'Pirezidantota Tigraay lamaan' - TPLF si'achi maal godha? Mootummaan maa callise?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Naannoo Kaaba Itoophiyaa waraana jalaa hin bayyananne Tigraay keessatti waan guddaatu adeemaa jira.

Naannoo tokko keessatti 'pirezidantoota lamatu' yookiin 'mootummaa lamatu' yeroo ammaa maqaa itti dhahamaa jira.

Tokko kan mootummaa federaalaan muudaman - L/J Taaddasaa Warradaafi kaanimmoo kan TPLF muude jedhe - Dr Dabratsiyoon G/ Mikaa'el.

Waggaa tokko darbeef naannicha kan bulchaa jiran Leftinant Janaraal Taaddasaa Warradaa Ministira Muummee Abiy Ahimadiin turtiin aangoo isaanii waggaa tokkoon dheerateera.

Murteen Ministira Muummee Abiy ji'a osoo hin guutiin dhaabni siyaasa Itoophiyaa keessatti hanga MM Abiy Ahimadiin olaantummaa qabaachaa ture, TPLF, karaa biraa filateera.

Mootummaan federaalaa Waliigaltee Piritooriyaa ''cabseera'' jechuun akkaataan aangoon L/J Taaddasa dheerate 'marii kiyya malee' dheerate jedhe morme.

TPLF mootummaan waliigaltee kana ''diigeera'' jechuun Bulchiinsi Yeroo Tigraay hundaa'e tures ''diigamuu'' dubbate.

Kanaanis, Mana Maree filannoo wagga jaha dura taasifameefi mootummaan federaalaa 'seeraan ala' jedhee labseen filame Kibxata ALI Ebla 27, 2018 waamee 'Pirezidantii, af-yaa'iiwwan' filatuu beeksise.

Manni Maree kuni Waliigaltee Piritooriyaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduu ALI Onkololeessa 23, 2015 Afrikaa Kibbaatti mallattaa'een diigamee ture.

Kuni egaa osoo Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo Naannichaa L/J Taaddasaa Warradaa jiraniiti.

Suutuuma suutas aangoon Bulchiinsa Yeroo Tigraay ''humnaan fudhatamaa'' jira jedhan L/T Taaddasaan ibsa karaa waajjira isaanii baheen.

Kanas kan jedhan gaafa Jimaataa 'kaabineen Dr Dabratsiyoon' walgahii gaggeessuu ibsuu isaa hordofeeti.

Kuni hunduu gaafa ta'u gama mootummaa federaalaa wanti dubbatame yookiin wanti kana furuuf adeemsifamaa jiru yoo jiraate hin beekamu.

Wanti ifaa Addis Bilisummaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) waan nan raawwadha jedhe jala jalaan raawwatuu itti fufu isaati.

Kan mootummaa federaalaan muudaman Leef. Janaraal Taaddasaan immoo yaaddoo ibsatuu itti fufuudha.

Dhaabbileen Lixaas yaaddoofi akeekkachiisa baasaa turan.

Keessumaa Gamtaan Awurooppaafi Embasiin Biriiteen qaamoleen kamuu Waliigaltee Piritooriyaa cabsuurraa akka of qusatan gaafataa turan.

Gaafa Jimaataa TPLF ibsa baaseen "kaabineen mootummaa Tigraay walgahii jalqabaa gaggeessuu" ibseera.

Manni marichaa walgahii isaa Kibxataatiin Dr Dabratsiyoon "mana maree hoji-raawwachiiiftuu irratti sirreeffama gochuun" hojii isaanii akka hojjetan murtoo dabarsuu isaa beeksise.

Suuronni fuula Feesbuukii TPLF irratti qoodaman akka agarsiisanitti walgahii kanarratti pirezdantii itti aanaa bulchiinsa yeroo Tigraay Amaanu'eel Asaffaa dabalatee kaabineewwan bulchiinsa Leet. Jeneraal Taaddasaa Warradaa hirmaataniiru.

Dr Dabratsiyoon pirezdantii ta'anii kan 'muudaman' bu'uura waliigaltee Piriitooriyaatiin kan hundaaye bulchiinsa yeroo Tigraay kan hogganaa jiran Leet. Jeneraal Taaddasaa Warradaa osoo aangoorra jiraniiyi.

'Pirezidantiin keenya Dabratsiyooni'

Waajjirri Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay kara fuula Fesbuukiin ibsa Jimaata baaseen 'qaamoleen filameera jedhan guyyaa har'aa galma kaabinee Bulchiinsa Yerootti walgahii kaabinee' eegaluu ibsaniiru.

Walgahiin kunis eegumsa ''humnoota nageenyaan'' adeemsifamaa akka jiru ibseera.

Dhimma kana BBC'n kan gaafataman Dubbii Himaan TPLF Mikaa'el Asgadoom himannaa L/J Taaddasaa waakkataniiru, ergaan darbees ''dogongora'' jedhan.

''Humnoota nageenyaan ajjabamanii hin seenne. Masaraa mootummaa waan ta'ef naannichatti eegumsi jiraachuu danda'a.

''Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el pirezidantii bu'uura seeraa qabanidha,'' jechuun mana mareen duraaniin filamuu dubbatan.

''Kan sirrii hin taane barreeffamicha malee eegumsuma janaraal Taaddasaan yeroo pirezidantii turan eegumsuma turetu itti fufe. Humni haaraa dhufe hin jiru.''

Ibsi Bulchiinsa Yeroo Tigraay baase akka humnaan tarkaanfii fudhachuu isaanii akeeka.

Dubbii Himaan TPLF Obbo Mikaa'el, L/J Taaddasaan yoo aangoo dabarsuu didan maal gootu jedhamanii BBC'n gaafatamaniiru.

Deebii isaaniin ''aangoon Janaraal Taaddasaa Warradaa Bitootessa 30 (ALI) dhumateera. Hanga aangoo walii dabarsuun raawwatutti ammallee itti fufeera.

''Haa ta'u malee, Bitootessa 30 (ALI) booda hanga adeemsa xumurru itti fufne malee mootummaa bu'uura seeraa qabu filanneerra.

''Pirezidantii seera qabeessa filanneerra. Seera qabeessi pirezidantii filamedha malee,'' jechuun BBC'tti dubbatan.

Wabii ni kennituu jedhamanii gaaffii gaafatamaniif ''Rakkinni garasitti geessu hanga yoonaa hin mudanne. Eenyutu eenyuuf wabii kenna?

''Janaraal Taaddasaan qabsaa'aadha. Umrii isaa guutuu Tigraayiif [nama] qabsaa'edha,'' jedhan.

Ibsa Waajjirri Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo baase ''sirrachuu qaba'' jechuunis gaafataniiru.

BBC'n akkamiin sirrata jedhee gaafateera.

''Inni dhimma keessoo waan ta'ef ofii keenyaan wal hubachuun waan furrudha. Waan baay'ee nama dhiphisu natti hin fakkaatu.''

TPLF si'achi maal godha?

Waliigalteen Piritooriyaa mootummaafi TPLF gidduu mallattaa'e waraana Kaaba dhaabsiseera.

Garuu, nagaa waaraa hin finne jedhu xinxaltoonni. Waliigalteen kuni akka hin raawwanneef tokko isa kaaniin himata.

Obbo Mikaa'el Waliigalteen Piritooriyaa Tigraayiif ''rakkinoota ijoo ijoo ta'an furuu hin dandeenye.

''Guutummaan guututti akka hojiirra hin oollef immoo eeyyamamaa miti [mootummaa federaalaa].

''Kanaaf, Waliigalteen Piritooriyaa ifatti diigameera jennee labsineerra. Bulchiinsi Yeroo waliigaltee lamaaniin [hundaa'e] diigamee mana maree ummataan filame akka deebi'u goonee pirezidantii seera qabeessa filanneerra.

''Sababa kanaaf mariin federaala waliin goonu adeemsa kanatti aane jiruuf mari'achuu dandeenya.

''Karaa nagaan rakkoo keenya furuu barbaanna. Nuyi hanga yoonaa lammiilee Itoophiyaa ta'u keenya yaadnee kan imalaa jirru.

''Garuu akka dhiibamnu kan godhamaa jirru. Haalli dhiibuu kuni itti fufuu qaba jennee hin yaadnu,'' jechuun dubbatan.

TPLF torban kana keessa ibsa biraa baase keessatti si'achi qaama karaa nagaan furuuf qophii ta'e waliin mari'achuuf qophii ta'uufi rakkoo kamuu mariin furuuf akka barbaadu dubbateera.

Obbo Mikaa'el irra deebiin dhaabiifi 'mootummaan' isaanii mariif qophii ta'uu BBC'tti dubbatan.

Mootummaa federaalaafi hawaasa idil-addunyaan beekamtii yoo dhabdan maal gootu? Gaaffii BBC'n dhiheesse kanaaf kana deebisan.

''Maaliif hin fudhatu? Kuni mirga heeraa keenyadha. Ummanni qaama ofiin filateen buluun mirga isaati.

''Kanaaf, mirga mirga heeraan amanuu qabu. Yoo ta'u baate mirga heeraan nuuf kennameef, birmadummaa, mirga ofiin of bulchuu [kabachiisuuf],'' akka hojjetan himan.

'Tapha ijoolleeti'

TPLF Dabratsiyooniin 'pirezidantii' Tigraay gochuun filachuun muddama mootummaa federaalaa waliin ture hammeessa jedhamee amanama.

Dhimma kanarratti mootummaa federaalaa irraa wanti jedhame jiraachuus baatu gorsaan Ministira Muummee Abiy Ahimad, Obbo Getaachaw Raddaa, sochii TPLF ''tapha ijoolleeti'' jechuun qeeqaniiru.

L/J Taaddasaa dura Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay kan turan Obbo Getaachoon hooggansa TPLF waliin wal dhabaniiru, michuu isaanii duraanis dubbii hammeessuun himataniiru.

Sababoota waraana Kaaba Itoophiyaaf ka'umsa ta'aniifi lammiilee kuma dhibbaan lakkaaman galaafate keessaa tokko filannoo Fulbaana 2020 Naannoon Tigraay qofaatti gaggeessedha.

Mootummaan federaalaa filannicha 'seeraan ala' jechuun kan labse yoo ta'u waraana booda waliigalteen filannoo dhibdee kaasen hundaa'e diigamee bulchiinsi yeroo hundaa'eera.

Ta'us, yeroo adda addaatti bulchiinsi yeroo hanqina bajataafi kaan eeruun komii dhiheessaa ture.

Sochiin TPLF tibbanaa Muddama mootummaa federaalaa waliin jiru hammeessa jedhamee sodaatameera.

Akka jiraattonni jedhanitti, gaafa Kibxataa samii Maqalee irratti xiyyaarri waraanaa mul'achuu himan. BBC'addatti waan mirkaneeffate hin qabu.

Jiraattonni BBC'n dubbise ''nuti nagaa barbaanna'' jedhu. Yaaddoo waraanni ka'uu malas jedhu. Kaan immoo bulchiinsa hundaa'e deeggaru.

Mootummaan maaliif callise?

Mootummaan federaalaa sochii TPLF irratti hanga yoonaa waan jedhe hin qabu.

Maaliif akka callisees hin beekamu. Wanti gochuuf yaades yoo jiraate ifa hin taane.

Bulchiinsi yeroo garuu yaaddoo ibsateera, 'balaa' uumas jedhe.

Siyaasa naannichaa itti dhiheenyaan kan hordofu Daani'el Berhaane waan TPLF itti jiru ''murtee guddaa jechuun danda'ama'' jedhu.

Tiraamp aangootti dhufuun booda ''qoqqoodamuun hawaasa addunyaa'' TPLF'f gaarii ta'uu akka malu hima.

Mootummaan federaalaa si'achi maal gochuu danda'a? Walitti bu'iinsatti seenuu maluu? Obbo Daani'el walitti bu'iinsatti geessa jedhanii hin yaadan.

''Mootummaan federaalaa yeroo ammaa tarkaanfiin waraanaa fudhatu jira jedhee hin yaadu.

''Osoo tarkaanfiin waraana na baasa jedhee yaadee kanaan durayyuu sababaafi carraa garagaraa fayyadamuudhaan raawwachuu danda'a ture.

''Kana kan hin raawwanne tarsiimoo ofiiniifi dhimmoota qaxanaarra jiraniin wal qabateeti.

''Hamma ejjennoon kuni hin geeddaramnetti manni maree duraanii waan deebi'ef jechuuf qofa sababa jalqabbii waraanaa ta'u hin danda'u,'' jedha.

Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa torbanoota muraasa gidduutti adeemsifamuuf qophaa'aa jirti.

Kunis, mootummaa ko'oomsa yaada jedhu qaba Daani'el.

''Dabalataan, mootummaan federaalaa filannoof qophaa'aa jira. Dhimma kanaaf xiyyeeffannoo jabaa kennuu hin danda'u.

''Filannoon nagaan raawwachuu barbaaduu, haalli qaxanaa roga akka isaanii qabatu waan barbaadaniif dhimmoota kanatu tarkaanfii waraanaa murteessa malee manni maree Tigraay deebi'uu miti.''

Gama kaaniin, Ameerikaan Ertiraa waliin hariiroo qabdu fooyyessuuf sosso'aa akka jirtu gabaafameera.

Yoo kuni hojiitti mul'ate sochii siyaasaafi ji'opolotikaa naannichaa jijjiiruu danda'a jedhu xinxaltoonni.

Sababni isaa mootummaan TPLF fi Ertiraan waliin dalaguu jechuun waan himatuufi.

Gama kaaniin, Pirezidant Taaddasaan ibsa fuula feesbuukii waajjira isaaniin baasaniin isa Dr Dabratsiyoon walgahiin kaabinee eegalamuu ibsan " guyyaa karaa balaafamaan itti eegalame" akka godhu ibsuun hubachiisan.

"Balaa sababa kanaan dhalatuuf kan itti gaafatamu humna aangoo bulchiinsa yeroo humnaan qabate akka ta'e ibsuun barbaada" jechuun akeekkachiisan.

Leet. Jeneraal Taaddasaan balaa sababa tarkaanfii kanaan "balaa" dhufu kan jechuun akeekan maal akka ta'e ergaa isaanii keessatti hin ibsine.

Pirezdantiin bulchiinsa yeroo kun torbee darbe yuutuubii Riyoot jedhamurratti yaada kennaniin mootummaan federaalaa jidduu seenuu akka danda'u dubbatanii ture.

Garuu, mootummaan federaalaa akka tarkaanfii akka fudhatuuf ofii waamicha akka hin goone ibsan.