraamp akka hin galleef dhorkuu mala.
''Tahus Iraan injifannoon kan madaalamu Ulaa Hormuuz to'achuun akka tahe murteessiteetti,'' jedhe qondaalli hajaa alaa Ameerikaa duraanii Andiruu Piik.
Garuu ''Donaaldi Tiraamp gabaa istookii to'achaa jira, garuu gatiin boba'aa iddoo gariitti doolaara tokkoon dabalaa jira,'' jedhe.
Leeviit ibsa Waayit Haawusitti kenniteen Iraan dooniiwwan lameen qabachuu waliigaltee cabsuutti Ameerikaan akka hin lakkoofen himteetti.












