Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lubni Guddinaa Tumsaa Boojjii Dirmajiitti siidaan isaanii eebbifame eenyu?
Siidaan Luba Guddinaa Tumsaa Lixa Oromiyaatti ijaarame bakka maatiifi keessummoonni argamanitti eebbifame.
Godinni Wallagga Lixaa fi Faawundeeshiniin maqaa isaaniin mogga'e akka beeksisetti, siidaan duree amantaafi qabsaa'aa mirgaa turan kuni Aanaa Boojjii Dirmajii magaalaa Biilaatti ijaarame.
Intalli Luba Guddinaa, Aaddee Leensaa Guddinaa eebba kanarratti argamuun ergaa dabarsaniin 'namni seenaa dalage du'us seenaan isaa akka leellifamu' dubbachuun isaanii gabaafameera.
''Dhaloonnis waan gaarii saba isaatiif hojjetee ijaarsaafi guddina biyya isaatiif gatii kaffaluu qaba,'' jechuu isaanii Kominikeeshiniin Godina Wallagga Lixaa ibseera.
Faawundeeshiniin Guddinaa Tumsaa ibsa baaseenis Aadde Leensaan sagantaa kanarratti ''siidaan kuni afaan qaba, ni dubbata,'' jechuu isaanii ibse.
Lubni Guddinaa namoota barnoota ammayyaafi amantaa barachuun mirga hawaasaa dura aantummaan gaafachaa turan keessaati.
Mootummaan Dargii Lubni Guddinaa Tumsaa Adda Bilisummaa Oromoo wal ta'un diddaa siyaasaa keessa seenan jedhee himata.
Sababa kanaan si'a lama erga isaan hidhee dararee booda isa sadaffaarratti butee achi buutee dhabamsiisuu ragaaleen adda addaa himu.
Lubni Guddinaa garuu himannaa siyaasaa isaanirratti ka'u kana ni waakkatu.
Luba Dr Bantii Ujuluu Teessoo akka fakkeenyaatti Baaroo Tumsaa, Luba Guddinaa Tumsaa, Obbo Leenco Lataa fi warreen kaanis, "baratanii erga of baranii booda, eenyummaa isaanii gaafachuu, hacuuccaa Oromoorra gahaa ture qolachuuf carraaquu eegalani," jechuun kana dura BBC'tti dubbatanii turan.
Bulchaan Godina Wallaggaa Lixaa Obbo Taliilaa Tarrafaa Lubni Guddinaa ''gootummaa sabboonummaan leellifame'' nu barsiisan jechuun eebba kanarratti dubbachuun ibsameera.
Kana dura siidaan Luba Guddinaa Tumsaa Mana-Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Haromaayaa keessatti ijaaramees ture.
Sirna eebba siidaa kanarratti maatii Luba Guddinaa, hogganoota aanaafi godinaa akkasumas Naannoo Oromiyaarraa dhufaniifi hawaasni naannichaa argamuu ibsameera.
Lubni Guddinaa eenyudha?
Lubni Guddinaa Tumsaa Silgaan bara 1929 Boojjii bakka Karkarroo jedhamutti dhalachuu isaanii ragaaleen ibsu.
Barnoota amantaafi amayyaa Mana Barnootaa Miishinii Siwiidiin Najjoo argamutti akkasumas Naqamteetti imaluun barataniiru.
Mana barnootaa sadarkaa lammataa barachuuf garuu galii gahaa waan hin qabneef Hospitaala Tafarii Mokonniinitti biqiltuu kunuunsuun dalaganiiru jedha seenaan isaanii Lutheran Forum irratti barraa'e.
Bara 1960 keessa gara yunaayitid Isteet, Minesotaa imaluun barnoota amantaan sadarkaa digiriin Luther Seminary'tti barataniiru.
Lubni Guddinaan paastarii ta'un bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti tajaajiluun dabalataan Barreessaa Olaanaa Waldaa Makaana Iyyeesuus Itoophiyaa ta'un tajaajilaniiru.
Kanneen Adda Bilisummaa Oromoo hundeessan keessaa tokko kan ta'an Obbo Baaroo Tumsaaf obboleessa kan ta'an Lubni Guddinaan bara mootummaa Dargii ajjeefaman.
Bara 1979 ajjeefamuu isaanii dura si'a lama mootummaa Dargiin hidhamanii qoratamanii gadhiifamaniiru.
Isa sadaffaan magaalaa Finfinnee Waldaa Makaana Iyyeesuus naannoo Uraa'el argamu keessaa to'atamuu barruun Lutheran Forum ibsa.
Tajaajila booda haadha warraa isaanii Aadde Tsahaay Tolasaa waliin namoota uffata waraanaa hin uffanneen qabamuutu ibsame.
Haati warraa isaanii osoo hin turin qarqara magaalaatti gadhiifamanis isaan garuu achi buuteen isaanii waggaa 12 oliif dhabame.
Bara mootummaa Dargii dureewwan Mana Kiristaanaa Ortodoksii, Musliimaa, qabsaa'ota, dargaggootaafi kaan hedduun haala suukaneessaan ajjeefamaniiru.
Mootummaan Dargii kufee mootummaan ADWUI bara 1991 yeroo aangootti dhufu namuu maatiifi firaa isaa achi buuteen dhabame barbaaduu eegale.
Jalqaba bara 1992 Paatiriyaarkii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa Abuuna Tewofiloos, hoogganaan Muslimoota Itoophiyaa Sheek Taayye Mashashaa mootummaa Dargiin ajjeefamuu miidiyaaleen gabaasuu eegalan.
Mootummaan Cee'umsaa Itoophiyaas Lubni Guddinaa Tumsaa mootummaa Dargiin bara 1979 ajeefamuufi Finfinnee naannawa Kaasaa Gibbii jedhamutti owwaalamuu isaanii ibse.
Bara itti ajjeefaman malee guyyaan itti ajjeefaman hin beekamu.
Achi buuteen isaanii dhabamee waggoota 13 booda reeffi isaanii bakka dhoksaan owwaalameetii qotamee bahee ajjeefamuun isaanii mirkana ta'e.
Siidaan maaliif, eenyuuf dhaabbata?
Qaroomina Masirii-Afrikaatii hanga kan Indiyaa-Eeshiyaatti, Awurooppaa irraa ammoo kan warra Giriikiifi Roomaa duriitti siidaan sababa gara garaatiif ni ijaarama jedhu qorattoonni seenaa.
Seenaa yaadachuufi siyaasa qajeelfachuu, fakkii waaqotaa tolfachuufi mootii akka waaqaatti fakkeessuu dabalatee, siidaan kaayyaa gara garaaf ijaaramaa tureera; ijaaramaas jira.
Sababiiwwan siidaan itti ijaaramuuf keessaa tokko, namoota hawaasa keessaa bahaniif hojii gurguddaa hojjetan; kanneen uummatarraa diina ittisan, kanneen uummataaf beekumsa addaa fiduu ykn waan namni kaan gochuu hin dandeenye warra ummataaf hojjatan ittiin yaadachuuf dhaabbata jedhu hayyuun Seenaa Tasfaayee Tolasaa (PhD).
Yeroo siidaa dhaaban ammoo namichuma yaadachuuf qofa osoo hin taane dhalooti har'aa achirraa ilaalee akka jabaatee waan garii hojjetu argisiisuufidha.
Siidaan mallattoo yaadannooti kan jedhan Dr. Tasfaayeen, namoota haala rakkisaafi mijataa hin taane keessatti waan gurguddaa hojjetan ittiin yaadachuuf ni dhaabbata jedhu.
Siidaafi seenaan wal keessa jiru kan jedhu Dr. Tasfaayeen, siidaan seenaa qorachuun ijaarama ykn siidaadhumtiyyu ofiisaatiif seenaa hima, jechuun walitti dhufeenya siidaafi seenaan qaban dubbatu.