Uummanni addunyaa garri caalu amma Ameerikaa caalaa maaliif Chaayinaa filatu?

Suuraa Shii and Tiraamp uffata suufiidhaan seeqaa yoo walitti garagalanii dhaabbatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Uummanni addunyaa garri caalu amma Ameerikaa caalaa Chaayinaa filata
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Biyyoota addunyaa hedduu biratti US caalaa Chaayinaan ija gaariin akka ilaalamtu qorannoo haaraan wiirtuu qorannoo Pew ifoomse.

Wiirtuun kuni bu'aa qorannoo akkanaa yoo argatu kuni kan jalqabaati.

Bu'aan qorannoo garee aantumaa Qaama kamiirraayyuu bilisa ta'een gaggeefame Kuni biyyoota hedduu biratti fudhatamni Chaayinaa dabaluu fi kan Ameerikaa ammoo gadi bu'aa deemuu akeeke.

Gaggeesitoota biyyoota lamaanii irraayyuu amantaa akka hin qabne kanneen qorannoo kanarratti hirmaatan himanis bu'aan Shii Jinpiing argatan kan Tiraampirra wayyoodha.

Ameerikaan bilisummaa dhuunfaa namootaa kabajuun Chaayinaa caaltus Chaayinaan garuu akka US Dhimma biyyoota biroo keessa hedduminaan hin seentu.

Wiirtuun qorannoo Pew qorannoo kanaaf biyyoota addunyaa 36 irraa Gurraandhalaa hanga caamsaa gidduutti namoota kuma 42 hirmaachise.

Bu'aan qorannoo kanaa akka akeeketti biyyoota 36 keessaa biyyoota 25 keessatti namootni US caalaa Chaayinaaf ilaalcha gaarii qabu.

Wiirtuun kuni fudhatama idil addunyaa biyyootaa kan qoratu yoo ta'u, erga bara 2002 biyyoota hedduu irraa bu'aa akkanaa yoo argatu kan jalqabaati jedhan qorattoota keessaa tokko kan ta'an Jonaatan Sulman.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wiirtuun kuni bara 2008 Yeroo barri baallii Joorji Buush gara dhumaarra gahee fi jalqaba bara Tiraamp ilaalcha USf namootni qaban irratti qorannaa taasisee ture.

Ispeen, Indooneezhiyaa, Giriik, Xaaliyaanii fi Kaanaadaan biyyoota Chaayinaa irratti ilaalcha gaarii horatan keesaati.

Qorannoo baranaa irratti warreen hirmataan keessaa biyyoota ja'a qofatu Ameerikaaf fedha Olaanaa mul'ise. Irra hedduun isaanii Michuu Ameerikaati.

poolaand, Filiippiinsi, Kooriyaa Kibbaa,Indiyaa, Jaappaanii fi Israa'eel.

Gama kaaniin biyyoota 20 ilaalcha giddugaleessaa qaban keesaatti ilaalchi Ameerikaaf qaban akkaan hir'achaa kan deeme Yoo ta'u,kan Chaayinaa ammoo dabaleera.

Qorattoonni kunneen akka jedhanitti, ilaalchi gaariin Chaayinaaf jiru biyyoota hedduu keessatti akka malee dabale.

Biyyoota akka Xaaliyaanii, Ispeen, Kolombiyaa, Meeksikoo, Indooneezhiyaa, Maaleezhiyaa, Naayijeeriyaa, Fi Turkii keessatti.

Biyyoota qorannoo kana keessatti hammataman keessaa biyyootni galii giddugaleessaa qaban Chaayinaaf ilaalcha gaarii mul'isan.

Biyyootni badhaadhoon ammoo ilaalcha gaarii hin taane kennaniif.

Safartuu kanaan ilaalcha faallaa ta'e kan argame Siingaappoor irraayi. Singaappoor biyya GDP guddaa qabdu taatee Chaayinaaf ilaalcha gaarii kennite.

Chaayinaadhaaf ilaalchi Baayyee gaarii fi ilaalchi Baayyee gadhee ta'e kan kenname biyyoota Eeshiyaa Paasifik irraayi.

Lammiileen paakistaan harka 90 ta'an Chaayinaaf ilaalcha gaarii kan mul'isan Yoo ta'u, Jaappaanirraa ammoo harka 11 qofa.

Shii fi Tiraamp

Kanneen qorannoo kana keessatti hirmaatan dhimmoota addunyaa irratti amantaa Tiraampii fi Shii Jinping irratti qaban irratti yaada akka kennanis gaafatamaniiru.

Itti Amantaan gaggeesitoota lamaaniifuu kenname gadi aanaadha. Inuma irra hedduun harka 50 gadi kennaniif.

Birqabaan hoggantoonni lamaan Yoo laalaman ammoo biyyootni caalan Tiraamp caalaa Shii dhaaf ilaalcha gaarii kennan.

Pirezedaant Shii dhaaf ilaalchi Baayyee gaarii fi Baayyee gadhee ta'e kan kenname Paakistaan keessaati. Harka 83 fi harka 7.

Tiraampiif ammoo ilaalchi gaariin harka 68 Filiippiinsi irraa, Ilaalchi gadheen ammoo harka 4 Weest Baank Jerusaalem irraati.

Sulmaan akka jedhanitti namootni qorannoo kanarratti hirmaatan hedduun Waa'ee Shii hagas Mara Waan dubbatan hin qaban.

Faallaa kanaa Tiraampiif ammoo deebii keennuu barbaadu. Yaada ciccimaa ta'e.

Qorannoon kuni akka akeeketti US mirga bilisummaa namoota dhuunfaa kabajuu irratti Chaayinaa irra fooyyee akka qabdu himuun garaagarummaan jiru garuu dhiphachaa dhufeera.

Wiirtuun qorannoo Pew Dhimma imaammata alaa biyyoota lamaanii irratti ilaalcha biyyootni galii Giddugaleessaa qaban irrattis gaafateera.

Harka 75 kan ta'an Ameerikaan Dhimma biyyoota biroo keessa haala Olaanaa ta'ee fi madaalawaa ta'een seenti yoo jedhan, harki 45 ammoo Chaayinaaf ilaalcha walfakkaataa kennan.

Ejjennoon US dhaabbii hin qabne biyyoota hedduu dhiphisaa jira.

Chong Ja Lan, qorataan Chaayinaa bu'aan qorannoo Wiirtuu Pew kuni Waan nama raaju miti jedhu.

"dhaabbii dhabuun imaammata US, keessumaa humna fayyadamuun dinagdee miidhuun biyyoota hedduu dhiphiseera" jedhan.

Qorannoon Pew kuni erga Tiraamp Giriinlaand dhuunfachuuf dhaadatanii, gaggeessaa Veenzuweelaa Nikolaas Maafiuroo humnaan qabanii hidhanii booda.

Yeroo qorannoon kuni taasifamutti US Iraan irratti waarana banteerti.

Dr Chong akka jedhanitti, Chaayinaan fudhatamnishee dabalaa dhufuun waanuma tilmaamamu.

Chaayinaan biyyoota guddachaa jiran keessatti ilaalchashee guddifachuufis hojjechaa jirti.

Biyyootni hedduun US caalaa Chaayinaaf ilaalcha gaarii qaban jechuun garuu pirezdaant Shiin mootummaa aangoo gonfoo ta'uu isaanii Waan dhoksu miti.