Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Iraan doonii waraanaa US irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessite, Ameerikaan ammoo magaalota Iraan rukkutte

Ajajni Giddugaleessaa Waraana US, “humni Ameerikaa haleellaa Iraan sababa tokko malee irratti bante qolachuun ibsi. Haleellaan Iraan wayita Humni Galaanaa US meeshaa misaa’ela barbadeessu karaa Ulaa Hormuuz gara Galoo Galaanaa Omaanitti Caamsaa 7 dabarsaa jiru kan irratti banamedha.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan, Ameerikaa 'of jaja waraanaa akka feetee oofti' jechuun qeeqxe

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii Ameerikaa yeroo mara "wayita furmaanni dippilomasii banaa" ta'ee jirutti "of jaja agarsiisa waraanaa" filannoo biraa gooti jechuun qeeqan.

    Iraan "gonkuma humnaan hin jilbiiffattu", jedhan Abbaas Araagchii fuula X, irratti yaada Ulaa Hormuuz keessatti haleellaa walirratti banuurratti walhimatanii oolee guyyaa tokko booda.

    "Kun tooftaa hamaa dhiibbaa uumuuf yaadame ta'innaa?" jechuun gaafatu. "Moo bu'aa namoota summii facaasaniin butame pirezdantiin US?" jechuun gaafatu.

    Haleellaa Hormuuz keessatti godhamus, garuu waliigalteen dhukaasa dhaabuu akkasumatti jira jedhe Tiraamp.

    Kun waraana dhaabuuf marii itti fufuuf fedhiin jiraachuu akeeka.

    Iraan ammallee yaada karoora marii Ameerikaan Jimaata dhiyeessiterratti deebii yaada akka kennitu isheerraa eegama jedhan Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo.

    "Abdiin qaba, waan jabaa dhiyeessine, dhuguman jedha," jedhan Ruubiyoon Itaalii wayita daawwachaa turanitti yaada kennaniin.

    Kamisa, Ajajni giddugaleessaa US (Centcom) Iraan misaayeloota, diroonota fi bidiruu xixiqqaan, dooniiwwan waraanaa US sadittin dhukaasuu himate. "Sababa malee haleellaa baname" jedheen.

    Ajajni olaanaan waraanaa Iraan immoo Ameerikaan taankaroota boba'aa fi dooniiwwan ishee Ulaa Hormuuz keessa yaa'an haleeluu fi haleellaa qilleensaa handaara galaanaa isheetti raawwachuu himatte.

  2. 'Puutiin gamtaa Awurooppaa waliin haasawuu ni fedha garuu ofii hin jalqabu' - Kireemliin

    Pirezdantiin Raashiyaan Vilaadimir Puutin awurooppaanota dabalatee "eenyu waliinuu" mari'achuuf qophii dha jechuun Kireemliin beeksise.

    Oduun kun kan bahe Financial ‌Times hoggantoonni Gamtaa Awurooppaa mariidhaaf qophii ta'uu isaa gabaasee booda.

    The Financial ‌Times kamisa gabaasa isaatiin Gamtaan Awurooppaa waraana Yukireen dhaabuuf adeemsa tana dura pirezdantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp eegalerraa abdii kutuun karaa biraan Raashiyaa faana mari'achuuf kaka'umsa horachuu barreesse.

    Pirezdantiin Mana Maree Gamtaa Awurooppaa Antooniyoo Koostaa hireen gamtichi Puutin waliin mari'achuu ni jira jedhan. Gamtichi mariin kun akka eegalamu pirezdantii Yukireen Volodimir Zeleniskii deeggaraa turuu ibsan.

    "Puutiin eenyu waliinuu mari'achuuf qophii dha. Kana irra deddeebiin dubbachaa tureera" jedhan dubbii himaan Kireemliin Dimitirii Peskoov gabaasa The Financial ‌Times irratti Rooytarsiif yaada kennaniin.

    "Awurooppaanonni gara fuulduraatti deemuu feenan nuti gama keenyaan qophii dha. Haa ta'uu malee Puutin irra deddeebiin akka himetti, warri Awurooppaa yoo ejjennoo fudhatan nuti kaka'umsa keenyan jara hin qunnamu."

    Raashiyaan kaka'umsi mari'achuu mootummaa Awurooppaa irraa dhufuu qaba jetti.

    "Ejjennoon Raashiyaa awurooppaarraa hariiroo adda kutuu miti" jedhe Peskoov.

    "Kun yaada Biraasils fi magaala wayii awurooppaa irraa dhufe dha. "Awurooppaanonni Raashiyaan waraana Yukireen keessatti mo'amuu qabdi jedhanii,. Puutinis yakkamaa waraanaa fi abbaa irree yeroo wayii biyya miseensa NATO haleeluu danda'u jechuun murteessaniiru. Raashiyaan himannaa kana waan hiika hin qabne jetteen.

    Puutiin Guraandhala 2022 Yukireen irratti waraana banee ka'ee , humnoota Awurooppaa warra lola kaasan Yukireen immoo dolaara biliyoonota kurnan hedduu baasuun meeshaa waraanaa fi odeeffannoon deeggaran jechuun himate.

  3. Iraan dhaabbata mootummaa dooniiwwan Ulaa Hormiirraan darban to'atu hundeessite

    Haleellaa Ameerikaafi Israa’el irratti raawwataniin booda Ulaa Hormuuz kan cufte iraan, aangoo to’achuu Ulaa kanarratti qabdu seera qabeessa akka ta’u gochuuf carraaqqii taasiftu itti fufteetti. Kanaan dura wixinee seeraa dooniiwwan karaa Ulaa kanaa darban ittiin qaraxuu dandeessu akka qapheessite ibsamee ture.

    Ammammoo ejensii mootummaa imala karaa Ulaa kanaa taasifamuuf hayyama kennuufi kaffaltaa sassaabu hundeessuu ishee ‘Looyidis Liist Intelijen’ jedhu daataa imala doonii hordofu beeksisuu isaa Assoosheetid Pireess gabaaseera.

    Dhaabbanni mootummaa Iraan ijaarte kun ‘Abbaa Taayitaa Ulaa Galoo Galaanaa Faares” jedhameera.

  4. Hormuuz waan cufateef dooniiwwan 1,500 karaa darbaa dhabanii ji'ootaaf bakka jiran dhaabbachaa jiru

    Sababa dhorkaa Iraan Ulaa Hormuu irra keesseen dooniiwwan fe’umsaa 1,500 ta’aniifi hojjetoonni galaanarraa 20,000 ta’an karaa darbaa dhabanii Galoo Galaanaa Faarse keessatti akka argaman Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa Biyyoota Gamtoomanii beeksise.

    Barreessaan olaanaa dhaabbatichaa Arseeniyoo Doominiigeez, “yeroo ammaa kana dooniiwwan 1,500 ta’aniifi hojjetoonni galaanarraa karaa darbaa dhabanii rakkachaa jiru,” jechuun hojjettoonni doonii kunneen dhimma humna isaaniitiin ol ta’eefi isaan hin ilaallanneef rakkoo keessa jiru jedheera.

    Waraanni Baha Giddugaleessaa keessatti gaggeeffamu jalqabuu hordofee sababa yaaddoo nageenyaa karaa omishini boba’aa addunyaa guddaa ta’e darbu, Ulaa Hormuuz, keessa dooniiwwan fe’umsaa socho’uu waan hin dandeenyeef bakkuma jiran dhaabbatanii amma ji’oonni lakkaa’amaniiru.

    Jalqaba torban kanaa Ameerikaan dooniiwwan karaatti rakkatan akkaataa ‘ajjabuun’ [dabaaluun] Ulaa Hormuuz keessa dabarsuun danda’urratti duula jalqabdee turtullee guyyaa tokkoon booda haqxeetti.

    Marii jaarsummaa Paakistaaniin gaggeeffamaa jiruun Irana yaada waraana dhaabuufi Ulaa Hormuuz banuurratti Ameerikaan dhiyeessite ilaalaa jiraachuun ishee gabaafameera.

  5. Pirezidantiin Iraan hogganaa waliigalaa biyyattii mul'atanii hin beekne waliin mariyachuu hime

    Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshikiyaan erga hogganaa waliigalaa biyyattii ta'ee ergaa barreeffamaan dabarsuun ala hanga ammaatti ifatti mul'atee kan hin beekne Mojtaabaa Kameenii waliin mariyachuu isaa dubbate.

    Pirezidantiin Iraan kun hogganaa waliigalaa biyyattii waliin wal argee "sa'aatii lamaafi walakkaa" waliin mariyachuu isaa ibsuun yeroofi bakka itti argee mariyate beeksisuu irraa of qusateera.

    Masuud Pezeshkiyaan marii Mojtaabaa Kameenii waliin taasiseen "tasgabbiifi ogummaa" hogganaa waliigalaa Eegduu Warraaqsa Islaamaa Iraan irratti arguu isaa ibseera.

    Haleellaa waloo guyyaa jalqabaa Ameerikaafi Israa'el banaaniin kan ajjeefame abbaasaa bakka bu'uun torbaniin booda aangoo abbaasaa kan fudhae Mojtaabaa Kameenii erga Rippabliki Islaamaa Iraan hundeeffamee hogganaa waliigalaa sadaffaadha.

    Odeeffannoo kanaan walqabatan biroof:

  6. Tiraamp Hormuuz keessatti walitti dhukaasuun turellee waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan ammallee hin diigamne jedhe

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp erga lamaan isaanii Kamisa waaree booda Ulaa Hormuuz keessatti walitti dhukaasaa turanii booda waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan gidduu jiru ammallee hojiirra jira jechuun dubbate.

    Lamaan isaan keessaa eenyu akka jalqaba dhukaase ifa miti.

    Ajajaan waraanaa olaanaa Iraan US taankerii boba'aa Iraaniifi doonii biraa gara Ulaa Hormuuzitti deemaa jirurratti xiyyeeffachuun magaalota qarqara galaanaa bakka baayyeerratti dhukaasa bante jechuun himate.

    US ammoo haleellaa Iraan Humna Galaanaa US meeshaa misaa'ela barbadeessu Ulaa sana keessa dabarsaa turerratti dhukaasa waan banteef "ofirraa ittisuuf akka haleellaa bananan" ibsiti.

    Iraan "har'a nu biratti salphattee mul'atte" jedhe.

    Walitti dhukaasuun kun ministeerri dhimma alaa Iraan yaada waraana kana dhaabuuf US dhiyeessite ilaalaa jirra jedhee guyyaa tokkoon boodadha.

    Mallattoo dabalataa dhukaasa dhaabuun kun kan itite akka hin taane agarsiisu ammoo, Jimaata ganama Ministeerri Ittisaa Yunaayitid Arab Emireetis ittisi qilleensaa isaa haleellaa misaa’elaa fi diroonii Iraan irraa dhufan ''qolachuutti bobba'eera'' jedheera.

  7. US haleellaa dooniiwwan humna galaanaa isheerratti Iraan raawwatte jetteef deebii kennuu ibsite

    Ajajni Giddugaleessaa Waraana US, “humni Ameerikaa haleellaa Iraan sababa tokko malee irratti bante qolachuun ibsi. Haleellaan Iraan wayita Humni Galaanaa US meeshaa misaa’ela barbadeessu karaa Ulaa Hormuuz gara Galoo Galaanaa Omaanitti Caamsaa 7 dabarsaa jiru kan irratti banamedha.

    "Humnoonni Iraan misaa'ela hedduu, diroonii fi bidiruu xixiqqoon yeroo USS Truxtun (DDG 103), USS Rafael Peralta (DDG 115), fi USS Mason (DDG 87) daandii galaanaa idil-addunyaa keessa darbanitti ture kan dhukaasa banan. Qabeenyi U.S. tokkollee hin rukutamne."

    "Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) yaaddoo itti dhufe dhabamsiisuun bakka misaa'eloonniifi dirooniiwwan irraa dhukaafaman, wiirtulee ajajaafi intelejensii dabalatee humna waraanaa Iraan irratti xiyyeeffachuun deebii kenneera."

    "CENTCOM dubbiin akka hammaatu hin barbaadu garuu humnoota Ameerikaa eeguuf ejjennoo fi qophiidha."

    Odeeffannoo biroo dabalataaf:

  8. YOOYYAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Toora odeeffannoo kallattiin isin biraaan geenyu Caamsaa 8, 2026 jalqabneerra.

    • Biyya ​​Islaamaa Nikulera hidhatte, akka riqichaatti addunyaa tajaajilaa jirtu Paakistaan
    • Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, Facebook fi WhatsApp ni argattu
    • US haleellaa dooniiwwan humna galaanaa isheerratti Iraan raawwatte jetteef deebii kennuu ibsite
    • Israa'el ajajaa garee Hizboollaa 'Radwan Force' jedhamu irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
    • TPLF himata mootummaa federaalaa 'naannicha gooluuf waraana Sudaan waliin tumsaa jira' jedhuuf deebii kenne

    Kenneen jedhaniifi kaan gola addunyaa kamirraa battalatti isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!