Wantoota samiirra bololi'anii fi ifa samii: Ragaaleen Peentaagon gadhiise waa'ee UFO maal nutti hime?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ragaaleen Peentaagon waa'ee UFO gadhiisee waan kana dura dhagahamii hin beekne ibse. Kunis waan namoonni siivilii lafarraa fi astiroonomeroonni jedhanii ibsan qabata.

Ragaaleen waggootaaf dhokfamanii turan akka maxxanfaman Doonaald Tiraamp ajajan jennaan Jimaata kaleessaa maxxanfaman.

''Fedhii guddaan baruuf waan jiruuf'' ragaalee kanneen nan gadhiisa jedhee Tiraamp waggoota darban keessa dubate.

Uummanni Ameerikaa waa'ee lubbuu qabeessa samii keessa jira jedhamee kana baruuf fedhii guddaa horateera.

Kongireensiin Ameerikaa waggoota 50 booda waa'ee UFO irratti ibsa kenname dageeffatee ture.

Humni waraanaa Ameerikaa icciitii lubbuu qabeessa jira jedhamee fi samii keessa socho'a jedhamee kan ifoomsa jechuun waadaa galee ture.

Ragaaleen waa'ee UFO qabatan 161 marsariitii humna waraanaa Ameerikaa irratti argamu. Kaanis sichi gadhiifamu jedhamee eegama.

Ragaaleen kunneen akka gadhiifamaniif fedhiin jiru akka dabalu kan gdhe ammoo Guraandhala darbe Obaamaan wantoonni nama fakkaatan 'aliens' ykn UFO jiraachuun ''dhugaadha'' erga jedheeti.

Obaamaan yaada kenne irratti wantoonni lubbuu qaban samii kana keessa jiru. Garuu ''ragaa kana mirkaneessu hin argine'' jedhe.

Ani garuu isaan hin argine'' jedhe. Wantoonni adda hin baafamiin samii kana keessa socho'an 'unidentified aerial phenomena (UAP)' fi 'unidentified flying objects (UFOs)' jiru jedhama.

Ragaaleen Jimaata gadhiifaman yaadannoo humni waraanaa waa'ee wantoota kanaa irratti waggoota baay'eef qabatee ture, ergama imala gara ji'aa Appooloo fi namoota UFO ijaan argineerra jedhan qabata.

UFO fi UAP kanneen jedhaman kunneen lubbu qabeeyyii lafa kanarraan ala socho'anidha jedhama.

Astiroonomeroonni Appooloo waa'ee ifa samii keessaa maal jedhan?

Sanadoonni amma gadhiifaman barreeffama astiroonomeroota ergama Appooloo irra bara 1960 fi 1970 keessa turan Appooloo 11, Appooloo 12, fi Appooloo 17 qabate.

Astiroonomerii beekamaa Appooloo 11 Buuz Aldriin, bara 1969 yeroo yaada kenne imalakoo gara Ji'aatti yeroon taasisu wantoota ibsuuf ulfaatan argaan ture jedhe.

Samii keessa osoo imalarra jiranii ifa adda tahe tokko argine jedhe.

Astiroonomeriin gara biraa Ergama Appooloo 12 irra turee fi ji'a irra adeeme Alan Biin, paartikilootaa fi ifa ''samii keessa qaxxaamuran arge'' jedhe.

Paartikiloonni sun waan ji'a jalaa miliquuf imalan fakkaatu jedhe.

Astiroonomeroonni lama gara biraa Appooloo 17 irra turan bara 1972 ifa samii keessaa adda tahe tokko argine jedhan. Astiroonomerri Jaak Shimit jedhamu ifni argine kan cabbiin ofirraa balaqqisu fakkaata jedhe.

Akkasumas bara 1965 xiyyaar samii Geminii 7 jedhamuun gara hawaatti balali'an astiroonomerri Firaank Boomaan jedhamu to'attoota lafa jiran waliin yeroo dubbatu wantota hin beekamne inni ''Bogey'' jedhee waame akka argaa jiru hime.

Sagaleen isaa waraabamee ture. Bitaa xiyyaar-samii keenyaan ''paartikiloota tiriliyoona tahan'' argaa jirra jedhe.

Wantoota bololi'an ifarraa ka'an

Waggoota dheeraaf icciitii tahuun kan turee fi namni hunduu haasa'aa ture waa'ee wanta hin beekamiin samii keessa bololi'uuti. UFO ykn UAP.

Ragaan tokko akka agarsiisutti namni tokko bara 1957 FBItti yoo himu waan akka konkolaataa geengoo fakkaatu guddaan tokko lafarraa ol ka'e jedhe.

Akkasumas gaaffiif deebii Fulbaanaa fi Onkoloolessa 2023 keessa kennameen lammiileen Ameerikaa waan akka sibiilaa tokko ifa tokko keessaa yeroo bahu argineerra jedhan.

Buufataalee waraanaa Iraaq, Sooriyaa fi UAE

Ragaaleen amma gadhiifaman waa'ee UFO viiidyoo humna waraanaa Ameerikaa Baha Gidduugaleessaa tureen fudhatames qaba.

Kun bara 2022 keessa kan waraabame dabalateeti. Viidiyoon humna waraanaa Ameerikaa Iraaq, Sooriyaa fi UAE jiruun waraabame ''wantoota hin beekmnee fi deebii hin arganne'' jedhe qabateera.

Viidiyoon bara 2022 Baha Gidduugaleessaa keessatti waraabame tokko wanta bocni isaa akka oovaalii tahe tokko agarsiisa.

Miseensi Koongireensii Tiim Burcheet jedhamu, UFO kana irratti mootummaan akka iftoomina qabaatuuf gaafataa ture.

Sanadoota jiran Peentaagon gadhiisuu isaa akka tarkaanfii gaarii tokkootti fudhate. Garuu gahaa miti jedhe.

Miseensonni koongireensii kaanis ragaaleen kunneen uummataaf qoodamuutti gammaduu himaniiru.