Taphattoota walakkaa xumura Shaampiyoonsi Liigii murteessu jedhaman sadarkaan yoo kaa'aman maal fakkaatu?

Suuraalee Vitiniyaa, Harii Keen, Deeviid Raayaa fi Huliyaan Alvaareez giraafiksiidhaan
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Dorgommiin Shaampiyeensi Liigii walakkaa xumuraa kan kilaboonni afur dhaqaa galaan waliif bahanii kan mo'ate xumuraaf darburra gaheera.

Gareensaanii akka milkaa'uuf taphattoonni akkaan murteessoo ta'an eenyu fa'i?

Kibxata halkan PSGn Muunik keessammeessee tapha diraamaa guddaan iratti mul'ateen 5-4 injifateera.

Dorgommii waancaa dhumaa Budaapeest gahuuf drgommii kilaboonni kun arfan taasisan keessatti taphattoonni murteessoo ta'an sadarkaan yoo kaa'aman maal fakkaatu kan jedhu ilaalla.

10ffaa. Maatewoo Rugeerii (Atileetikoo Maadriid)

Maatewoo Rugeerii taphoota Shaampiyoons Liigii 14 keessaa 11 irratti hiriiree Atileetikoo Maadiriidif taphateera.

Falmii Arsenaalifi Atileetikoon duraan taasisan irratti Arsenaal 4-0 dhaan injifatee ture.

Tapha walakkaa xumuraa istaadiyeemii Riyad Air Metropolitano irratti gaggeeffameenis goolii tokko walqixa bahan. Kan xumuraaf darbu qabxii tapha marsaa lammaffaatu murteessa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amma dorgommii kanaan Arsenaal haaloo bahuuf Diyaagoo Simoonee taphataa ija irra kaa'ate tokko Maatewoodha.

Dudduba karaa bitaan gaheen inni Atileetikoof bahu guddaa akka ta'etu tilmaamama.

Lammiin Xaaliyaanii ganna 23, Maatewoo Rugeerii, morkii Atileetikoo Maadiriid Laaligaa keessatti taasisu irratti kilabasaa keessaa kan hammasaa garee faallaa kubbaa gachisiisu hin jiru.

9ffaa. Bukaayoo Saakaa (Arsenaal)

Tapha nuusa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii irratti Maatewoo Rugeerii Laamiin Yamaalitti ramadamee akka hin sochoone yaalaa ture.

Dorgommii Arsenaal Atileetikoo Maadiriid waliin godhurratti ammoo Bukaayoo Saakaa dhaabuu barbaada.

Saakaan miidhama irra gaheen ji'a tokkoo oliif Arsenaaliif hin taphanne; taphoota dhaqaa galaa Arsenaal Ispoorting waliin taasise irrattis hin hirmaanne.

Morkii walakaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii kanaratti Arsenaal sarara irraan seenee ittisa Atileetikoo ni cabsa jedhamee eegama.

Xumuraf darbuufis taphattoota ijoo Arteettan ija irra kaa'atuudha.

Opta Kompuutar bara kana Baayer Muunik caalaa carraa waancaa Shaampiyoonsi Liigii nyaachuu qaba jedhee dursee tilmaamee ture.

Kanaan dura taphoota Saakan irratti hirmaate irratti gareen Mikeel Arteettaa milkiin imalaa ture.

Osoo Saakaan hin miidhamin Arsenaal tapha tokkorratti giddu galeessaan galchii 2.3 fi 2.6 galchaa ture. Taphoota afur Saakaan hin hirmaanne irratti ammoo Arsenaal tapha tokkotti giddugaleessaan galchii 1.5 fi 1.8 galchuutti gadi bu'e.

8ffaa. Ashiraaf Hakiimii (PSG)

Hakiimiin bara kana Shaampiyoonsi Liigii irratti PSGdhaaf oolmaa guddaa oolaa jira.

Dudduuba karaa mirgaan bakka amma taphatu kanatti yeroo ammaa taphataan addunyaarratti Ashiraaf Hakiimii fakkaatu akka hin jirre taphataan duraanii Biraaziil Kaafuun dubbate.

Waarri PSG sara mirgaan Hakiimii, sarara bitaan ammoo Nuunoo Mendeez gaafa hiriiran qe'ee garee faallaa goolu.

Garuummoo Nuunoo Mendeez caalaa Hakiimiin PSGdhaaf utubaa jabaadha. Bara kana sarara mirgaa dudduubarraa ka'ee galchii mijeessufi lakkoofsisuun bara kana Ashiraaf Hakiimii kan dorgomu Leevarkusan irraa Aleeyandiroo Girimaaldodha.

7ffaa. Jooshuwaa Kimiich (Baayer Muuniik)

Jooshuwaa Kiimich akkuma waayilasaa Aleeksaandaar Paavloovich dorgommii Shaampiyoonsi Liigii irrati kubbaa kennuun gita hin qabu.

Tapahataan sarara gidduu ganna 31 kun sarara ittisaa garee faallaa cabsuun kubbaa 19 dabarsee kennuun dorgommii Awurooppaa kana irratti gahuumsa cimaa kan agarsiisedha.

Jooshuwaa Kiimiich caalaa kubbaa dabarsuun kan beekamu taphataa sarara gidduu PSG Vitiiniyaa qofa. Vitiiniyaan kubbaa 345 yoo dabarsee kennu Kiimiich ammoo dorgommii Shaampiyoonsi Liigii hanga walakkaa xumuraatti godhamerratti kubbaa 301 dabarsee bareechee kennuun Vitiniiyaatti aana.

Haa ta'u garuu kubbaa sarara peenaaliitii keessatti bareechee kennuurratt dorgomaa hin qabiu.

6ffaa. Khvicha Kvaratskhelia (Paris St-Germain)

Bara darbe dorgommii Awurooppaa kanarrati Osmaan Dembelee galchii 8 lakkoofsisee 6 ammoo mijeessee kennuun PSG keessaa dorgomaa hin qabu ture.

Bara kana garuu taphataan lammii Joorjiyaa Khvichaan hanga walakkaa duwwatti galchii 8 lakkoofsisuun 5 mijeessee kenneera.

Dorgommii walakkaa xumuraa Kibxata PSGn 5-4 dhaan Muunik mo'aterratti taphataan kun galchii lama lakkoofsisuun kilabichaaf taphataa murteessaa ta'uusaa mirkaneessera.

Galchiiwwan dorgommii walakaa xumuraan Muunik irratti lakkoofsise yoo itti dabaamu, hanga ammaa galchii 10 lakkoofsisuu isaati. Kan bara darbe Dembeleen badhaasa Ballon d'Or ittiin injifate caalee jira.

Taphataan colleen kun garee kubbaa qabtee gara karra garee faallatti gaafa qajeelu, kubbaa harkaa fuudhuun heddu rakkisaadha. Bakka dhiphoo keessatti ofirra garagaluu, kubbaa milaammilchuun garee faallaa rakkisuun beekama.

PSGn dorgommii tapha xumuraa Waancaa Shaampiyoonsi Liigitti darbuuf taasisu keessatti gumaachi Khvichaa akkaan murteessadha.

Khvicha Kvaratskhelia

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

5. Miikeel Oliisee (Baayer Muunik)

Taphataan lammii Faransaayi Kiriistaal Paalaas irraa gara Baayer Muunik imale, Viinsant Kaampaanidhaaf oolmaa guddaa oolaa jira.

Kubbaa salphisee taphachuun sarara irraan gara garee fallaatti gaafa seenu, namuu dhaabuu hin danda'u. Dandeettiin kubbaa milaammilchuu, galchii lakkoofsisuufi kubbaa bareechee kennuu akkaan hawwataadha.

Tapha walakkaa xumuraa Baayer Muunik PSG waliin taasiserratti galchiin Miikeel Oliisee lakkoofsise baay'edhuma hawwataadha.

Luwiiz Diyaaz, Naabriifi Leenart Kaarl waliin ta'uun Haarii Keen waliin gaafa hiriiran qalbii daawwattootaa gogoleessu.

Garuummoo taphattoonni qaqqaaliin kun Muunikiif hiriiruun gumaata Oliiseen kilabichaaf gumaachaa jiru dhoksuu hin danda'u.

Kubbbaa milaammilchuufi carraa goolii uumuun dorgommii Shaampiyoons Liigii baranaarratti kan isa caalu Laamiin Yamaal qofaadha.

Bara kana dorgommii hunduratti Oliseen galchii 20 yoo lakkoofsisu 29 ammoo mijeessee kennuun kilabichaaf oolmaa guddaa oolera.

4ffaa. Deevid Raayaa (Arsenaal)

Deeviid Raayaan utubaawwan sarara ittisaa Arsenaal kan ta'an Wiiliyaam Saliibaafi Gabreel Magaaleez duubaan gooliwwan murteessoo ta'an qolachuun Arsenaaliin si'a heddu mo'amuurraa hambisuun beekama.

Taphoota Shaampiyoonsi Liigii 22 keessaa taphattoonni sadan: Deeviid Raayaa, Saliibaafi Gabreel Magaaleez si'a 13 waliin hiriiruun, taphoota 11 irratti galchiin osoo itti galin bahaniiru.

Tapha walakkaa xumuraa marroo jalqabaa Atileetikoo Maadiriid waliin taphatan irrattis ga'een Raataa salphaa hin turre.

Kubbaawwan kallattiisaanii eeggachuun gara manii Arsenaalitti dhiitamanii fi goolii ta'uu danda'an danuu baraare.

Garuummoo Raayyaan dandeettii karra eegurratti agarsiiseen Awurooppaa keessaa akka urjii bahee mul'achuu danda'eera.

Karra eegaan lammii Ispeen ganna 30 kun dorgommii Shaampiyoonsi Liigii bara kanaarratti yaalii galchii Arsenaal irratti yaalame keessaa %90 deebisuu danda'eera.

David Raya

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

3ffaa. Juuliyaan Alvaareez (Atileetikoo Maadriid)

Atileekoo Maadiriid Onkoloolessa darbe dirree Arsenaalitti 4-0 dhaan gaafa injifatamu ittisuu dadhabuu qofa osoo hin taane sarara fuulduraa irraa Juuliyaan Alvaareez dhabuun heddu isa miidhee ture.

Alvaareez bara kana dorgommii Shaampiyoonsi Liigii irratti galchii 10 Atileetokoodhaf lakkoofsiseera- taphataa kilabichaa kamiyyuu caala Shaampiyoonsi Liigii baranaa irratti lakkoosise jechuudha.

Saffisi ittiin fiigufi dandeettiin kubbaa gara galchiitti jijjiiruu isaa garee faallaaf yaaddessaadha.

Dorgommii kilabichi walakkaa xumuraan Arsenaal waliin dhaqaa galaan taasisuun gara xumura waancatti darbuuf godhu keessatti Atileetikoon abdii irra kaa'ateera.

Tapha walakkaa xumuraa kanarratti raawwii guddaa kan agarsiise Alvaareez goolii tokkicha kilabichi ittiin qixa ba'es isatu galche.

Garuu taphichi xumuruutti wayita dhihaatu miidhamee ba'e.

2ffaa. Vitiiniyaa (PSG)

Viitiniiyaan ardii Awuroopparraa tapahataa sarara gidduu gita hin qabne ta'uusaa agarsiisaa jira.

Wolvisiif taphataa kan ture Vitiiniyaan garee Luwiis Enirikee bara darbe waancaa Shaampiyoonsi Liigii akka injifatu gochuu keessatti gahee guddaa taphareera.

Baranas imala PSGn walakkaa xumuraa gahuuf taasiseefi gara xumuraaf darbuuf Muunik waliin taasisu keessatti urjii ta'ee mul'ataa jira.

Dandeettiin taphaa inni sarara gidduutti agarsiisu, dandeettii Xaaviin Barseloonatti agarsiisaa turetti fakkeeffama.

Harry Kane

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

1ffaa. Haarii Keen (Baayer Muunik)

Kaapteeniin garee biyyaalessaa Ingilaandifi jifataan Muunik bara kana taphoota 45 kilabichaaf taphateerratti galchii 53 lakkoofsiseera.

Yeroo ammaa Awurooppaa keessatti jifataa cimaa kan ta'e Haarii Keen dorgommiiwwan Shampiyoonsi Liigii mo'anii darbuu afur darban irratti lakkoofsiseera.

Muuniik waliin waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kaasuuf taphi Muunik dirreesaatti PSG keessummeessu isaaf akkaan qaalidha.

Akkasuma taphataa cimaa addunyaa jedhamee badhaasa Ballon d'Or argachuuf illee carraa guddaa warra qaban keessaa tokko Haarii Keeni.