Komishiniin Marii Biyyaalessaa marii eegaluuf ''danqaan'' na hin mudanne jedhe

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia
Komishinii Biyyaalessaa Itoophiyaa guyyoota muraasa darban ''marii eegaluuf danqaan'' isa mudateera himannaa jedhu waakkate.
Komishinichi adeemsa waggaa afur booda torban kana gaafa Roobii sirna baniinsa yaa'ii isaa isa xumuraa taasiseera.
Guyyoota sadan darban hirmaattota yaa'ii kanaa kuma afur ta'anif akkaataa adeemsichaa irratti ibsi kennamuufi Wiixataa eegalee ''dhibbaa dhibbatti'' gara hojii akka seenu Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Pirof. Masfin Ar'aayaa ibsa miidiyaaleef kennaniin dubbatan.
Ministirri Muummee Abiy Ahimadiifi aangawoonni olaanaafi biyya alaa irraas keessummoonni bakka argamanitti yaa'iin eegale, ji'a tokko ol tura jedhameera.
Yaa'ii kanarratti hirmaattonni 4000 ta'an ajandaalee ijoo saddeet irratti mari'atu.
ALI Adoolessa 8, 2018 sirni baniinsaa erga taasifamee booda mariin eegaluu erga gabaafame booda yaadonni garagaraa kennamaa turan.
Ajandaawwan filaman irratti akkaataan mariin taasifamuurratti dhibdeen dhalate himannaan jedhaniifi odeeffannoon kaan hin mirkanoofne miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodamaa turan.
Mariin taasifamuu kan eegalu hirmaattonni gareewwan saddeetitti qoodaman ajandaa carraan isaan bira gahu erga argatan boodadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti aansuunis bakka buutonni gareewwan tokko tokko ajandaa gareen kennameef irratti waan irra gahan mari'atu.
Xumurarrattis yaa'iin hirmaattonni 4,000 irratti hirmaatan ni gaggeeffama.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa ALI Adoolessa 12, 2018 ibsa baasen adeemsa kanarratti komiin ka'e mariin akka hin eegalle godheera oduu jedhu waakkateera.
''Namoonni tokko tokkoofi gareewwan miidiyaa hawaasummaa irratti komishinichi marii eegaluuf danqaan akka isa mudate odeeffannoo sobaa yeroo tamsaasan agarreerra,'' jedheera.
Komishinichi ''namoonni tokkoofi gareewwan miidiyaa hawaasummaan'' maricha ilaalchisee ''odeeffannoo dhugaarraa fagaate tamsaasaa akka jiran akka irra gahe'' beeksiseera.
Gochi ''Odeeffannoo sobaa .. namootaafi gareewwan kaayyoo ofii qabaniin'' tamsa'u ''cimee itti fufuu'' akka danda'ullee akeekkachiiseera.
Komishinichi erga sirna baniinsaa eegalee hirmaattonni ''qophiiwwan sammuufi xiinsammuu adeemsicha fayyadan akka taasisan'' gochuu isaa kan ibse komishinichi, adeemsi kuni ''qaama yaa'ii marii biyyaalessaa keessaa tokko'' ta'uu hubachiise.
Pirofeesar Masfin guyyaa Sambataa gaazexeessitootaf ibsa kennaniin guyyoota darban hirmaattonni ajandaa akka qooddatan taasifamuu ibsaniiru.
Hirmaattonni "gareewwan saddeetitti qoqqoodamanii, tokkoon tokkoon ajandaa kennameefirratti, ajandaawwan xixiqqoo achi jala jiran waliin ibsi irratti akka kennamuuf godhameera" jedhan.
Komishinarri olaanaan adeemsa kana keessatti rakkoowwan "xiqqoodha" jedhaniin tokko tokko mudachuus eeranii jiru.
Fakkeenyaaf [waraqaa seensaa hirmaattotaa] baajii yoo qoodnu namoonni baay'een fedhii agarsiisanii jiru kan jedhan prof. Masfin, asiin dura adeemsicha keessa kan hin turre "paartileen siyaasaa dhufaniiru, baay'ee gammanneerra" jedhan.
Komishinarichi akka ibsanitti, boru Wixata Adoolessa 13, 2018 A.L.I irraa eegalee qoqqoodamuun "hojii keenya guutuummaan 100% ganamaa hanga galgalaatti hojjechuu eegalla" jedhan.
"Wixataa kaasee hunduu imaanaa biyyoolessaa itti kenname waltajjiin karaa sirriidhaan itti bahanitti harka 100 itti seenu" jedhan.



















