KALLATTIIN, Kabaja Guyyaa Injifannoorra Puutin NATO balaaleffate

Ministirri Dhimma Alaa Iraan, Abbaas Aragchii Ameerikaan dippilomaasiidhaan furmaata ragachuun osooo danda'amuu maal na dhibdeen waraana keessa galti jedhan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Paarlaamaan Iraan waraanaa as yeroo jalqabaaf oonlaayinii walgahuufi

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Galma walgahii paarlaamaa

    Paarlaamaan Iraan waraanaa as yeroo jalqabaaf Dilbata boruu oonlaayinii walgahuufi.

    Ji'oota sadi booda kan taa'amu yaa'iin paarlaamaa kun viidiyoo konfiransiidhaan akka mari'atamu dubbii himaan pirezdantii paarlaamaa Iraan Abbaas Goorzhii ibsan.

    Walgahiin dhumaa paarlaamaa Iraan waraanni eegaluu dursee guyyaa 11 dura taa'ame.

    Walgahiin borii kun guyyoota 82 booda taa'amuuf jira jechuu dha. Walgahiin boruu kun ajandaawwan ijoo "gabaa tasgabbeessuu, yaaddoo uummataa fi qaalayiinsa gabaa" fa'irratti akka xiyyeeffatu ibsi paarlaamaan kun baase ni agarsiisa.

    Manni maree Rippaablika Islaamaa Iraan waraana dura walgahii isaa xumuraarratti wixinee fooyya'iinsa bajata waggaarratti mari'atee ture.

    Paarlaaamaan kun kan walgahii hin taa'iniif ture sababa "rakkoo nageenyaa" akka ta'e ibsame.

    Gabaasaaleen akka agarsiisanitti, Ameerikaa fi Iraan eegi waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahanii as pirezdantiin Iraanii fi kaabineewwan isaanii darbee darbee qaaman wal arguun walgahii ni gaggeessu

    Hogganaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Kaamenii ajjeefamuu hordofee hoggansa bakka isaanii buusuufis sagaleen kan kenname karaa oonlaayinii ture.

  2. Puutin guyyaa injifannootti NATO balaaleffate

    -

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Puutin Nato balaaleffate

    Pirezdantiin Raashiyaa Vilaadimir Puutin Guyyaa Injifannoo Mooskoo Addababaayii Reed jedhamurratti yaadatamerratti ergaa dabarseen waraana Yukireen irratti bane "waraana haqaa" yoo jedhuun NATO immoo balaaleffate.

    Agarsiisa waraanaa loltoonni kumaatamaan irratti hirmaatanii fi hoggantoonni biyyoota addunyaa muraasni irratti argaman kanarratti haasawa kan godhe Puutin,"lola haqaa lolaa jirra" jedhe. Humnoota Yukireen immoo "humna weerartuu kan "gurmuun NATO hidhachiisee fi deeggarsu" jedheen.

    Guyyaan Injifannoo Raashiyaaf ayyaana biyyaalessaa guddaa ta'uu beekamu kun Injifannoo Gamtaan Soviyeetii duraanii Naazii Jarmanii irratti gonfate sababeeffachuun kabajama. Agarsiisa waraanaa guddaa fi hawwataadhaan kabajamaa ture. Ayyaanni baranaa akka durii hin ho'ine.

    Raashiyaa fi Yukireen ayyaana kana dursee guyyoota sadiif dhukaasa dhaabuuf waliigalan. Kana immoo Pirezdantii Ameerikaa Donaald Tiraampitu beeksise.

    Yeroo jalqabaatiif konnkolaattonni waraanaa sibiila uffatan,misaayeloonni baalistikii agarsiisa waraanaa guyyaa injifannoo kanarratti hin mul'anne. loltoota lafoo hidhatan qofatu mul'ate. eegumsi akka malee cimaa ture.

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -
    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -
  3. Dhaabbilee boba'aa hanga baankotaa- kaampaanota waraana Iraan irraa biliyoonota buufatan

    Doonii boba'aa galaana keessa dhaabbatee jirtu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonii boba'aa galaana keessa dhaabbatee jirtu

    Uummanni addunyaa mana manaa isaa keessaa sababa waraana Ameerikaa- Israa'elii fi Iraan jireenyi itti qaala'ee rakkinarra bu'eera.

    Kaampaanonni tokko tokko ammoo sababa waraana kanaa biliyoonota buufatan lakkaa'u.

    Hulaan Hormuuz cufamuun qaala'insi jireenyaa akka dabalu taasisuun baajata maatii, mootummaa fi dhaabbilee kaanii rukte.

    Dhaabbileen kaan garuu bu'aa kana dura argatanii hin beekne argatan. Gatii boba'aa dabaluu isaan dhaabbileen bu'aa guddaa argatan hedduudha.

    Yeroo waraanni Baha Gidduugaleessaa hammaataa deeme ji'oota sadan darbanitti isaan kunneen bu'aan isaani sami tuqe.

  4. Wantoota samiirra bololi'anii fi ifa samii: Ragaaleen Peentaagon gadhiise waa'ee UFO maal nutti hime?

    Ifa samii keessatti qorattoonni arganii adda baasuun ulfaate

    Madda suuraa, Waraana Ameerikaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Ifa samii keessatti qorattoonni arganii adda baasuun ulfaate

    Ragaaleen Peentaagon waa'ee UFO gadhiisee waan kana dura dhagahamii hin beekne ibse. Kunis waan namoonni siivilii lafarraa fi astiroonomeroonni jedhanii ibsan qabata.

    Ragaaleen waggootaaf dhokfamanii turan akka maxxanfaman Doonaald Tiraamp ajajan jennaan Jimaata kaleessaa maxxanfaman.

    ''Fedhii guddaan baruuf waan jiruuf'' ragaalee kanneen nan gadhiisa jedhee Tiraamp waggoota darban keessa dubate.

    Ragaaleen kunneen dhuguma UFO jiraachuu mirkaneessanii?

  5. Pirezidantota Tigraay lamaan' - TPLF si'achi maal godha? Mootummaan maa callise?

    Dr Dabreysiyoon G/Mikaa'elii fi Jeneraal taaddasaa warradaa wal dhaban
    Ibsa waa'ee suuraa, Dr Dabreysiyoon G/Mikaa'elii fi Jeneraal taaddasaa warradaa

    Naannoo Kaaba Itoophiyaa waraana jalaa hin bayyananne Tigraay keessatti waan guddaatu adeemaa jira.

    Naannoo tokko keessatti 'pirezidantoota lamatu' yookiin 'mootummaa lamatu' yeroo ammaa maqaa itti dhahamaa jira.

    Tokko kan mootummaa federaalaan muudaman - L/J Taaddasaa Warradaafi kaanimmoo kan TPLF muude jedhe - Dr Dabratsiyoon G/ Mikaa'el.