Dhaabbilee boba'aa hanga baankotaa- kaampaanota waraana Iraan irraa biliyoonota buufatan

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Uummanni addunyaa mana manaa isaa keessaa sababa waraana Ameerikaa- Israa'elii fi Iraan jireenyi itti qaala'ee rakkinarra bu'eera.

Kaampaanonni tokko tokko ammoo sababa waraana kanaa biliyoonota buufatan lakkaa'u.

Hulaan Hormuuz cufamuun qaala'insi jireenyaa akka dabalu taasisuun baajata maatii, mootummaa fi dhaabbilee kaanii rukte.

Dhaabbileen kaan garuu bu'aa kana dura argatanii hin beekne argatan. Gatii boba'aa dabaluu isaan dhaabbileen bu'aa guddaa argatan hedduudha.

Yeroo waraanni Baha Gidduugaleessaa hammaataa deeme ji'oota sadan darbanitti isaan kunneen bu'aan isaani sami tuqe.

1. Dhaabbilee boba'aa fi gaazii

Waraanni Iraan kun erga jalqabee dhiibbaa dinagdee inni geesise inni guddaan gatiin aannisaa dabaluudha.

Boba'aa fi gaaziin addunyaa harka shan keessaa harka tokko tahu karaa Hulaa Hoormuuz kana darba. Garuu erga ji'a Guraandhalaa s hulaan kun cufamuun dhiibbaa guddaa fide.

Gatiin boba'aa takka dabalee takka hir'ataa ture. Dhaabbileen boba'aa fi gaazii dhiyeessan as keessa bu'aa guddaa argataniiru.

Isaan baay'ee fayyadaman ammoo dhaabbilee dhiyeessii boba'aa Awurooppaa gurguddoo, yoo tahan isaan daldala boba'aa irraa bu'aa guddaa argataniiru.

Bu'aan dhaabbata BP ji'a sadii keessatti dachaan kan dabale yoo tahu, Doolaara biliyoona 3.2 argate.

Dhaabbatichi hojii adda tahe jechuun bu'aa isaa kana ibse.

Dhaabbanni Sheel jedhamu isa xiinxaltoonni tilmamanii ol buufate. Ji'a sadiitti bu'aan isaa doolaara biliyoona 6.92 ture.

Dhaabbanni guddaan biraa 'TotalEnergies' jedhamu bu'aan isaa dachaa sadiin dabaluu ibse.

Kurmaana jalqabaa bara 2026 keessa bu'aan isaa doolaara biliyoona 5.4 gaheera.

Dhaabbileen akka ExxonMobil fi Chevron jedhaman ammoo isa bara darbee gadi argatan. Sababni isaa ammoo dhiyeessii Baha Gidduugaleessaa argatantu jalaa jeeqame.

Akkasis tahee garuu bu'aa duraan ogeessonni tilmamanii ol argataniiru.

2. Baankota gurguddoo

Yeroo waraana Iraan bu'aan baankotaa tokko tokkos akka malee guddateera.

JP Morgaan ji'oota sadan jalqabaa bara 2026tti bu'aa doolaara biliyoona 11.6 argatan.

Baankichi seenaa isaa keessatti galii akkasii yeroo lama qofa galmeesse.

Baankota gurguddoo jaha kaan Banks of America, Morgan Stanley, Citigroup, Goldman Sachs fi Wells Fargo bu'aan isaanii jalqaba bara 2026 akka malee guddate.

Ji'oota sadan jalqaba 2026tti baankonni bu'aa Doolaara biliyoona 47.7 argachuu gabaasan.

Sababni isaa ammoo daldala gaggeeffame irraa galii guddaan argamuu yoo tahu abbootiin qabeenyaa daldala istook maarketii balaa qaburra maallaqa isaanii gara baankii geessuudhaan kan argamedha.

3. Damee Ittisaa

Yeroo waraanni jalqabu dafee kan bu'aa guddaa argachuu jalqabu damee ittisaati jette Emilii Sawiz, RSM UKtti xiinxaltuu kan taate.

''Walitti bu'insi yeroo jalqabu hanqina gama ittisa qilleensarraa furuuf hojiin hojjetama. Ittisa misaa'elaa, sirna farra diroonii fi meeshalee waraanaa irratti invast gochuun haalaan dabala.

Dhaabbilee akkasii keessaa BAE Systems kan jedhamu isa tokko. Kun kaampaanii Ameerikaa qaama xiyyaara waraanaa qaalii tahan akka F35 kan hojjetudha. Bara kana kaampaanichi gurgurtaa irraa bu'aa guddaa argateera.

sodaan nageenyaa addunyaarra jiru akka mootummaan humna ittisaa irratti baajata guddaa ramadu godheera. Kun ammoo kaampaanota meeshaalee ittisaa oomishaniif bu'aa guddaadha.

Kaampaaniin 'Lockheed Martin' Booyingi fi Noorzroop Giruuman addunyaa irratti kaampaanota gurgoddaa jalqabaa meeshaalee waraanaa oomishanidha.

4. Aannisa haaromsamaa

Waraanni kun waan addunyaatti agarsiise keessaa tokko madda aannisaa boba'aa irratti qofa hirkachuu akka hin qabnedha.

Kun madda aannisaa haaromfamaaf fedhiin jiru akka dabalu taasiseera. Ameerikaa keessattiyyuu fedhiin kun dabaleera. Inumaa Tiraamp pirojektii kana ni morma ture.

Ameerikaa keessaa kaampaaniin Filooridaa keessaa NextEra Energy jedhu sheeriin ykn qoodni isaa %17 guddate.

Kaampaaniin Deenmaark Vestas and Orsted jedhamu bu'aa guddaa argachuu gabaase.

UK keessaa dhaabbanni aannisaa Oktopus jedhamu waraanni Iraan gurgurtaan meeshaalee soolaarii akka dabalan taasise jedhee BBCtti hime. Kunis xumura ji'a Guraandhalaa irra akka %50 dabalu taasiseera.

Gurgurtaan konkolaatota elektirikiin hojjetanis akka malee dabale. Kanaan ammoo kaampaanota Chaayinaatu hedduu buufate.