TPLF himata mootummaa federaalaa 'naannicha gooluuf waraana Sudaan waliin tumsaa jira' jedhuuf deebii kenne

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Gareen TPLF ibsa Ministirri dhimma alaa Itoophiyaa tibbana baase ilaalchisuun Roobii kaleessa (Caamsaa 06, 2025) deebii kenneen himata "bu'uura hin qabne" jechuun kuffise.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Kibxata darbe ibsa himata mootummaan Sudaan irratti dhiyeesseef wayita deebii kennu, '' TPLF gaanfa Afrikaa gooluuf waraana Sudaan waliin tumsaa jira'' jechuun himatee ture.

''Mootummaan Itoophiyaa hariiroo uummattoota biyyoota lameenii eeguuf jecha, yeroo waraanni waliinii Sudaan gaggeeffamutti garee daangaa Itoophiyaa cabsanii seenuun gocha badii fi hammeenya raawwatan saaxiluurraa of qusate'' jedhe ibsi Ministeera dhimma Alaa Itoophiyaa.

Yakki daangaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffamu kunis karaa ''ergamtoota TPLF'' akka raawwatamu eere

Waraanni Sudaan TPLF ''ergamtoota'' meeshaalee waraanaa fi maallaqaan tumsuun kutaa Itoophiyaa gara lixaa keessa akka socho'an haala mijeesseeraaf jedhe.

Ibsa isaa keessatti TPLF himata mootummaa federaalaa kan ''naannicha tasgabbii dhabsiisuuf mootummaa Sudaan waliin wal tumsaa jira'' jedhu ''guutumaan guututti akka hin fudhanne'' beeksise.

"Himannawwan kunneen kan bu'uura kan hin qabne, itti gaafatamummaan hir'atuu fi odeeffannoo dogoggorsaan xiyyeeffannoo gara biraatti jijjiiruuf kan kaayyeffatedha'' jedhe.

"TPLF hojii tasgabbii naannoo miidhu kamiyyuu irratti hin hirmaanne, hin deeggarres" jechuun ofirraa ittise.

Garichi ibsa kana keessatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu Piriitooriyaa kan lola Tigraay waggoota lamaaf ture xumure kaasuun, ummanni Tigraay "lammiileen buqqa'an gara qe'ee isaaniitti nagaa fi kabajaan deebi'uu" dabalatee "hojiirra oolmaa guutuu waliigaltichaa obsaan eeggaa jira" jedhe.

"Humnoonni keenya, kanneen lixa Tigraay keessa jiran dabalatee, buqqaatonni karaa nagaa fi seera qabeessa ta'een gara qe'ee isaanitti akka deebifamaniif kutannoo qabna," jechuun eera ibsi TPLF kun.

'Haal-duree tokko malee mariif qophiidha'

Mootummaa bulchiinsa yeroo kuffisee, miseensota mana maree naannoo Tigraay filannoo mootummaan federaalaa seeraan ala jedhee kuffisee tibbana gara aangotti kan deebise TPLF ibsa isaa kaleessa kana keessatti marii taasifamu kamiifu haal duree tokko malee qophii ta'uu ibseera.

''Furmaata karaa nagaa fi mariin'' argamu kamuu keessatti hirmaachuuf qophii ta'uu gareen kun kan ibse.

Ibsi kun kan ba'e erga garichi waliigalteen Piriitooriyaa "motummaa federaalaatiin kufeera" jechuun manni Maree waliigaltee Piriitooriyaatiin fudhatama hin qabne aangotti deebisee booda.

Koreen Giddugalaa TPLF waggaa jaha dura filannoo naannicha keessa adeemsifame jedheen ''manni maree mootummaa Tigraay filatame gara hojii'' akka deebi'u murteessuu fi Dura Taa'aa garichaa Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el 'pirezidantii Tigraay' godhee filachuu tibbana beeksisee ture.

TPLF murtee kana kan beeksise mootummaan federaalaa waliigaltee Piritooriyaa booda bulchiinsa Mootummaa Yeroo kan hogganaan L/J Taaddasaa Warradaa turtii aangoo isaanii waggaa tokkoof erga dheeressee boodadha.

Garichi ibsa isaa kaleessa kanaan "qormaatileen ulfaatoo ta'an itti fufanis, karaa nagaa fi mariin furmaata argachuuf kutannoon qabnu garuu akkuma itti fufetti jira" jedhe.

Itti dabaluudhaanis, "Nagaa, tasgabbii fi hariiroo ijaarsaaf kutannoo hin raafamne qabaachuu keenya irra deebi'uun mirkaneessina" jedheera. Marii "haalduree tokko malee" taasifamuufis qophii ta'uu beeksise.

"Nagaa waaraa fi haqa qabeessa ta'e mirkaneessuuf haal-duree malee adeemsa marii amanamaa, hunda hammatee fi bu'aa irratti xiyyeeffate keessatti hirmaachuuf qophiidha" jedhe.