Neetaaniyaahuun Israa'el deeggarsa waraanaa US jalaa ba'uu akka qabdu ibse

Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu

Madda suuraa, Reuters

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu biyyisaa deeggarsa humna waraanaa Ameerikaan waggaa waggaan taasiftuuf jalaa suuta suuta ba'uu akka qabdu ibse.

Neetaaniyaahuun Israa'el biyyoota Galoo Galaanaa waliin hariiroo gama hundaa cimsachuurratti akka xiyyeeffattu ibsuun, waggoota kurnan dhufan keessatti hirkattummaa deeggarsa waraanaa US jalaa akka baatu dubbate.

''Deeggarsa maallaqaa, kan humna waraanaa Ameerikaan Israa'eliif taasiftu gara zeerootti fiduun barbaada,'' jechuun CBS sagantaa ''60 Minutes'' jedhamutti hime Neetaaniyaahuun.

Ameerikaan waggaa waggaan doolaara biiliyoona 3.8 deeggarsa humna waraanaa Israa'eliif akkan kennitu ibse Neetaaniyaahuun.

US bara 2018 fi 2028 gidduutti deeggarsa humna waraanaa Israa'eliif taasiftu doolaara biiliyoona 38 ramaddeetti.

Amma garuu yeroon hariiroo deeggarsa maallaqaa US fi Israa'el keessa deebiin ilaaluun fooyyessinu ga'eera jedhe Neetaaniyaahuun.

''Kora kongiresii itti aanu eeguu hin barbaadu. Ammuma kanan jalqabuu barbaada,'' jedhe.

Deeggarsi maallaqaa Ameerikaan Israa'eliif taasiftu kongiresii US irraa deeggarsa argachuu qaba.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga waraanni Gaazaa Onkoloolessa 2023 eegalee as garuu tumsa Israa'eliif taasifamurratti deeggarsi seera baastotaa fi uummata Ameerikaa akkaan hir'ateera.

Dargaggoota Ameerikaa keessaa dhibbeentaa 60 kan ta'an deeggarsa Israa'eliif qaban dhaabaniiru, dhibeentaa 59 kan ta'an ammoo hojii Neetaaniyaahuu sirriidha jedhanii hin amanan ykn shakkii irraa qabu.

Kun bu'uura dhaabbati qorannoo Pew Bitootessa darbe gaggeesseen kan ibsamedha.

Akkaataa qorannoo kanaan dargaggoonni Ameerikaa deeggarsa Israa'el hir'isuu fi shakkiin bulchiinsa Neetaaniyaahuu irraa qaban kan waggaa darbeerra harka torbaan dabaleera.

Neetaaniyaahuun Ameerikaa keessatti deeggarsi Israa'el akka hir'ate quba qabaachuu ibseera.

''Garuu harka dhibba keessaa dhibba sababa babal'ina miidiyaa hawaasummaati,'' jedhe.

''Biyyoonni hedduun akka nuti miidhamnuuf karaa miidiyaa hawaasummaa dhiibbaa uumaa jiru.''

Neetaaniyaahuun biyyoonni inni himatu eenyufaa akka ta'an maqaa hin eerre.

Michuu cimaa Neetaaniyaahuu kan ta'e Pirezidant Doonaald Tiraamp erga Guraandhala 28, 2026 Iraan irratti waraana labsee deeggarsi inni qabu akkaan gadi bu'eera.

Sababa waraana kanaatti gatiin boba'aa addunyaa erga bara 2023 as akkaan dabaleera.

Rakkoo addunyaarratti uumame kanaaf sababi waraana US fi Israa'el wal ta'uun Iraan irratti labsan akka ta'e addunyaan hubatteetti.

Ulaan Hormuuz kan boba'aan addunyaa dhibbeentaa 20 ta'e keessa qaxxaamuru sababa waraana kanaa cufamee jira.

Israa'el fi Ameerikaan akka Iraan Ulaa Hormuuz cufuu dandeessu erga waraana kana eegalanii waan hubatan fakkaatu.

Neetaaniyaahuun namoonni Israa'eliif waraana karoorsan erga waraanni eegalee booda akka Iraan ulaa kana cufuu dandeessu hubatan jedhe.

''Balaan sababa kanaan mudatu hangam guddaa fi hamaa akka ta'e hubachuuf yeroo itti fudhateera, amma garuu hubataniiru,'' jedhe Neetaaniyaahuun.