KALLATTIIN, Iraan waraana dhaabuuf qabxiilee isheen dhiyeessitetti hin gammanne -Tiraamp

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Iraan waraana dhaabuuf qabxiilee isheen dhiyeessitetti gammachuu akka hin qabne qondaalonn US ibsan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kooriyaan Kaabaa waggaa 13 keessatti namoota 358 irratti adabbii du'aa raawwatte

    Kim Jong un

    Madda suuraa, Getty Images

    Kooriyaa Kaabaatti adabbii du'aa raawwachuun yeroo weerara Covid-19 akkaan dabalee akka ture dhaabbata miti-mootummaa magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa, Sewul jiru ibse.

    2020 hanga 2024 yoo xiqqaate namoonni 153 ajjeefamaniiru ykn duuti itti murtaa'eera jedha gabaasi jaarmiyaa Transitional Justice Working Group (TJWG) jedhamuu.

    Kun waggoota shan weerara dura turaniin yoo walbira qabamu 44n caaluu agarsiisa.

    Kanneen adabbii kanaaf saaxilaman hedduun sababa amantii, dhugeeffannaa saayinsiin hin mirkanoofnee fi qabiyyeewwan alaa fayyadamuun walqabatu.

    Diraamaawwan Kooriyaa Kibbaa (K-dramas) fi walleewwan Kooriyaa Kibbaa (K-pop) kanneen adabbii du'aaf sababa ta'an keessaati.

    Jaarmiyaan kun akka gabaasetti adabbiin du'aa fi ajjeechaan bara aangoo Kim gara jalqabaarraa ka'ee hammaachuu eegale.

    Bara 2013 namoota 80 caalantu ajjeefaman.

    Bara 2020 namoota 54, bara itti aanu namoota 45 ta'antu ajjeefaman.

    Waliigalatti bara 2011 hanga 2024 gidduutti namoota 358 irratti adabbiin du'aa raawwachuu gabaase TJWG.

    Ajjeechaawwan kunneen keessaa dhibbeentaa 70 kan caalu hawaasa fuulduratti raawwatame.

    Hedduun rasaasaan rukutamuun ajjeefaman. Bara bulchiinsa Kim kana keessa iddoowwan ajjeechaawwan haala kanaan itti raawwataman 46tu jiru.

  2. ''Akkatti Ameerikaa injifatan biyyoota kaaniif muuxannoo qooduu barbaanna''- Iraan

    Ministira dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii fi Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Ministira ittisaa itti aanaa Iraan kan ta'an Reezaa Taalaaye-Nik biyyisaanii akkaataa Ameerikaa injifachuun danda'amurratti biyyoota walaba ta'aniif muuxannoo qooduuf fedhii akka qabdu dubbatan.

    Miidiyaan mootummaa Iraan yaada qondaala kanaa wabeeffachuun akka gabaasetti ''Iraan biyyoota miseensa jaarmiyaa Shanghai Cooperation Organisation (SCO) jedhamuu ta'aniif muuxannoo qooduuf fedhii fi qophii guutuu qabdi.''

    Iraan waraana xumura ji'a Guraandhalaa irraa hanga jalqaba ji'a Eblaatti gaggeessiteen dirooniiwwan fi misaa'eloota ishee hedduu gara biyyoota ollaa fi Israa'elitti dhukaasteetti.

    Diroonii ishee fayyadamuun xiyyaarota waraanaa daangaashee seenan rukuttee buusteetti.

    Kun ofitti amanamummaa humna waraanaa Iraaniif dabaleera.

    ''Akkaataa itti Ameerikaa injifachuun danda'amu biyyoota walabaaf ibsuu barbaanna. Kanaaf qophii guutuu qabna,'' jedhan Aab Taalaaye-Nik kora ministiroota ittisaa SCO magaalaa Kirigistaan keessatti qophaa'erratti.

    Tibba kana aanga'oonni Iraan ministiroota ittisaa Raashiyaa fi Beelaaruus waliin dubbataniiru.

    Raashiyaa fi Beelaaruus gamasaaniin hariiroo Iraan waliin akka cimsan ibsaniiru.

    Waraanni US-Israa'el fi Iraan guyyoota 40f erga gaggeeffamee booda jalqaba ji'a kanaa dhukaasi dhaabbateera, garuu mariin dippiloomaasii adda citeera.

    Oduu biroo kana waliin walqabatan:

  3. Sudaan Kibbaatti xiyyaarri kufee caccabuun namoonni keessa turan hundi dhuman

    Xiyyaarri gara Jubaa imalaa turte kun namoota 15 feetee turte

    Madda suuraa, Supplied

    Abbaan taayitaa siivil aviyeeshinii Sudaan Kibbaa akka ibsetti paayileetii dabalatee namoonni 15 xiyyaara xiqqoo kana keessa turan hundatu dhuman.

    Namoonni balaa xiyyaara kanaan dhuman kunneen 13 lammiilee Sudaan Kibbaa yoo ta'an lama lammiilee Keeniyaati.

    Xiyyaarri kun kibba lixa magaalaa guddoo biyyattii, Jubaa, irratti kuftee caccabde.

    Magaalattii seenuuf daqiiqaan 30 wayita hafu to'annoo tiraafika daandii qilleensaan ala taate.

    Qondaalonni biyyattii garee sababa balaa kanaa qoratu iddoo balaan kun itti mudatetti bobbaaseera.

    Qorannoon jalqabaa garuu sababa haala qilleensaa hamaa ta'een balaan mudachuu mul'ise.

    Xiyyaarri Cessna 208 Caravan jedhamtu kun qabeenya kubbaaniyyaa CityLink Aviation Ltd jedhamuuti.

    Biyyi addunyaarratti umrii xiqqoo qabdu Sudaan Kibbaa bu'uuraalee misoomaa geejjibaaf tolu hin qabdu.

    Daandiin qilleensaa ishee mijataa akkasumas naga qabeessa kan jedhamu miti.

    Sudaan Kibbaa erga bara 2011 walabummaashee labsachuun biyya of dandeesse taatee hundooftee as balaawwan xiyyaaraa 55 caalu biyyattii keessatti mudateera.

    Balaa lubbuu namoota hedduu gaaga'aa jiruuf sababi ijoon ammoo daandiin qilleensaa biyyattii xiyyaara dulloomaa fayyadamuu fi to'annoonsaa laafaa ta'uudha.

    Humnaa ol fe'uu, haala qilleensaa mijataa hin taanee fi dogoggora paayileetotaa waliinis wal qabata.

    Amajjii 2025 xiyyaarri gara Jubaa deemaa ture tokko kufee caccabuun hojjettoonni boba'aa 20 ta'an dhumaniiru.

    Biyyattii keessatti balaan xiyyaaraa hamaan kan mudate bara 2015 ture.

    Handaara buufata xiyyaaraa Jubaatti xiyyaarri Antonov kufee caccabuun namoonni 41 dhuman.

  4. Shakkamaan irbaata gabaastota Waayit Hawusirratti dhukaasa bane Tiraamp ajjeesuuf yaaluun himatame

    Abbaa alangaa US

    Madda suuraa, Reuters

    Jiraataan Kaalifoorniyaa Sambata halkan qophii irbaataa gabaastota Waayit Hawusirratti dhukaasa banuun shakkame yakka pirezdantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp irratti yaalii ajjeechaa gaggeessuun himatame.

    Namni umuriin isaa waggaa 31 ta'e Kool Tomaas Aleen jedhamu kun Wixata Waashingiteenitti mana murtiitti wayita dhiyaatetti yakka meeshaa waraanaa lamaan himannaan irratti banameera.

    Sambata irbaata waldaan gaazexeessitoota Waayit Hawus Waashingiten qopheesanirratti yeroo bakka sakatta'insaa darbutti shugguxxii hanga tokko awutomaatikii ta'e, qawwee giddu-galeessa ta'ee fi billaa sadii qabatee turuu abbaan alangaa himata banerratti ibseera.

    Misensa qaama nageenyaa namni ta'e tokko rasaasaan rukkutamulleen miidhaan cimaan akka irra hin ga'iin ibsameera.

    Namni himanni irratti baname kun yakkamaa taanaan hidhaa umurii guutuuti isa eeggata.

    Shakkamaan Wixata mana murtiitti dhiyaate kun gaaffii daanyaan dhiyeessuuf sagalee lallaafaa ta'een "Eyyeen" kabajamoo, ykn "Lakki" kabajamoo jechuun qpfa yeroo deebisu dhaga'ameera.

    Shakkamaan umuriisaa mana murtiif ibse kun, barnootaan digirii lamaffaa (MSC) akka qabu dubbateera.

    Abbaan alangaa wayita himatasaa mana murtiif dhiyeessutti loltoonni Ameerikaa lama duuba shakkamaa kanaan tokko ammoo cinaa isaatiin dhaabatanii mul'atu.

  5. Wayita mariin dhaabbatee jirutti Iraan Ameerikaa salphisaa jirti jedhan Chaansilarri Jarman

    Chaancilara Jarman Fireedirik Merzi

    Madda suuraa, Reuters

    Chaansilarri Jarman Fireedirik Merzi aanga'oonni Iraan qondaalota US qaaneessaa jiraachuu dubbatan.

    Bulchaan Jarmanii kun bulchiinsi Iraan qondaalonni US akka Paakistaan, Islaamaabaad deeman erga sababa ta'ee booda osoo wayirra hin ga'in ba'uun tuffii mul'isa jedhan.

    Merzi US waraana Iraan keessaa ba'uuf tarsimoo fi tooftaan fayyadamaa jirtu akka itti hin mul'anne dubbataniiru.

    Yaadi qondaala Jarmanii kanaa waldhibdeen duraan US fi biyyoota Awurooppaa miseensota NATO ta'an gidduutti dhalate ammallee jiraachuu agarsiise.

    ''Warri Iraan mari'achuu irratti ogummaa cimaa qabu. Akkasumas dhimmoota mariif dhihaachuu hin qabnerratti mari'achuu dhiisuu ilaalchisees baayyee ogeeyyiidha. Warri Ameerikaa hanga Islaamaabaaditti imalanii bu'aa tokko malee akka deebi'an godhan,'' jedhan qondaalli Jarmanii kun.

    ''Hooggansi Iraan biyya guutuu (US) qaanesse. Keessattuu Eegdota Biyyaalessaa kan jedhaman. Kun hatattamaan akka dhaabbatu nan abdadha.''

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp miseensonni NATO tumsa naaf gochaa hin jiran jechuun komataa ba'e.

    Keessattuu Ulaa Hormuuz bansiisuuf wayita gaafataman humna gumaachuurraa duubatti jedhan jechuun komataa ture.

    Bulchaan Jarmanii kun garuu Tiraamp osoo isaan hin dubbisin komataa akka ture himan.

    Ameerikaan Israa'el waliin ta'uun Iraan irratti waraana eegaluu dura akka isaan hin mariisisne dubbatan.

  6. Osooma US Ulaa Hormuuz cuftee jirtuu bidiruun qaalii Raashiyaa keessa dabarte, akkamiin?

    Bidiruu bashannanaa abbaa qabeenyaa Raahsiyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Bidiruun qaaliin Raashiyaa Pirezidaant Puutiin waliin hidhata qabdi jedhamtu osoodhuma US uggura keessee jirtuu Ulaa Hormuuz qaxxaamurte.

    Bidiruun kun superyacht Nord jedhamuun kan beekamtu yoo ta'u, dheerina meetira 142 kan qabduufi akkaan qaalidha.

    US dooniiwwan kamuu Ulaa Hormuuz qaxxaamuruun gara buufataalee doonii Iraan akka hin seennefi achii akka hin baaneef humna galaanaa bobbaasuun uggura erga keesssee torbee lamaa ol ta'eera.

    Haa ta'u garuu bidiruun bashanannaa baay'ee qaalii taatefi Pirezidaant Puutiin waliin hidhata qabdi jedhamte kun uggura US cabsuun Ulaa Hormuuz keessa qaxxaamurtee jirti.

    Bidiruun kun kan abbaa qabeenyaa Raashiyaa Aleeksii Mordaashoov yoo taatu, Dubaayi irraa ka'uun gara Omaan erga deemtee booda, achirraan Ulaa Hormuuz qaxxaamurte.

    Aleeksii Mordaashoov biliyeenara Raashiyaa qoqqobbii US jala jiruufi pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin hidhata qabuudha.

    Bidiruun qaaliin uggura US cabistee Ulaa Hormuuz qaxxaamurte kun dolaara miliyeena 500 akka baastutu himama.

  7. Waraana dhaabuuf qabxiilee Iraan dhiyeessitetti Tiraamp gammachuu hin qabu- qondaala US

    Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp waraana dhaabuuf qabxiilee ijoo Iraan dhiyeessiterraa gammachuu akka hin qabne qondaalli US tokko madda oduu Rooyitarsitti himan.

    Iraan yaadaa amma dhiyeessite keessatti hanga waraanni dhaabbatuufi dhimmi Ulaa Hormuuz furamutti waa'ee nikularaa mariyachuun akka hin barbaachifne kaaste.

    Yaadi Iraan amma dhiyeessite kun ammoo Tiraampiif hin liqimfane jedhan qondaalli US. Sababni isaa US jalqabumarraayuu dhimmi nikularaa qabxii ijoo irratti walii galamu ta'uu akka qabu fedha qabdi.

    Biyyoota lamaan gidduutti abdiin mariin ni eegala jedhu Sambata darbe Tiraamp jilli marii gara Islaamaabaad akka hin deemne haquu hordofee dhaamee jira. Iraan US waliin qaaman wal-argee hin mariyadhu jechuu hordofee jilli marii US gara Paakistaan deemuuf ture hafuun dhagahame.

    Tiraamp yoo marii barbaadaan "nuuf haa bilbilan" jechuun jilli marichaa akka hin imalle dhorke.

    Gama biraan ammoo Iraan torban kana ministiira dhimma alaashee Abbaas Araagchii gara biyyoota sadiitti ergiteetti: Paakistaan, Omaanifi Raashiyaa.

    Abbaas Araagchii Raashiyaatti imaluun Pirezidaant Puutiin waliin erga mariyatanii booda, Raashiyaa waliin wal-ta'iinsa tarsiimawaa tolfachuu ibsan.

  8. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya kan har'aa eegalleera.

    Tiraamp waraana dhaabuuf yaada Iraan dhiyeessitetti akka gammachuu hin qabne ibse.

    Gam biraan ammoo Iraan Raashiyaa waliin hariiroo tarsiimawaa tolfadhe jette.

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Dhihyaadhaa!