Poolisiin Federaalaa namoota yakka daddabarsa namaan godaantota 60 du'aaf saaxilan jedhe 17 to'achuu beeksise

Madda suuraa, Federal Police
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa namoota 17 ''namoota daddabarsuun balaafamoo'' ta'an to'annoo jala oolchuu beeksise.
Kunneen, du'a godaantota ''60 oliif'' sababa ta'aniifi gudeeddii ''dubartoota baay'eef'' itti gaafatamoodha jedheera.
Shakkamtoonni kuni Yaman keessatti godaantota Itoophiyaa irratti ''gochawwan sarbama namoomaa olaanaa'' raawwataa turuufi ''miidhamtootarraa birrii biiliyoona 1 ol'' walitti qabuu ibseera.
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa ibsa Kibxata Adoolessa 14, 2018 baasen akka beeksisetti gartuun namoota daddabarsu kuni nama ''Mahaammad Xaahir Adan'' ykn ''Wardaa'' jedhamuun hoogganama.
Poolisiin suuraa shakkamaa kana dabalatee suuraa namoota to'annoo jala oolan 17 ifa godheera.
Namoonni kuni to'annoo jala kan oolan ''Ministeera Haqaa, Tajaajila Odeeffannoofi Tika Biyyaalessaa akkasumas qaamolee kaan waliin'' qorannoofi hordoffii taasifameeni jedhe.
Ibsi Poolisii Federaalaa namoonni kuni eessaafi yoom akka to'annoo jala oolan hin ibsine.
Hogganaan Qajeelcha Miidiyaafi Kuminikeeshinii Poolisii Federaalaa Jeyilaan Abdii shakkamtoonni kan to'ataman ''oppireeshinii guyyoota 15'n darban'' taasifameeni jechuun BBC'tti himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni kuni magaalaa Finfinneefi Naannoo Harariitti dabalatee bakkeewwan biyyattii garagaraatii akka to'ataman dubbataniiru.
Shakkamtoonni to'annoo jala erga oolan booda galmeen qorannoo ''namaafi ragaa sanadaan'' deeggarame qixaa'e Ministeera Haqaaf darbuu beeksiseera.
Kan Poolisiin Federaalaa Mahaammad Xaahiriin ''daddabarsa namootaa balaafamaa'' jechuun ibse kuni ''garee yakkamaa ijaarame'' hooggana jedheera.
Gareen kuni namoota karaa seeraan alaa gara Sa'udi Arabiyaa ergaa akka ture ibsichi eereera.
Godaantotas kan isaan daddabarsaa turan gama Bahaa Itoophiyaa ka'anii karaa Jibuutiifi Yaman qaxxaamursuun akka ta'e ibse.
Bakkeewwan Itoophiyaa adda addaatii ''karaa dallaalotaa'' godaantota walitti qabaa akka turan dubbate.
Shakkamtoonni kuni ''miidhamtoonni karaa Yaman gara Sa'udi Arabiyaa seenanii jireenya gaarii akka jiraatan abdii sobaa kennuufi amansiisuun [ergaa] turaniiru'' jedhameera.
Akka poolisiin federaalaa ibsetti garuu, lammiileen Itoophiyaa erga daangaa ce'anii booda ''gochoota sarbama namoomaa olaanaaf'' saaxilamaniiru.
Godaantonni kuni Yaman keessatti ''magaazinoota keessa ugguramanii gochawwan sarbama mirgaa olaanaa irratti raawwataa ture,'' jedhaniiru.
Maatii namoota magaazina kana keessa tursiifaman irraa ''maallaqni guddaa'' akka gaafatame ibsichi eera.
Miidhamtoonni ''reebamaa akkasumas dararamaa viidiyoo waraabaa'' maatii godaantota maallaqicha erguu hin dandeenyetti ergaa turan jedheera Poolisiin Federaalaa.
Gocha kanaan ''birrii biiliyoona 1 ol karaa seeraan alaa fudhachuu'' akkasumas ''namoota 40,000 ol karaa seeraan alaa daddabarsuu'' beeksiseera.
''Namoota 60 ol du'aaf saaxilamuu akkasumas dubartoonni baay'ee gudeedamuu isaanii qorannoon irra gahameera'' jechuunis du'a godaantotaaf itti gaafatamaa ta'u isaanii ibseera.
Gocha kana ilaalchisuunis poolisiin ''Sa'udi Arabiyaafi Itoophiyaa irraa namoota baay'ee'' ragaa karaa viidiyoo walitti qabu ibseera.



















