Everten v Maan Siitii, Arsenaal v Fuulhaam, Man Yunaayitid v Liiverpuul dabalatee tilmaama Piriimer Liigii

Torban kana taphoota Piriimer Liigii Ingiliz keessaa kan Maanchester Yunaayitid v Liiverpuul, Arsenaal v Fuulhaam, akkasumas Everten v Maanchester Siitii waliin taasisan akkaan eegamu.
Waancaa Liigichaa gama murteessuutiin garuu kan Maanchester Siitiin gara dirree Everten imalee morkatu xiyyeeffannoo guddaa argateera.
"Taphni kun imala waancaa Maanchester Siitiidhaaf qormaata guddaa ta'uu isaa xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan timaameera.
Suutan taphoota Jimaata har'aa irraa kaasee hanga Wixataatti taphoota jiran tilaameera.
Jimaata
Liids V Barnilee
Barnileen Liigicha keessaa bu'uun alatti leenjisaan garee kanaa Iskoot Paarker guyyoota uraasa dura gadhiiseera.
Liids ammoo bara dorgommii gaarii dabarsaa jira.
Gareen kun tapha kanaan mo'amnaan itti aansee Tootenhaam fi West Haam irraa qormaata guddaatu isa eeggata.
Tapha kanaan Liids gadi bu'uu irraa ooluu isaa mirkaneeffata jedheen yaada.
Tilmaama ፡ 2 - 0
Sambata
Bireentifoord v West Haam
West Haam torban darbe injifannoo murteessaa Everten irratti galmeeffateera.
Gareen kun torbanoota muraasa darban keessa sochii gaarii agarsiisullee, hanga barbaadame garuu miti.
Bireentifoord ammoo torban darbe Maanchester Yunaayitid waliin qabxii tokkollee galmeeffachuu dhabuun isaa carra dhabeessa isa taasisa.
Tilmaama፡ 1 - 1
Niiwukasil v Biraayiten
Niiwukasil liigicha keessa turuudhaaf qabxiin lama isa barbaachisa.
gareen kun qabxii Liigicha keessa isa tursiisuu danda'u gahaa sassabbateera jedheen yaada.
Biraayiten ammoo sadarkaa ja'affaa qabatee xumuruun waltajjii Awurooppaa keessatti hirmaachuuf carraa guddaa qaba.
Daanii Welbeek goolii lakkoofsisee gareen kun akka mo'atun tilmaama.
Tilmaama፡ 1 - 2

Arsenaal v Fulhaam
Arsenaal tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaa xumura walakkaa tapha lamaffaa Atileetikoo Maadiriid waliin osoo hin taasisiin dura fuula isaa gara Liigiitti naanneeffata.
Arsenaal goolii lakkoofsisuu dhabuun isaa yaaddessaadha.
Fuulhaam waltajjii awurooppaaf morkataa kan jiru ta'ulleen ciminni sarara ittisaa Arsenaal akka salphaatti hin ilaalamu.
Tilmaama፡ 2 - 0
Woolvis v Sanderlaand
Sanderlaand waan torban darbe Notingihaam Forestiin irra ga'erraa tapha ittiin dandamatudha jedheen yaada.
Woolvis ammoo bara dorgommii kana dadhabaa ta'ee dabarseera.
Tapha kana kan gaggeessan taphoota sadii walitti aansuun mo'amuun qofa osoo hin taane osoo goolii tokkollee hin lakkoofsisiinidha.
Tilmaama:0 - 1
Dilbata
Bornimaawoz V Kiristaal Palaas
Bornimaawoz taphoota 14 darban kan hin mo'amne yoo ta'u, bara kana dirree isaarratti kan mo'ame si'a lama qofaadhaa.
Kiristaal Palaas ammoo Konferaansi Liigii Awurooppaa tapha deebiif Shaktaar Dooneeski waliin taasisurratti yeroo yaadutti ta'uun isaa Bornimaawoziin ni fayyadata.
Taphni kun dorgommiin cimaan irratti taasifamulleen abbaa dirree kan ta'e Bornimaawoz akka mo'atun tilmaama.
Tilmaama፡ 2 - 1

Maanchester Yunaayitid V Liiverpuul
Tapha kana tilmaamuudhaaf baayyee ulfaata.
Liiverpuul gahumsa ajaa'ibaarra kan jiru Buruunoo Fernaandeeziin dhaabuun irraa eegama.
Mohaammed Saalaan ammoo tapha kanarratti hin hirmaatu.
Tilmaama ፡ 2 - 2
Aston Viilaa V Tootenhaam
Tootenhaam Liigicha keessa turuudhaaf taphoota hafan afur keessaa sadii mo'achuutu irra jiraata.
Gareen kun ji'ootaan booda kilaba Liigicha keessaa bu'uun mirkanaa'e Woolvis irratti yeroo jalqabaaf galmeeffateera.
Aston Viilaan xumura walakkaa Yurooppaa Liigii Notingihaam Forest waliin qaburratti xiyyeeffachuun isaa Tootenhaam fayyaduu mala.
Ta'us garuu Aston Viilaan mo'atee dhiibbaan irra jiru Tootenhaamitti ni cima jedheen tilmaama.
Tilmaama፡ 2 - 0
Wixata
Chelsii V Notingihaam Forest
Tapha kanarratti Chelsii isa kam ilaalla laata?
Chelsiin xumura walakkaa FA Cup irratti Liidsiin yeroo mo'atetti sochii gaarii agarsiisullee, yeroo Biraayiten waliin taphate garuu dadhabaa ture.
Notingihaam Forest ammoo gahumsa baayyee gaarii ta'erra jira.
Gareen kun waltajjii Awurooppaa irratti taphi isa eeggatulleen Kiriis Wuud goolii lakkoofsisee akka qabxii qooddatanan tilmaama.
Tilmaama፡ 1 - 1
Everten V maanchester Siitii
Maanchester Siitiin taphoota ja'an darban mo'ateeti kan gara tapha kanaa dhufu.
Everten dirree isaarratti morkataa cimaa ta'uun Maanchester Siitii akka qoru nan tilmaama.
Everten qabxii tokko argachuu kan danda'u ta'ulleen, Erliing Halaand, Raayaan Chesrkii, Zharmiin Dokuu fi Antoonii Semeeniyoo kan qabatee jiru sararri fuula dura Siitii goolii ittiin mo'atan ni lakkoofsisu jedheen yaada.
Tilmaama፡ 1 - 2













