Wal himannaa Itoophiyaafi Sudaan booda Ameerikaan waamicha taasiste

Madda suuraa, AFP
Ameerikaan Waraanni Sudaan 'dirree waraana bakka bu'oota' biyyoota hedduu hirmaachise ta'aa dhufuun isaa yaaddessaa ta'uu dubbatte.
Ameerikaan kana kan dubbatte erga wal himannaan Sudaan fi Itoophiyaa gidduutti tibbana hammaataa dhufeeti.
Ministirri dhimma alaa Ameerikaa, Maarkoo Ruubiyoo, walgahii Paaphaasii Kaatoolikii Liyoo XIVffaa fi qondaaltota Xaaliyaanii waliin Jimaata darbe taasisan booda ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, ''waraanni biyya keessaa Sudaan gara walitti bu'iinsa biyyoota alaan deeggarameetti jijjiirame.
''Biyyoonni adda addaa gareewwan hidhattoota walmorkatan deeggaruun lolli kun akka itti fufu gargaaraa jiru. Kanaanis biyyattiin biyya addunyaa irratti bakka gargaarsi namoomaa balaaf saaxilame isa hamaa taatee jirti'' jedhan.
Ruubiyoon biyyoonni tokko tokko gareewwan hidhatan Sudaan keessaa kallattiin deeggaraa jiru.
Biyyoonni biroo tokko tokko ammoo kallattiin waraana keessatti hirmaachuu baatanis, "meeshaaleen waraanaa ittiin akka dabarfaman daangaa biyya isaanii (lafa isaanii ykn buufata qilleensaa isaanii) eeyyamuun" deeggaraa jiru jedhan.
Biyyootni loltoota deeggaruu caalaa waraanni kun akka xumuramuuf gara maritti akka deemaan dhiibbaa gochuu qabu jechuun ibsan.
Itti dabaluunis, waraana kanaan walqabatee gargaarsi namoomaa akka dhihaatuufi mirgi jiraattota nagaa akka eegamuuf murteen dhukaasa dhaabuu ariifachiisaan akka taasifamu waamicha dhiheessaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Torban kana keessa waraanni Sudaan Itoophiyaa fi Emiraatota Arabaa Gamtoomanii haleellaa Sudaan keessaa gargaaru jechuun himateera.
Waraanni Sudaan dirooniin naannoo namoota nagaa irratti haleellaa raawwate jedhe buufata xiyyaaraa Itoophiyaa Baahir Daar irraa akka dhufan ragaan jira jechuun himate.
Qondaaltonni Sudaan akka jedhanitti haleellaan dirooniin naannoolee hedduu rukutee fi walakkaan isaanii qolataman diroonii UAE'tti oomishame ta'uu ibsan.
Waraanni Sudaan haleellaa raawwatame kun abbaa biyyummaa Sudaan fi seera addunyaa cabsuudha jechuun haleellaa dabalataa kamiifuu deebii kennuuf qophii ta'uu akeekkachiise.
UAE'n dhimma kana irratti deebii kennuu baattus Itoophiyaan himata jedhame kana haaltee jirti.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Kibxata Caamsaa 05, 2026 ibsa baaseen himannaan Waraanni Sudaan Itoophiyaarratti dhiheessan ''bu'uura kan hin qabnedha,'' jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa waraanni biyya keessaa Sudaan Itoophiyaaf balaa nageenyaa fidullee rakkoo kana keessatti hirmaachurraa heddu of to'ateera jedhe.
''Uummanni Itoophiyaa fi Sudaan hariiroo seena qabeessaa fi michummaa cimaa waliin qaban eeguuf jecha ''gocha badii sababa waraana Sudaaniin daangaa Itoophiyaa keessatti raawwatamu'' iccitiin qabatee ture jedhe.
Sababa Waraana Sudaan kanaan yakki daangaa Itoophiyaa keessatti karaa TPLF raawwwatamaa jiraachuu fi garicha meeshaalee waraanaa fi maallaqaan kan tumsuu fi haala miijessuuf waraana sudaan ta'uu mootumman Itoophiyaa kan himate.
Humnoonni alaa waraana Sudaan keessatti hirmaatan eenyu fa'i?
Waraanni biyya keessaa Sudaanitti eegalamee waggaa sadii booda ammallee akkuma itti fufetti jira.
Kanaaf sababni ammoo humnootni alaa qaamota wal waraanaa jiraniif deeggarsa siyaasaa fi waraanaa kennuun gidduu seenuun isaanii akka ta'etti yaadama
Uggurri meeshaa waraanaa idil-addunyaa jiraatus, waraanni Sudaan fi Humni Dafee Qaqqabaa RSF meeshaalee waraanaa baay'inaan biyya alaa irraa argachuu itti fufaniiru.
Dantaan jeneraalota waraanaa biyyattii lamaan (hogganaan waraana Sudaan Jeneraal Abdel Fattah Al-Burhaan fi kan RFS Letenaanti Jeneraal Mohaammad Hamdan Dagalo (Hemeeittiin) wal faallessuun waldhabdee kana gara waraana walxaxaa gaanfa Afrikaa fi qaxanaa guutuu jeequtti geessaa jira.
Waraanni Sudaan deeggarsa biyyoota hedduu, kanneen akka Masrii, Turkii, Iraan, Raashiyaa, fi Eertiraafaa dabalatee kanneen gargaarsa waraanaa kallattiin kennan keessa akka ta'e eerama.
Gareen RSF meeshaalee waraanaa, meeshaalee yaalaa fi meeshaalee waraanaa biroo dabalatee, Yunaayitid Arab Emireets (UAE) irraa deeggarsa guddaa argata jedhu gabaasaalen.
Gabaasaaleen adda addaa UN akka agarsiisanitti, UAE konkolaattota hidhannoo, diroonii fi meeshaa waraanaa gurguddaa karaa Chaad, Sudaan Kibbaa, Liibiyaa, Rippabiliika Giddugaleessa Afrikaa fi Somaaliyaa ergiteetti.
Keeniyaanis hoggantoota RSF fi sochii siyaasaa isaanii keessummeessiti jedhamuun yeroo hedduu maqaan ishee kaafama jira. Akkasumas Waraanni Biyyaalessaa Liibiyaa (LNA) fi Sudaan Kibbaa loltootaf deeggarsa taasisuu fi RSF's madaa'an yaaluun himatamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Dhiheenya kana ammoo gaheen Itoophiyaas xiyyeeffannoo guddaa argachuu eegaleera.
Erga gabaasni qorannoo Rooyitarsi Itoophiyaan naannoo daangaa Sudaanitti kaampii leenjii dhoksaa ijaaruu fi RSF achitti leenjifamaa akka jiran himame , akkasumsa tibbana waraanni Sudaan Itoophiyaan deeggarsa loojistikii kennuun himatee hirmannaan Itoophiyaa jiraachuu akka malu gabaasaleen eeran jiru.
Sababa waldhibdee kanaan Sudaan naannoo daangaa bahaa Itoophiyaa waliin qabdutti loltoota dabalataas ergiteeti.
Haa ta'u malee, biyyotni RFS deeggaruun shakkaman kunneen hundi akka harka keessaa hin qabne haaluu.
Ameerikaan miseensota michuu gareewwaan wal lolan lamaan Sa'uudii Arabiyaa, Masrii fi UAE waliin ta'uun dhukaasa dhaabuu akka taasifamu yaalaa jirti. Ammatti milkaa'uu baatuus carraaqqiin kun addaan hin cinne.
Ministirri dhimma alaa Ameerikaa, Maarkoo Ruubiyoo waanti US dursa kennitu dhukaasaa dhaabuu fi deeggarsa namoomaa mirkaneessuuf karaawwaan akka banamaniifi gargaarsi akka raabsamu gochuudhaafi.
Kunis osoo marii nagaa taasifamu hin gufachiisin akka raawwatamu carraaqqamaa jira. Akkasumas, dhiheenya kana "Ibsa Qajeelfamootaa" (Statement of Principles) dhihaate irratti hundaa'uun, waadaawwan galaman gara "tarkaanfii qabatamaatti" jijjiiruu irratti xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu kan Ruubiyoon dubbatan.
"Furmaanni waraana kanaa biyyoota fi qaamota gareewwan wal-waraanan deeggaran harka jira; isaanis gara waliigaltee nagaa waraana kana xumuruutti dhiibuu qabu." jechuun ibsan.














