Askum 'Magaalaa Qulqullittii' jedhee moggaasuun seerota kana ibsan baasuu Sinoodoosiin Tigraay ibse

Dooqonoota Aksumitti

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Sinoodoosiin bataskaana ortodoksii Tigraay yaa'ii taa'een moggaasi magaalaa buleettii Aksum "Magaalaa Eebbifamtuu Tsiyoon Aksum" akka ta'u murtee dabarsuu beeksise.

Murtoo kana hordofee magaalaa tanatti hojiiwwan akka "dhugaatii fi Jimaa" gurguruu akka dhaabbatan uggurri akka bahu akka feetu akkasumas "seeronni Magaalaa Eebbifamtuu mul'isan" tumaafii akka jirtu bataskaanni tun himte.

Murtoon tun guyyaa darbe Ebla 28, 2018 A.L.I kaasee magaalaan Aksum eebbifamtuu jedhamtee akka waamamtu barreessaan olaanaan Sinoodoosii Bataskaana Ortodoksii Tigraay Abuna Aragaagiin BBC'tti himan.

Aksum tana dura ulfinni qabdu akkuma jirutti ta'ee waliigalaan Magaalaa Eebbifamtuu akka jedhamtu qorannoon dhiyaatee murtoon darbuu himan.

Magaalaan tun karaa baramaadhaan tanaan durayyuu ''Magaalaa Eebbifamtuu'' jedhamuun waamamaa akka turtee fi murtoon kunis kanuma seera qabeessa akka tolchu himan.

Aksum waggoota dheeraaf " qe'ee seeraa, seera uumaa, fi seera wangeelaa eegdee jiraatte Odola kiristaanaa" turte waan ta'eef "eebbifamtuu dha" jedhan Abuna Aragaawiin.

"Teessoo taabota hedduu, teessoo qulqulloota hedduu" waan taateef ulfinni qabdu akkuma jirutti ta'eem, amma booda eebbifamtuu ishee waan jechisiisu qorannoon bal'aan dhiyaateera " jedhan.

"Magaalaan tun jabana kanatti eebbi qabdu dhaloota dhufuuf akka dabruufis" ta'uu sinoodoosiin kun murteesse.

Waraana Tigraayitti dhalate hordofee Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaarraa fottoquun kan hundaaye Sinoodoosiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Tigraay, Aksum magaalaa eebbifamtuu jedhamuu hordofee uggurri akka daldala dhugaatii fi jimaarra akka kaawamu qaamolee dhimmi ilaalu waliin mari'achaa jiraachuu himan.

"Hoteelotaaf sirna tolchuuf seera baasaa jirra, magaalaan eebbifamtuudha jedhamnaan hojiin eebbifamaan hojjetanmuu qaba. Mallattoolee eebbifamtuu ta'uu ishee dandeessisan akka mul'iftuuf seerota baasaa jirra" jedhan.

Magaalaan tun "kan durii seena-qabeettii, maalummaa ishee, ulfina ishee addunyaan akka beeku" gochuun kaayyoo tokkos ta'uu ibsan.

Amma magaalattii eebbifamtuu waan jechisiisan akka hojjatamuuf bataskaanni ummata ni barsiifti jedhan.

Bataskaana Aksum Tsiyoon

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bataskaanni Ortodoksii Tawaahidoo Tigraay waytiin Aksum "magaalaa eebbifamtuu" jettee moggaafte kun waytii hordoftoota amantaa Islaamaa waliin walqabatee atakaaroon ka'ee jirutti.

Masjiidonni magaalattii keessa jiranitti jalqaba baatii Bitootessaatii kaasee sirni sagadaa gufachuu ibsame.

Gumiin Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Ebla 7, 2028 ibsa baaseen, musliimota magaalaa Aksum irratti "reebichi raawwatamuu" fi "tarkaanfii humnoota nageenyaan fudhatameen qabeenya masjiidotaarra miidhaan gahuu" beeksisee ture.

As dura magaalattiiti ijaarsa masjiidotaa fi uffannaa barattoota musliimaan wal qabatee atakaaroon mumul'achaa ture.

Kana hordofee magaalaan Aksum Eebbifamtuu jedhamtee moggaafamuun musliimota biraa komii fi gaaffiin jiraachuu Abuna Aragaawiin gaafatamaniiru.

Barreessaan sinoodoosii Tigraay kun "Hawaasni magaalaa Aksum obboloota nagaa fi jaalalaan waliin jiraatu dha-yaada addaa ni qabaatu jedhee hin yaadu" jechuun deebisan.

Aksum "eebbifamummaa, guddummaa, hangafummaa fi hambummaa" ishee amanuun hawaasni amantaalee lamaanituu hariiroo gaarii qabaachuu ibsuun "eebbifamtuu jedhamuu isheetiin deeggarsa addaa kennuuf malee ni morman jedhee hin yaadu. Yoo mormiin jiraates hawaasa musliimaa waliin haasawuun ni danda'ama" jedhan.

Siidaawwan Aksum

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaawwan Aksum

Jaarraa tokkoffaa kaasee hanga jaarraa 9ffaatti magaalli Aksum teessoo mootummaa Aksum turte. Argama bataskaana qulqulluu Tsiyoon Maariyaamiiti.

Jaarraa 4ffaa keessa bara mootii Izaanaa kan hundoofte Aksum, siidaawwan waggoota 1700 lakkoofsisanis qabdi.

Siidaawwan kunneen hambaa UNESCO ta'anii galmaa'aniiru. Iddoon arkiyoolojii harka namaas galmee UNESCO kana keessatti hammatameera. Iddoon kun bu'aa kalaqa ilma namaa, akkasumas boqonnaa seenaa kan bakka bu'u jedhameera.

Magaalaa Itoophiyaa durii, teessoo mootummaa jabaa, wiirtuu amantii, mootummaa amantaa durii Afrikaa keessatti kan ijaarte jechuun ibsan qorattoonni.

Bataskaanni Ortodoksii Tigraay magaalaa eebbifamtuu jedhee moggaasuun cinattis mootii Yohaannis ''kabaja wareegamummaa'' akka kennamuuf murtaawuu barreessaan sinoodoosichaa ibsan.

murtoowwan sinoodoosichi dabarse walumatti 12 yoo ta'an, dhimmi monoksoota dhalattoota Tigraay gadaamiiwwan Iyyarusaalem keessa tajaajilanii murtoo kana keessatti hammatamuu himanii jiran.

"Dhalattoota Tigraay ta'uu isaaniin qofa mana jireenyaatii, mindaa isaaniirraa, tajaajila irraa waggoota jahaaf dhorkamaniiru" kan jedhan Abuna Aragaawiin Bataskaanni Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa akka fala barbaaddu hubachiisan.