Haleellaa Iraan booda loltuun Ameerikaa tokko Iraaqitti du'e, kan biraa madaa'e

Waraanni US akka beeksisetti, haleellaa Iraan gaafa Sambataa kaaba Iraaqitti raawwatteen loltuun tokko ajjeefame. Kuni erga haleellaan biraa Jordaanitti raawwate loltoota US lama galaafate boodadha.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hidhattoonni Huutii Sa'udi Arabiyaatti karra galaanaa cufuu labsan

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Milishoota Huutii

    Hidhattoonni Huutii Yaman ibsa reefu baasaniin karra galaanaa Sa'ud Arabiyaatti cufuu labsan.Tarkaanfiin kunis ammumarraa hojiirra oola jedhan.

    Huutiin ibsa isaanii keessatti marsuun kun qaama imaammata "haaloo ba'uu" hojiirra oolaa jiruu akka ta'e beeksisan.

    Dubbii himaan milishoota Huutii Yaman, Yaahyaa Saarii, Sa'ud Arabiyaan walitti bu'iinsa akka hin hammeessine akeekachiisaniiru, Huutiin tarkaanfii kamiifuu qophii ta'uu isaanii hubachiisan.

    Walitti bu'iinsi gareen lamaan gidduu jiru kan jabaate, Sa'udi Arabiyaan xiyyaarri Iraan buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Sana'aa akka hin qubanne dhowwite erga jedhamee boodadha.

    Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Mahan Air kan Iraan buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Sana'aa akka hin qubanne Sa'ud Arabiyaan erga dhowwite jedhame booda muddamni daran hammaateera.

    Adoolessa 04, xiyyaarri Mahan Air Teehraan irraa gara Sana'aarraa kan ka'e ta'us, sa'aatii muraasa booda gara Iraanitti ofirra deebi'eera.

    Balalliin kun waggoottan 11 keessatti balallii kallattii Teehraan fi Sana'aa gidduutti taasifame kan jalqabaati. Balaliin kun kan taasifame, Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Yamanii fi Mahan Air gidduutti waliigalteen geejjiba qilleensaa mallatteeffamuu isaa erga ibsamee sa'aatii muraasa boodadha.

    Xiyyaarri lammaffaan torbee darbe Tehraanii ka'uun buufata xiyyaaraa Hodeidah qubate. Kunis buufatni xiyyaaraa Sana'aa xiyyaarri gara Tehraan osoo hin deebi'in boombiidhaan barbadoofnaani.

    Mootummaan Yaman kan Aden jiruu fi Sa'udi Arabiyaan deggaramu Daandiin Qilleensaa Mahan Air daangaa qilleensaa Sana'aa sarbaa jira jechuun himate.

    Iraaniin kan deegggaraman Huutiin immoo haleellaan qilleensaa Sana'aarratti raawwatame seera maleessa jedhan.

    Huutiiwwan lixa Yaman, magaalaa Sanaa, buufata Hodeedah fi irra caalaa handaara galaanaa Galaana Dimmaa to'annoo isaanii akka jiru himatu. Mootummaan Sa'udin deggaramu magaalaa Adanii fi kibba biyyattii to'ata.

    Waraana waggootaa booda Huutii fi mootummaan Yaman Sa'udin deggaramu dhukaasa dhaabuuf waliigalanii turan. Huutiiwwan garuu waliigaltichi haleellaa buufata xiyyaaraa Sanaa booda cabe jedhu.

  2. Iraan karoorri nagaa garee araarsitootaarraa dhiyaachuufii beeksifte

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dubbii himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baagaay

    US fi Iraan gara dhukaasa dhaabuutti akka deebi'an jaarsolii araaraa irraa irra deebiin karoorri nagaa dhiyaachuufii Teehraan beeksifte

    Waxabajjii keessa waliigaltee dhukaasa dhaabuu yeroo kan tolchan biyyoonni lamaan torbaan lamaa darban wal haleelaa turan. Pirezdantiin US Donaald Traamp waliigaltichi dhumateera jedhan.

    Waliigalticha irra deebiin bakkatti deebisuuf kan yaadan biyyoonni jaarsummaa keessatti qooda qaban karoora nagaa dhukaasa dhaabuu guyyoota 10 dhiyeessuu isaanii Rooytarsi gabaase.

    Dubbii himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baagaay har'a ibsa kennaniin dhimma kana gaafatamaniiru. Jaarsoliin araaraa karoora nagaa Iraaniif dhiyeessuu mirkaneessan.

    "Karoorri jaarsolii araaraan dhiyaaterratti ibsi kennameera. Karoorri kunis nu gaheera. Garuu bal'inasaatti osoo seenuu baannee" jechuun ibsuurraa of qusataniiru.

    Guyyoota darban sochiin dippilomasii jiraachuu kan eeran aangawaan kun, "jaarsoliin araaraa tokko tokkoon karoorri dhiyaatan Rippaablika Islaamaa qaqqabuun mirkanaawadha" jedhan.

    Pirezdant Tiraamp mariif kan kan gaafatan yoo ta'e deebiin Iraan maal ta'a kan jedhameef deebii kan kenna dubbii himaan kun, "dippilomasii yookin waraana" qajeeltoon jedhu Iraaniif faayidaa hin qabu" jedhan.

    "Of ittisuun dippilomasiin wal hin simatan jedhanii yaaduun sababaawaa miti. Ministirri dhimma Alaa Abbaas Araagchii hojjetanii fi ministirri dhimma alaa Sayid Majiid kan hojjetan galma tokko milkeessufi" jedhan.

    Torban darbe Baha Jiddugaleessaa kan daawwatan Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Rubiyoo Waashingtanitti deebi'anii yaada miidiyaaf kennaniin "ammallee Iraan faana furmaata dippilomasiif balballi banaa dha" jedhanii turan.

    "Yoomillee dippilomasiif qophii akka taane natti dhagahama. Furmaanni garuu kan haqaa ta'uu qaba. kan bitamuufii qabnu ta'uu qaba" jedhan. Iraan waliigaltee Waxabajjii mallattaayeef hin bitamne kan jedhan Ruubiyoon Hormuz banamuu akka qabuu fi dooniiwwan haleellaaf saaxilamuu akka hin qabne himan.

    Dubbii himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baagaay "US dippilomasii yoo jettu dirqisiisuu, doorsisuu, sodaachisuu fi qoqqobbii jechuu isheeti" jedhan.

  3. Andii Barnhaam waggaa 10 keessattii Ministira Muummee Biriiteen 7ffaa ta'uun muudaman

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Andii Barnhaam waggaa 10 keessattii Ministira Muummee Biriiteen 7ffaa ta'ee muudaman

    Andii Barnhaam waggaa 10 keessattii Ministira Muummee Biriiteen 7ffaa ta'ee muudame. Andii Barnhaam waggoota lamaaf UK bulchaa turanii fi dhiheenya aangoo gadhiisan Kiir Istaarmaritti booda sagalee paarlaamaa olaanaaa argachuun gara aangootti dhufan.

    Barnhaam hogganaa paartii biyya bulchuu Leebar Paartii ta'anii Jimaata darbe filataman.

    Istaarmar Mootii Chaarlas bira dhaqanii ifatti dalagaa gadhiisuu isaanii dhaammachuu dura ergaa dhumaas dabarsanii jiru.

    Barnhaam waamicha mootichaa simachuun ministira muummee ta'an. Ministirri muummee aangoo gadhiisuu fi inni haaraan aangoo fudhatu wal harkaa fuudhinsa kan raawwatan Mootii UK biratti masaraa Baakinghaam keessati. Kana booda Barnhaam aangoo fudhatee mootummaa hundeessa.

    Barnhaam bara bulchiinsa isaa dhimmoota fardii uummanni gaafatu kanneen akka qaalayiinsa jireenyaa, fi tajaajila mootummaa fooyyessuurratti xiyyeeffatu jedhamee eegama.

    Barnihaam haasawa godhaniin, "duudhaa sirrii fi sadarkaa qulqullinaasaa eeggate caasaa mootummaa keessatti dhugoomsuu" irratti akka xiyyeeffatu dubbatan.

    "Dhimmi uummataa giddugaleessa hojii koo hundaa ta'a," akkasumas "tokkummaa biyyaalessaa haarawa ijaaruf" "gahumsa koo guutuu nan kenna" jedhan.

    Uummatni fi deeggertoonni isaa na cinaa dhaabbadhaa jechuunis gaafatan, kunis yeroo "Biriiteen deebitee nutti amanuu kan eegaltu - yeroo nuyi abdii deebifnadha" jedhan. Wayita isaan haasawa godhanis simannaa olaanaan godhameef.

  4. Wal haleellaan Iraanii fi US hammaachun sochii doonii Galoogalaanaa fi dhiyeessii bishaaniirratti yaaddoo uume

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Wal haleellaan Iraanii fi US hammaachun sochii doonii Galoogalaanaa fi dhiyeessii bishaaniirratti yaaddoo uume

    US halkan saglaffaaf magaalota Iraan haleelaa buluu hordofee, Eegdonni Warraaqsaa Iraan Wixata qabeenyawwan waraana US Baha Jiddugaleessaa haleeluu beeksisan. Wal haleellaan kun haleellawwan marsaawwan biroo waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbe dha.

    Lola miilanaa kana hordofee sochiin dooniiwwan daldalaa Ulaa Hormuuz keessaa danqamuu isaatiin gatiin boba'aa barmeela tokkoo dolaara 90 caaleera.

    Pirezdantiin US Donaald Tiraamp haleellaa miilanaa ajjeechaa loltoota US irratti haaloo bahuuf tarkaanfiii fudhatame jechuun dhiheessan. Biyya keessaa immoo gatiin beenzilaa dabaluun dhiibbaan siyaasaa itti hammaateera.

    Walitti bu'iinsi kun buufataalee calallii bishaan dhugaatii kan biyyoota Galoogalaanaa irrattis raawwatamaa jira. Kun Baha Jiddugaleessaattii hanqina bishaan dhugaatii dhaluu danda'a jedhamaa jira.

    Miidhaan bu'uuraalee misoomaa akkasiirratti ka'u immoo adda waraana biraa akka hin dhalle yaaddoo uume.

    Waashingtanii fi Tehraan wal haleelaa jiraatanis adda addatti dhukaasa dhaabuutti deebi'uuf immoo fedhii agarsiisa.

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp 'kabaja' loltoota US ajjefamaniif - tokko Iraaq, lama Joordaan keessatti, US Iraan irratti haleellaa ''akkaan jabaa'' raawwatte jedhe.

  5. Waancaa Addunyaa bara kanaa maaltu adda godha?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Ispeen Arjantiinaa injifachuun Waancaa Addunyaa dhiirotaa yeroo lammataaf ol kaasteetti.

    Waancaa Addunyaa baranaa irratti wantoonni adda ta'an danuudha. Maali isaan?

  6. 'Kabaja' loltoota US ajjeefamaniif Iraan 'akkaan' haleele jedhe Tiraamp

    Xiyyaara waraanaa

    Madda suuraa, US Central Command

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp 'kabaja' loltoota US ajjefamaniif - tokko Iraaq, lama Joordaan keessatti, US Iraan irratti haleellaa ''akkaan jabaa'' raawwatte jedhe.

    Wiixata barii Ajajni Waraanaa Gidduugalaa Ameerikaa (Centcom) halkan sagalaffaaf Iraan haleeluu beeksise. Iraanitti dhohinsi dhagahamaa ture.

    Ameerikaan buufataalee waraanaafi saaphana koominikeeshinii irratti qiyyaafachuun humna Teehraan doonii Ulaa Hormuuzirra darbu haleeluuf fayyadamtu ''unkuteessaa jira'' jette.

    Iraan gamasheen Sooriyaatti haleellaa ''hin eegamne'', Joordaan keessatti ammoo xayyaara Ameerikaa buufata xiyyaaraa Aqaabaatti haleeluu himte.

    Kuweet dirooniiwwan Iraan ofirraa qolachaa akka turte himte.

    Miidiyaan mootummaatti hidhata qabu Taasniim iddoowwan qiyyaafannoo Taabriiz, Chaabaahar,Koonaark jedhamn fa'a haleelamuu hime.

    Miidiyaan mootummaa Iraan biraan ammoo taankaroonni boba'aa lama yeroo Ulaa Hormuuz ce'uuf jedhan dhohuu hime.

    Mootummaa Warraaqsaa Iraan taankaeroonni kunneen ''sarara galaanaa balaa qaburra deemaa turan.'' Achii dhohuun booda dhaabbataniiru,'' Ajaji Waraanaa Gidduugala Ameerikaa garuu dubbiin kuni sirrii miti jedha.

  7. Taphataan lammii Kanaadaa Ali Ahimad Itoophiyaa jira

    Ali Ahimadiifi keessummoota isa simatan

    Madda suuraa, EFF

    Ibsa waa'ee suuraa, Taphataa Ali Ahimad maatii namoota Itoophiyaarraa deemanirraa dhalate

    Maatii namoota Itoophiyaarraa kan dhalate taphataan Garee Biyyaalessaa Kanaadaaf taphatu Ali Ahimad Itoophiyaa akka seene Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksise.

    Buufata xiyyaaraa Boolee yoo gahu Hojii Gaggeessaa Olaanaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Baahiruu Xilaahun, aangawoota Ministeera Aadaafi Ispoortiifi Ministira Dhimma Alaa simataniiru.

    Akka federeeshiniin ibsetti, Ministirri Dhimma Alaa, Ministeera Aadaafi Ispoortii, Ministeera Turizimii, fi Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa turtiin Itoophiyaatti taasisu ''kan milkaa'u'' akka ta'u waliin hojjetaa jiru.

    Ali Ahimad Waancaa Addunyaa baranaarratti Garee Biyyaalessaa Kanaadaaf hiriiree taphateera.

    Dhalataan Oromoo lammii Kaanaadaa Alii Ahimad kilaba Ingiliz Shaampiiyoonshiippii keessa taphatu Noorwiich Siitiif taphata.

    Itoophiyaa dhaqee akka daawwatu waamicha kan taasise Embasii Itoophiyaa Kanaadaa jiru akka ta'e embaasichi beeksiseera.

  8. Dafqaan bulaa Chaayinaa badhaasa ogbarruu beekamaa mo’ate

    Waang Jibiing

    Madda suuraa, Xinhua

    Bissiin walaloo Waang Jibiing warqaa ciccittuu irratti nyaata manaa manatti otoo marmaarsuu barreesse kabaja ogbarruu Chaayinaa olaanaa mo’ateera.

    Walaloon mata duree Balalii Goodaa jedhu kan danqaa hojjettoonni nyaata marmaarsan mul’isu badhaasa barreessaa Chaayinaa ammayyaa beekamaa tahe Luu Shuuniin moggaafame mo’ateera.

    Waang nama ganna 56 yoo tahu bara 2019 walaloofi keewwata barreessuun miidiyaa hawaasummaa irratti qooduun qalbii namootaa hawwate.

    Namni kuni qaama dafqaan bultootaa ogbarruun isaanii leellifamaa jiruuti, kunis dhiibbaa diinagdeen al idilee qabu agarsiiseera.

    Waang dafqaan bulaa tahee badhaasa kabajamaa kana mo’achuun waan waggaa dheeraa booda argatedha.

    ''Hafuura koo qabadheen rom'e. Mo’achuun koo gaafa ifa baafamu, achi waan hundi tasgabbaa’e.’’

    Erga gaafa Adoolessa 15 badhaasa mo’atee booda miidiyaa isaaf gaggabuun dhiibbaa irratti uumuu fa’a dubbate.

    Namni ogbarruu badhaasa Luu Shuun mo’ate doolaara 14,800 ykn Yuwaanii 100,000 mo’ata.

    Waang bulchiinsa Jiyaansuu keessatti dhalatee sababa rakkoo diinagdeen ture manaa kan bahe.

    Kosii haruu, karaa irratti miya gurguruu, hojii ijaarsaafi kaan hojjechuun boodadha kan hojii nyaata manaa manatti marmaarsuu kan jalqabe.

    Jaalala kitaaba dubbisuu irra darbee waggoota kudhan darbaniif walaloo ofii miidiyaa maxxansaa irratti maxxansa ture.

    Bara 2022 kitaabni walaloosaa ‘’Namicha jarjaara’’ jedhu onlaayinii irratti vaayiralii bahe. Bara 2023 maqaadhuma kanaan bissii walaloo maxxansee dubbisaaf dhiyeesse.

  9. Haleellaa Iraan Iraaqitti raawwatteen loltuun Ameerikaa tokko ajjeefame, kaan madaa'e

    Haleellaa Iraan Kuweet irratti raawwateen aarri samii magaalaa Mangafitti mul'ateera

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Iraan Kuweet irratti raawwateen aarri samii magaalaa Mangafitti mul'ateera

    Waraanni US akka beeksisetti, haleellaa Iraan gaafa Sambataa kaaba Iraaqitti raawwatteen loltuun tokko ajjeefame.

    Kuni erga haleellaan biraa Jordaanitti raawwate loltoota US lama galaafatee, tokkommoo achi buuteen dhabame boodadha.

    Ajaji gidduugalaa waraana Ameerikaa loltuun kuni kan du'e diroonii Iraan rukutamerraa meeshaa waraanaa hin dhoofne dhoosuuf yeroo yaalamutti akka ta'e hime.

    Loltuu tokko lubbuun darbuun ala loltuun biraa immoo madaa'eera.

    Waa'ee haleellaa Jordaanitti dhaqqabe odeeffannoo dabalataa kan kenne Ajaji Gidduugalaa US, bakka haleellaan raawwate erga barbaacha taasise booda ''reeffi hin beekamne'' argamuu hime.

    Qaami argame kuni kan eenyu akka ta'e adda baasuuf akka qoratamaa jiru ibseera.

    Haleellaan Iraan kuni yeroo US fi Iraan guyyoota saddeetiif haleellaa walirra yeroo raawwataa jiranitti mudate.

  10. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Wiixataa eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Odeessaalee keenya karaa marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok argachuu dandeessu.

    Nagaan oolaa!