'Tehraan uggura ji'a afurii damdamachuu dandeessi' -CIA

Madda suuraa, Getty Images
Carraaqqiin US fi Iraan jidduutti waraana dhaabuuftaasisaa turan sababa gareen lamaan Jimaata Galoo galaanaa keessatti walitti dhukaasaniif dhaabbateera.
Kun immoo yaada Tiraamp uggurri Iraan laaffisee, jilbiiffachiisa jedhu kan faallessudha jedhameera.
CIA'n immoo xiinxala isaatin Teehraan uggurri humna galaanaa ji'ootaaf yoo turellee damdamachuu dandeessi jedhe.
Xiinxalli CIA kun dhiibbaan diinagdee Ameerikaan buufataalee ishee ugguruun tolchitu ji'oota afur itti aananiifis yoo ture Iraan hin miidhu jedha. Qondaalli US dhimma kanatti dhiyoo ta'e tokko Rooytarsitti akka himetti, gareen lachuu waraana dhaabuuf fedha agarsiisaa jiraachuu isaaniin, dhiibbaan Ameerikaan Iraan irratti gochuu dandeessu murtaawadha.
Qondaalli gameessi CIA kan biraa garuu xiinxala CIA kana "soba" jedhaan. Uggurri buufataalee Iraan irra kaayame "dhiibbaa qabatamaa uumaa jira, kufaatii lakkaawamuu danda'us uume jedhe-dhiibbaa daldalaa, kufaatii galii, fi kufaatii burkutaawuu diinagdee saffisiisaa jira" jedhe.
Tibbana biyyoonni lamaan osoo dhukaasa dhaabuurra jiranuu Ulaa Hormuuz keessaa fi alaan dhukaasa jabaa walirratti bananii jiru. Jimaata UAE irrattis haleellaan irratti banameera.
Waashinhgtan karoora waliigaltee nagaa dhiyeessiterratti deebii Iraan eeggachaa jirti.
Karoorri kun marii sagantaa nukilarii dabalatee sababoota ijoo waraana kaasan of keessatti kan hammate jedhameera.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo Room irraa yaada miidiyaaleef, "har'a waan ta'e dhagahuu qaba" jedhan. "Deebii isaanirraa eegaa jirra."
Ministirichi Tehraan ammallee deebii kennuu kennuuf itti yaadaa jirti, garuu hanga ammaa deebii hin arganne jedhan Jimaata.
Wal haleellaa Hormuuz keeessaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Humnoonni Iraanii fi dooniiwwan US Ulaa Hormuuz keessatti wal haleeluu isaanii miidiyaan Iraan Fars news agency gabaase.
The Tasnim news agency boodarra gabaasa baaseen humni waraanaa Iraan haalichi tasgabbaawuu beeksise. Garuu haleellaan biraas uumamuu mala jedhe.
Waraanni US dooniiwwan waraanaa lama kan Iraan faana hidhata qabanii fi gara buufata Iraan imalaa turte jeettii waraanaan haleeluun ofirra deebisuu hime.
Iraan gamasheetiin erguma waraanni eegalee dooniiwwan ulaa kana keessa akka hin ceene uggurtee jirti.
U.S. buufataalee Iraan kan uggurte ji'a darbee kaaseeti. Haalli kun gati boba'aa addunyaa qaalesseera. Boba'aan addunyaa harki tokko shanaffaan asiin baha
Kamisa Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu inuma jira jedhe.
Wal dura dhaabbannaan kun Ulaa Hormuuz bira kan darbu dha. UAE'n haleelamaa jiraachuu himatti. Ministeerri ittisaa ishee Jimaata misaayeloota lamaa fi diroonota sadi Iraanirraa dhukaafaman qolachuu beeksise. Namoonni sadi madaa'an.
Tibba waraanaa UAE dabalatee biyyoonni Galoogalaanaa kan buufataalee waraanaa Ameerikaa ta'an Iraaniin rukutamuu himachaa turan. Haleellaa tibbanaa Iraan tolchitee UAE'n ''muddama jabaa'' jetteen. Iraan oppireeshinii Tiraamp dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessaa tiksuuf labse "Project Freedom" jedhamu hordofee haleellaa bante. Oppireeshinichi sa'aatii 48 keessatti dhaabbate.
Iraan, Ameerikaan dhukaasa dhaabuu sarbite jechuun himatti. Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii Ameerikaa yeroo mara "wayita furmaanni dippilomasii banaa" ta'ee jirutti "of jaja agarsiisa waraanaa" filannoo biraa gooti jechuun qeeqan.
Iraan "gonkuma humnaan hin jilbiiffattu", jedhan Abbaas Araagchii fuula X ofii irratti yaada qoodaniin.
Iraan ammallee yaada karoora marii Ameerikaan Jimaata dhiyeessiterratti deebii yaada akka kennitu isheerraa eegama jedhan Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo.
"Abdiin qaba, waan jabaa dhiyeessine, dhuguman jedha," jedhan Ruubiyoon Itaalii wayita daawwachaa turanitti yaada kennaniin.














