Godina Shawaa Lixaatti konkolaataan akkamiin namoota 18 galaafate?

Konkolaataan 'qixqixii' jedhamuun beekamu dugdaa ol caccabee mul'ata

Madda suuraa, Poolisii Oromiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaa keessa baay'ina konkolaataa jiruun yeroo wal bira qabamu balaan dhaqqabu olaanaa ta'u qondaalonni himu
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Godina Shawaa Lixaatti balaa konkolaataa dhaqqabeen lubbuun namoota 18 darbuu Poolisiin Oromiyaa beeksise.

Balaan kuni godinicha Aanaa Dandii Ganda Warqaa Gaaraa iddoo addaa Gaara Hoolaatti dhaqqabuu ibsi poolisii Dilbata waaree booda baase mul'isa.

Akka ibsa poolisiitti, balaan kuni Sambata ALI Caamsaa 01, 2018 galgala keessa sa'aatii 1:30'tti dhaqqabe.

Konkolaataan deddeebisa ummataa 'qixqixii' jedhamuun bal'inaan beekamu Aanaa Ilfataa irraa gara Aanaa Dandii osoo deemuu ''karaa irraa bu'ee garagaluu'' ibse.

Kanaanis, ''lubbuun namoota dhiiraa 5 dhalaa 13 walii gala nama 18 yoo darbu namoota 13 irratti miidhaa qaama cimaan gaheera,'' jedheera ibsi poolisii.

Kanaan alas, namoota 26 irratti miidhaa qaama salphaan qaqqabu ibsameera.

Akka ibsa poolisii Oromiyaatti, waliigala namoota 57 irratti miidhaan dhaqqabeera.

Sababni balaa kanaa qoratamaa jiraachuullee Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Lixaarraa waabeffachuun hime.

Konkolaataan suuraan isaa qoodame bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti namoonni imalaaf itti fayyadamu.

Teessuma qabun alatti garuu namoonni akka dhaabatanii imalanis ni taasifama.

Poolisiin lakkoofsi namoota miidhamanii 57 jedhee ibse namoonni baay'ee konkolaaticha keessa akka turan agarsiisa.

Namoota balaaf saaxilaman keessaa hangam akka yaala saffisaa argatanis ta'e hospitaalli itti geeffaman hin ibsamne.

BBC'n namoota balaa kanarraa oolan qunnamuuf yaalaa jira.

Balaan konkolaataa baadiyyaa keessa qofa osoo hin taane magaalaa guddoo Itoophiyaa keessa namoota beekamoo ministira mootummaafiatileetii beekamaa dabalatee qunnameera.

Maaliif balaan baay'ata?

Itoophiyaa keessatti wagga waggaan lammiileen kumaan lakkaa'aman balaa konkolaataan lubbuu dhabu.

Kaan qaama miidhamaa/miidhamtuu ta'u, qabeenyi guddaas ni manca'a.

Itoophiyaatti bara 2014 A.L.I sababii balaa tiraafikaan namoonni 3,971 ta'an lubbuusaanii dhabaniiru.

Balaa du'aa bara 2013A.L.I qaqqabe wajjiin wal bira wayita qabamee madaalamu lubbuun namaa darbee 190'n hir'ateera.

Ragaan Komishiiniin Poolisii Federaalaa akka agarsiisutti, bara 2013 A.L.I keessatti balaan tiraafikaa 15,000 ol qaqqabuun, sababii balaa kanaan namoonni 4,161 du'aniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Nageenya tiraafikaa kan to'atu Biiroon Nageenya Tiraafikaa fi Tajaajilli Fandii Inshuraansii, kan sadarkaa biyyaatti hundeeffame bara 2014 A.L.I ture.

Qondaalli dhaabbatichaa BBC'n waggaa sadii dura dubbise lakkoofsi balaa Itoophiyaatti konkolaataan qaqqabu hir'ateera jedhu.

Akka qondaala kanaatti, ALI bara 2010 keessa qofa namoonni 5,118 balaa tiraafikaatiin du'aniiru.

Bara walfakkaataa keessatti lakkoofsi konkolaataa biyyattiin qabdu 900,000 baayyee hin caalu ture.

Eegasii lakkoofsi konkolaataa Itoophiyaa keessatti guddaa dabaleera.

Akka ogeessa kanaatti, balaawwan dhaqqabanif harki caalu ka'umsi isaa konkolaachistootaan kan walqabatudha.

Balaawwan harki caalu kan mudatan saffisaan konkolaachisuufi sababii imaltoota lafootiif dursa kennuu dhabuutiin jedhu.

Rakkoowwan naamusa konkolaachisaan walqabatanillee jiru jedhu.

''Rakkoo guddaan dandeettii konkolaachisuu osoo hin taane rakkoo naamusaati. Dhibaa'ummaatu heddumta. Balaawwaan harki caalan dogoggora konkolaachistootaan qaqqabu,'' jedhan.

Amala badaa konkolaachistoota balaaf ka'umsa ta'an kanneen akka halkan deemu, saffisaan konkolaachisuu, dhuganii konkolaachisuu, imaltootaaf dursa kennuu diduu fa'aa ilaallata jedhan.

Kana malees, konkolaachistoonni rakkoolee tekinikaa imalarratti isaan mudatu osoo hin furiin konkolaachisuun balaaf ka'umsa akka ta'u eeran.

Itoophiyaan kana dura 'dhimma qulqullinaan' walqabatuun konkolaataa Chaayinaa Sinootiraakii jedhamu akka biyya hin seenne dhorkuun ni yaadatama.