Buufanni Asab akkamiin waggoota 30tti siqaniif onee hafe?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan hanga bara 1993 ulaa Galaana Diimaatti ishee baasu kan mataashee qabdi ture. Buufanni doonii Asab handaara Galaanaa Diimaarra jiru itti baha galaanaa Itoophiyaa ture.
Buufanni kun buufatawwan Asmaraa caalaa Finfinneetti akka dhiyaatus ragaan websaayitii World Martime Unversity' jedhamurratti maxxanfame ni mul'isa.
Gaafa bara 1993 Eeritiriyaan walaboomtu Itoophiyaan ulaa ofii galaanatti baatun ni dhabde. Garuu Eeritiriyaarraa kireeffachuun tajaajilamaa turte.
Waraana Itoophiyaafi Eertiriyaa jidduutti bara 1998 dhalate booda immoo Itoophiyaan guutuutti Buufata Asab fayyadamuu dhaabde.
Ragaalee akka agarsiisanitti hanga bara bara 1995tti Itoophiyaan oomishaalee ishee 98% karaa buufata kanaa galfatti ture.
Ulaa Galaanaa Diimaa hundarra Itoophiyaatti baay'ee dhiyaatu buufanni Asab tajaajila erga dhaabee ganna soddoma cufeera.
Kooriidarii Galaana Diimaa sochii daldalaa fi nageenyaa idil-addunyaa keessatti ijoo ta'e keessatti kan argamu Buufanni Asab maaliif waggoota hagasii tajaajila malee hafe?
BBC'n dhimma kanarratti gabaasa itti aanu qindeesseera.
Sababoota Afur buufatni galaanaa Asab gabaa dhabeef?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Darribee Makonnin Dammaqsaa (PhD) qorataa fi barreessaa dhimmoota siyaasa-diinagdeeti. Barnoota isaa digrii sadaffaa (PhD) biyya Siwiizarlaanditti damee Siyaas-diinagdee irratti qorannoo gaggeesse. Darribeen seenaa sirna bulchiinsaa kaabaa fi baha Afrikaa qorachuun kitaabota barreesseera.
Dhimmoota Buufata Asab waggoota kurnan darbaniif tajaajilaan ala godhanirratti BBC'n haasofsiiseera.
Hunda caalaa, buufata murteessaa kana kan baroota hagasiif maseense hariiroo mootummaa Itoophiyaa fi Eertiraa waraana Itiyoo-Eertiraa 1998 booda ture ta'uu dubbachuun yaada isaa nuu qoode Darribeen.
"Sababni guddaan waldhabdee Itoophiyaa fi Eertiraa jidduutti tureen waan wal qabatu dha. Sababni inni guddaan Itoophiyaafi Eertiraan yeroo waraanatti galan itti fayyadamni buufata doonii Asab addaan cituudha.
Sana dura erga Itoophiyaan bilisa baateeyis Asab fayyadamuun Itoophiyaa adda hin cinne ture. Garuu waraana san booda adda cite. Eertiraan immoo karaa buufa doonii Asab maamila buufata kanatti argachuu hin dandeenye" jedha.
Darribeen, sababoota ijoo afur buufatni Asab waggoota kurnan sadan darbaniif onee hafeef tarreessa:
1ffaa : Hariiroo biyyoota lamaanii booraye
Itoophiyaa faana wal dhabbiin uumamuun buufatni Asab ulaa daldala idil-addunyaa Itoophiyaa ture tajaajila malee hambiseera. Buufatichi gara biyya keessattis karaan ittiin walitti daldalan adda cituunis gumaacheera.
2ffaa : Haala nageenyaa naannichaa fi qoqqobbii Eertiraa mudate
Biyyootni lamaan dhukaasa dhaabanii waliigalteen nagaa mallatteessanii turan. Waliigalteen Aljeersi Waxabajjii 2000 mallattaaye hariiroo biyyoota lamaanii bakka waraanaan duraatti deebisuu hin dandeenye.
Erguma waliigalteen Aljeersi mallattaayee haalli Itoophiyaa fi Eertiraa jidduu ture nagaafi waraana jidduu (no war no peace) waan tureef Eertiraan buufata kana deebistee Itoophiyaatti hin kireessine, tajaajila biraafis oolchuu hin dandeenye.
"Haalli nageenyaa toora sanii amansiisaa waan hin turreef, kan malees Eertiraa irra qoqqobbiin kaayamee waan tureef biyyattiin invastaroota hawwattee misoomsuu hin dandeenye," jedha.
3ffaa : Buufatoonni Jibuutii fi Asab wal dorgomu
"Sababni inni sadaffaan buufanni doonii Jibuutii fi Asab gabaarratti wal dorgomu. Gabaan isaanii immoo Itoophiyaa dha. Hariiroon Itoophiyaan Eeritiriyaa faana qabaachaa turte gaarii waan hin turreef Itoophiyaan Jibuutii fayyadamuu waan cimsatteef durummaa immoo bu'uura misoomaan baay'ee walitti hidhamee waan tureef akka Itoophiyaan itti fufiinsaan gabaa buufata doonii Jibuutiirratti hundooftu taasisee tureera."
4ffaa: Haaromsa malee hafuu buufatichaa
Buufanni galaanaa Asab haaromsa kan barbaadu turuu kan yaadachiisu hayyuun kun, mootummaan Eertiraa immoo misoomsee haala gabaan feetuun qopheessuun hin dandeenye jedha.
Buufaticha faayidaa diinagdeef oolchuuf gama Itoophiyaatiin mootummaa Eertiraaf waamicha dhiyeessaa jiraatus hanga amma gama Eertiraatiin fedhiin hin mul'anne.
Buufanni Asab silaa hiree diinagdee guddaa biyyoota lamaanii ta'uu danda'u amma booda hoo waggoota meeqa itti aananiif onee tura? Yeroon kan deebisu ta'a.

Itoophiyaa malee buufanni Asab biyya kamiif bu'a -qabeessa ta'uu danda'a?
Waraana Itiyoo-Eertiraa booda yeroon buufanni kun tajaajila kenne tureera. Jidduutti bara 2015tti UAE haga ta'e fayyadamuu eegaltee turte.
UAE'n waraana Yaman keessa tureen wal qabatee hidhattoota Huutii haleeluuf akka buufata meeshaa waraanaa fi iddoo qubsuma waraanaatti itti tajaajilamteerti. Biyyi tunis daldalaaf mijeessitee dhimma itti baane. Kunis akka hin fullaane himeera Darribeen.
Itoophiyaa malee biyyoonni buufata kana fayyadamuuf hiree qabaachuu danda'an jiraachuu danda'u kan jedhu Darribeen, garuu immoo gabaan guddaan buufata kanaa Itoophiyaadha ta'uu ibsa.
Kana malees, ija daldalaatiin (commercial viability) yoo laalamu faayidaan isaan argatan xiqqaa , yookiin kisaaraa ta'uu akka danda'u dubbata.
Bakka argama isaarraa kan ka'e biyyoonni gabaa gara biyya keessatti buufata kana dhimma bahuu danda'an hin jiran.
"Itoophiyaan ala biyyi buufata kana fayyadamee faayidaa diinagdee irraa argachuu biyyi danda'u hin jiru. Garuu immoo akkuma UAE faayidaa adda addaatiif dhimma itti bahuu kan danda'an hedduun ni jiraatu."
Biyyoonni biroo bakka kana diinagdeef barbaadan hiree Itoophiyaa faana waliin daldaluu yoo uummatan irra caalaa bu'aa diinagdee isaaniif qabaachuu akka danda'u hima. Hireedhumti akkasiituu biyyoota kaaniitti kan cufameefillee sababuma Eertiraan addunyaarratti qoqqobamteef ta'uu ibseera.
Ejjennoo mootummaan Itoophiyaa Ulaa galaanaa ilaalchisee
Biyya ummata miliyoona 100 olii taatee ulaa galaanaa mataa ofii kan dhabde Itoophiyaan wayita ammaa 90% ol buufata doonii Jibuutii kireeffattetti dhimma baati.
Itoophiyaan kiraa buufata Jibuutiif waggaatti qofa dolaara bil. 1.5- dolaara bil.2 akka baaftu barruun Institiyuutiin dhimma alaa Itoophiyaa (IFA) Mudde 29, 2025 baase ni mul'isa. Maallaqni kun galii al-ergiirraa biyyattiin bara 2025 eegdi jedhamee tilmaame [dolaara bil.5.3] tokko sadaffaa akka ta'u eera barruun sun.
Baasii isaa qofa osoo hin taane Buufata Jibuutii qofarratti xiyyeeffachuunis amansiisaa akka hin taane aangawoonni biyyattii irra deddeebiin ni dubbatu.
MM Itoophiyaa Abiy Ahmad mootummaan isaanii dhimmi Galaana Diimaa dhimma ''seeraa, seenaa, teessuma lafaafi diinagdee'' jedhee akka amanu asiin dura dubbatanii turan.
Akkaataan Itoophiyaan hulaa galaanaa itti dhabde 'rakkoo seeraa' akka qabus eeraniiru.
Murteen Itoophiyaan hulaa Galaana Diimaa akka dhabdu taasise kaabinee waqtii sana tureen kan hinmurtoofne ta'uu himan.
Dabalataan murteen kun mana mareenis ta'e sagalee ummataan kan hin murtoofne akka ta'es kaasan.
"Karaan (Galaana Diimaa) itti dhabne rakkoo seerummaa akka qabu kan agarsiisu dhaabbileen (murticha) keessa hin hirmaanne" jedhan.
Dabalataan, ulaa galaanaa "akkamiin akka dhabne kan agarsiisu waraqaa fuula tokkoyyuu hinarganne" jedhan.
Dhimma Galaana Diimaa kanas bifa tasgabbaa'efi mariidhaan itti adeemuun barbaachisaadha kan jedhan ministirri muummichaa, "Itoophiyaan qabsoo waggoota 30 ol fudhateen Galaana Diimaa dhabde, Galaana Diimaa argachuuf garuu waggaa 30 ishee barbaachisa jedhee hin yaadu" jedhanii ture.



















