Fanjiin galaanaa Iraan awwaalte maali, buqqisuun maaliif rakkisaa ta'a?

Madda suuraa, US Naval Institute
Dhimmi Fanjii Iraan yeroo waraana Iraan fi Ameerikaa ulaa Hormuuz keessa awwaalte mata dhukkubbii fi yaaddoo addunyaa ta'ee jira.
Torban darbe pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp humni galaanaa Ameerikaa bidiruuwwan Iraan ulaa Hormuz keessatti utuu fanjii awwaalanuu argaman kamiyyuu hatattamaan akka dhabamsiisan ajaja kennaniiru.
Boba'aa fi gaazii addunyaatti geejjibsiifamu keessaa tilmaamaan dhibbeentaan 20 kan ta'uulaa Hormuz kana keessa darbu qabu.
Kanaaf dhimmi ulaa kanaa ajandaa addunyaa ta'ee itti fufeera. Waraanaan booda Iraan ijjannoo cimaa ulaa kana irratti qabatteerti. Ulaa kana to'achuuf Itti gaafatamummaa kan qabu Iraani jette.
Kanaaf dooniwwaan karaa Iraan hin eeyyamneen darbuuf yaalaan fanjii awwalameef saaxilamu. Kanneen karaa isheen hayyamteen darban ammoo qaraxa guddaa Iraanif kanfaluu qabu.
Gama biraatiin Ameerikaan humna waraanaa ishee fayyadamtee ulaa Hormuuz cufte akka bantuu fi fanjiiwwaan awwaalames buqqisuu akka dandeessu cimsitee dubbachaa turte.
Mee gabaasa kana keessatti Fanjiin galaanaa maal akka ta'e, akkamitti akka hojjetu, balaa isaa fi maaliif akka buqqisuuf baay'ee rakkisaa ta'e haa ilaalu.
Fanjiin galaanaa maali?
Fanjiin galaanaa meeshaalee waraanaa dhoo'aa dooniiwwan bishaan jalaa fi gubbaa imalan barbadeessuuf jecha bishaan jala kaa'amaniidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraana keessatti dooniiwwan garee diinaa naannoo galaanaa murtaa'e tokko akka hin seenne ittisuuf ykn barbadeessuuf kan ooludha.
Teeknooloojiin kun durii irraa jalqabee kan ture yoo ta'u, jalqaba Chaayinaan jaarraa 14ffaa keessa saamtota galaanaa irra ittisuuf jecha kan itti fayyadamtedha.
Ameerikaanis teknolojii kanatti yeroo adda addaa dhimma ba'aa kan turte yoo ta'u amma teknoolojiin isaa akka malee fooy'aa deemuun lola galaanaa addunyaa hunda keessatti jechuun haala danda'amuun dhimma itti ba'ama.
Waraana Addunyaa Tokkoffaa fi Lammaffaa keessatti waraana Waraana Kooriyaa akkasumallee Waraana Galoo Galaanaa fi kanneen biroo dabalatee fanjiin galaanaa itti fayyadamaama tureera.
Ogeessi ittisaa Ameerikaa Raahul Beedii Fanjiiwwaan humna galaanaa kallattiin to'annaa malee of dhoosuu waan danda'aniif balaafamoo akka ta'an eeru.
Itti dabaluunis '' Fanjiwwaan kunneen, dooniiwwan boba'aa, doonii waraanaa ykn doonii daldalaa jedhanii gosa doonii adda baasuun irratti xiyyeefachuu dhiisuu malu.''
Qondaalli kun dooniwwaan kamiyyuu naannoo fanjiwwaan kunneen itti awwalaman socha'an kamiyyuu irratti dhuka'uun balaa kan geessisu ta'uu eeran.

Madda suuraa, Getty Images
Gosoota fanjii galaanaa
Akka Giddugalli Nageenyaa fi Seera Idil-addunyaa Roobart S. Istiraawus jedhutti, fanjiin galaanaa gosoota gurguddoo sadii akka qabu ibsa.
Fanjiiwwaan tuttuqaa dhohan kun kan yeroo dooniin kallattiin isaan tuqxu ykn garmalee itti dhihaattu kan ta'uudha.
Fnajiin biraa caalaatti balaafamaa ta'e fanjii sensar godhu (Sensor mines) jedhamu kan kallattiin tuttuqaa hin barbaanne, garuu dooniiwwan itti dhiyaatan adda baasuuf sensaroota akka maagneetii, sagalee, dhiibbaa isaan bishaan irratti godhan fayyadamun adda baasudha.
Gosti sadaffaan ammoo fanjii fageenya irraa to'atamu yoo ta'u, nama isaan to'atuun dhoo'a.
Akkamitti galaana keessa kaa'amu?
Fanjiiwwaan galaanaa akka akkuma gosoota isaatti maloota galaana keessa kaa'uuf fayyadaman hedduun jiru.
Fanjiiwwaan tokko tokko lafa jalatti hidhamee gara gubbaa bishaanitti dhiyeeffamee hidhamuun yeroo dooniiwwaan isaan tuqan dhoo'u.
Fanjiiwwaan lafa bishaan galaanaa jala kaawwaman ammoo sensaroota fayyadamuun dho'a.
Fajiiwwaan xixiqqoo 'limpets' jedhaman kan akka magineetii kallattiin qaama doonii isaanitti dhiyaattetti dhaqanii maxxananiis jiru. Fanjiiwwan kunneen halaalarraa namaan kan toataman waan ta'eef utuu hin dho'in dooniwwaan akka harka kennatan taasisuu danda'u irra kaa'amanii osoo hin dhohin yeroo murtaa'eef ka'an jiru.
Waa'een Fanjii Iraan Hormuz keessa awwaaltee maaltu beekama?

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Akka Ameerikaan jettutti Iraan boombii 5,000 hanga 6,000 ta'u ulaa Hormuz keessa awwaalterti.
Gabaasaleen biroos akka jeeranitti, yeroo waraanaatti fanjiiwwaan dhuka'oo hedduun doonii saffisaa fayyadamuun kaa'ameera. Haa ta'u malee, dhugaa jiru maali isa jedhuuf waanti guutummaatti mirkanaa'e tokko akka hin jirre ogeeyyiin kan dubbatan.
Dhimma dooniwwaan galaana irratti xinxalaa walabaa teessoo isaa Hindii godhate Rahul Bedi ''yeroo ammaa kana namni haala sirrii waan ulaa Hormuz keessa jiru beeku hin jiru. Burjaajjii guddaatu jira. Bakka sirrii dooniiwwan Ameerikaa ykn Iraan jiran illee hin beeknu."jedha.
Haa ta'uu malee fanjiiwwaan kunneen akka jedhametti baay'inaan yoo awwaalamuu baatee keessumaa naannoo seensa fi bahiinsaa akkasumas naannoowwan tarsiimoo ta'anii fi balaa guddaa qabuutti jkaa'amuu akka hin oolle dubbata.
Fanjiwwaan kanneen buqqisuun hangam balaafamaadha?
Fanjii galaanaa kaa'uun salphaadha garuu buqqisuuf baay'ee rakkisaadha.Akka yeroo kaa'amuu salphaa miti. Fanjiwwaan kunneen bishaan gubbatti, giddutti ykn lafa galaanaa jalaatti kan hidhamaniidha. Haa ta'uu malee Fanjiwwaan kunneen gariin isaanii sababa dambalii bishaaniitiin bakka isaanii jijjiiruu danda'u.
Iraan mataan ishee Fanjiwwaan kunneen eessa kaa'amanii akka jiran hin beektu, sababiin isaas ariitiidhaan waan kakkaa'ame ta'uu mala.
Yookiin bakki fanjiiwwaan tokkoon tokkoon isaa itti argamu galmaaʼuu dhiisuu dandaʼa ykn fanjiwwaan tokko tokko itti yaadamee bakka bakkatti akka socho'u kan gad dhiifame taʼuu dandaʼa.
Raahul Bedi akka jedhutti, "Fanjiiwwaan kana buqqisuun hojii baayyee ulfaataa fi yeroo fudhatudha. Iraanis kana beekti. Hormuz keessa Fanjiin meeqa akka dhaabame eenyullee mirkaneeffatee hin beeku, garuu Iraan hanga ammaatti waa'ee Fanjii galaanaa ulaa kana keessa awwaaluu ishee dubbachuudhaan faayidaa saayikoloojii guddaa eegsifattee jirti."
Erga qulqullaa'ee boodas naannoon sun deebi'ee balaadhaaf saaxilamuu danda'a.
Fanjiiwwaan Iraan kana qulqulleessuuf yoo xiqqaate baatiin ja'a akka barbaachisu Peentagoon ibsee ture
Ogeeyyiin akka jedhanitti, karaaleen gurguddoon lama fanjiiwwaan sanneen ittin dhabamsiisuun danda'amu meeshaalee adda addaa galaanarra fagoodhaa harkisuudhaan qulqulleessuu fi roobootii fayyadamuun sakatta'uu faa akka ta'e eeru.















