Aangoon Bulchiinsa Yeroo Tigraay ''humnaan fudhatamaa'' jira - L/T Taaddasaa

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Kibxata walgahii mana maree duraanii naannoo Tigraay taa'een kan filaman kaabineen Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu walgahii taa'uu jalqabuu isaatiin Leet. Jeneraal Taaddasaa Warradaa aangoon bulchiinsa yeroo "humnaan qabamaa" jiraachuu ibsan.

Naannoon Tigraay waggaa jaha dura filannoo addatti ofummaa tolcheen kan gurmaa'e manni maree naannichaa torbee kana pirezdantii godhee kan filate Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el Jimaata har'aa Caamsaa 30 2018 ALI walgahii kaabinee gaggeessuu eegale.

Manni maree gara hojiitti akka deebi'e kan godhe TPLF har'a ibsa baaseen "kaabineen mootummaa Tigraay walgahii jalqabaa gaggeessuu" ibse.

Manni marichaa walgahii isaa Kibxataatiin Dr Dabratsiyoon "mana maree hoji-raawwachiiiftuu irratti sirreeffama gochuun" hojii isaanii akka hojjetan murtoo dabarsuu isaa beeksise.

Yaada murtoo raggaasifame bu'uura godhachuun kan muudaman pirezdantichi mana maree hoji-raawwachiiftuu keessatti sirreeffama taasisaa hojiisaanii hojjechuun kan turan hanga yaa'ii mana marichaa itti aanutti ta'uu ibse

Suuronni fuula Feesbuukii TPLF irratti qoodaman akka agarsiisanitti walgahii kanarratti pirezdantii itti aanaa bulchiinsa yeroo Tigraay Amaanu'eel Asaffaa dabalatee kaabineewwan bulchiinsa Leet. Jeneraal Taaddasaa Warradaa hirmaataniiru.

Dr Dabratsiyoon pirezdantii ta'anii kan muudaman bu'uura waliigaltee Piriitooriyaatiin kan hundaaye bulchiinsa yeroo Tigraay kan hogganaa jiran Leet. Jeneraal Taaddasaa Warradaa osoo aangoorra jiraniiyi.

mootummaan federaalaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu "diigeera" jechuun kan himatu Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF), sababa kanaanis bulchiinsi yeroo ''diigamuu" hima.

Mootummaan federaalaa hanga yoonaa murtoo TPLF kanas ta'ee, manni maree naannichaa bakkatti deebi'uurratti yaada kenne hin qabu.

Jalqaba ji'a kanaatti mootummaa federaalaatiin barri aangoo waggaa tokkoon kan dheereffameef Leet. Jeneraal Taaddasaan gama isaaniin ibsa Jimaata har'aa baasaniin walgahii kaabinee morman.

Pirezdant Taaddasaan ibsa fuula feesbuukii waajjira isaaniin baasaniin," Qaamoleen 'filamne' ofiin jedhan har'a "galma waajjira bulchiinsa yeroo naannichaatti walgahii kaabinee" eegaluu isaanii ibse.

Walgahiin kaabinee taa'amaa jiru "qaamolee nageenyaan eegumsi godhamaafii" ta'uu ibsa.

Qaamoleen kunneen hoggansummaan kan filaman "rakkoo marii fi waliigalteen hiikuuf waamicha dhiyaatef cinaatti dhiisuun" ta'uu qeeqan.

Mariin akkanaayyuu kan barbaachiseef tarkaanfii akkasii hordofee "miidhaa fi balaa dhufu hanqisuuf" jedhamee ta'uu hubachiisan.

Walgahiin kaabinee eegalamuun guyyaa har'aa " guyyaa karaa balaafamaan itti eegalame" akka godhu ibsuun hubachiisan.

"Balaa sababa kanaan dhalatuuf kan itti gaafatamu humna aangoo bulchiinsa yeroo humnaan qabate akka ta'e ibsuun barbaada" jechuun akeekkachiisan.

Leet. Jeneraal Taaddasaan balaa sababa tarkaanfii kanaan "balaa" dhufu kan jechuun akeekan maal akka ta'e ergaa isaanii keessatti hin ibsine.

Pirezdantiin bulchiinsa yeroo kun torbee darbe yuutuubii Riyoot jedhamurratti yaada kennaniin mootummaan federaalaa jidduu seenuu akka danda'u dubbatanii ture.

Garuu mootummaan federaalaa akka tarkaanfii akka fudhatuuf ofii waamicha akka hin goone ibsan.