Peep Gaardiyoolaan waa'ee tapha Bireentfoord maal jedhe?
Peep Gaardiyoolaan tapha Bireentfoord dursee yaada miidiyaaleef kenneen akaks jedhe:
- Roodiriin tapha Everteen waliin qixa 3-3 xumurame irratti hin hirmaanne. Peep ammayyuu Roodiriin miidhama isaarraa guutummaan hin fayyine jedhe. Garuu tapha har'aaf gahuu akka malu hime.
- Roodirii malee ji'oota baay'ee taphanne kan jedhe Peep Gaardiyoolaan yeroo gahumsa guutuun deebi'u kan ilaallu taha jedhe.
- Tapha Everteen irratti Roodirii waan hin jirreef qabxii dhabne osoo hin taane galchii qulqulluu isaaniif kennineeti jedhe.
- Giivaardiyool shaakala hojjechuu jalqabeera. Peep Gaardiyoolaan bara darbe taphataa murteessaa ture. Tapha hundaa taphate dhumarratti qaamni isaa ni gaha jedhe jechuun haala miidhama Givaardiyool dubbate.
- Taphoota hafan irratti nu gargaara jedheen amana jedhe.
- Maark geehii tapha Everteen irratti dogogora akka hojjeteni beeka. garuu isaan ala akka gaariitti taphate jedhe Gaardiyoolaan.
- Jeremii Dookuun gahumsa akkasii irra gahuu isaatti hedduu gammadeera kan jedhe Gaardiyoolaan taphni Bireentfoord waliinii akka cimus himeera.
- Keet Andiriiw leenjisaa duraanii Bireentfoord Toomaas Firaank bakak bu'ee hojii guddaa hojjete, salphaa hin turre jedhe.

