Taphataan Maanchister Yuunaayitid Buruunoo Fernaandez erga bara 2020 kilebicha galee waancaa Piriimer Liigii ykn Shaampiyoonsi Liigii mo'achuutti dhiyaatee hin beeku.
Garuu gahumsi isaa bara dorgommii hundayyuu gadi bu'ee hin beeku. Erik teen Haag jalatti waancaa FA fi Karabayoo Kaappii mo'ateera.
Bara kana sadaffaan yoo xumuran sadarkaa gaarii erga inni kilbicha galee itti xumuranidha.
Erga Siir Aleeksi Fergusan bara 2013 soorama bahanii as taphaa cimaa kilebichi mallatteesise jedhame.
Fernaandez ji'a Onkoloolessaa keessa yeroo dubbate, ''waancaa baay'ee waan mo'ateef qofa taphataan tokko isa kaan hunda caala jedhee hin amanu. Taphataa badhaasa Ballon d'Or mo'ate yeroo hundaa taphattoota kaan hunda caalaa cimaadha jechuu miti'' jedhe.
''Waancaawan mo'achuu nan barbaada. Wantoota gaggaarii baay'ee kileba kana godheen yaadatamuun barbaada.Rikardii dhuunfaakoo osoo hin taane waancaa kileba kanaaf mo'achuun barbaada.''
Bara kana Fernaandez rikardii galchii mijeessanii kennuu Heenerii fi Keevin De Biruuniin qabame qixxaachuuf tokko qofatu isa hafe.
Dabalataan carraa taphataa cimaa bara kanaa tahee filamuu guddaa qaba.
Fernaandez taphattoota akka Deklaan Raayis fa'a caaluun badhaasicha mo'ate.