Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan keessatti eenyutu ajaja kennaa jira?
Erga Iraan haleellaa Israa'el fi Ameerikaaf saaxilamtee kaasee gaaffii ijoon deddeebi'ee ka'u eenyu akka biyyattii bulchuudha.
Amma deebiin gaaffii kanaa ifa jira. Haleellaa Guraandhala 28, 2026 raawwateen erga hoogganaa olaanaan Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii ajjeefamanii booda kan bakka bu'an ilmisaanii Mujtabaa Kaameenii ga'ee hoggansaa qabataniiru.
Biyya Rippaablika Islaamaa jechuun of waamtu kanaaf aangoon kun akkaan murteessaadha.
Hoogganaa olaanaan dhimma biyyattiif murteessaa ta'an hunda kanneen akka dhimma waraanaa, dhimmoota nagaa fi dhimma tarsimoo bulchiinsaa biyyattiirratti murtee dhumaa kennu.
Yeroo ammaa garuu caasaan kun daddaaqamaara.
Doonaald Tiraamp bulchiinsi Iraan ''burkutaa'eera'' jechuun ibsa.
Ameerikaan akka Iraan ''yaada qindaa'aa tokko'' dhiheeffatuuf eegaa jiraachuu dubbata Tiraamp.
Haata'u malee aanga'oonni Iraan kan Tiraamp jedhu kanarraa faallaa akka jiran ibsaniiru.
Erga Tiraamp qoqqoodamuu fi daddaaqama gidduusaanii jiru irratti dubbatee booda Kamisa darbe halkan ergaa tokkummaansaanii daran cimuu agarsiisu lammiilee biyyattii biraan ga'an.
''Yeroo ammaa Iraan keessa kan sirna duriitti cichu ykn hooggansi tarkaanfataan hin jiru. Qoqqoodamiinsi akkanaa hin jiru. Biyya tokko qofa turre. Adeemsa tokko qabna,'' ergaan jedhu bilbila lammiilee Iraan hunda ga'e.
Akkas gochuunsaanii dhuguma tokkummaa jabaan sammuusaanii keessa jiraachuu agarsiise.
Hogganaa hin mul'anne
Mujtabaa Kaameenii erga hoogganaa olaanaa Iraan ta'anii adda babayiitti uummatatti mul'atanii hin beekan.
Ergaawwan muraasa, fakkeenyaaf akka Ulaan Hormuuz cufamee turu labsuu dabalatee, barreeffamaan baasuurraan kan hafe hojii bulchiinsaa guyyuu raawwachuu qabanirratti hirmaanaan kallattiin mul'isan hin jiru.
Haleellaa US fi Israa'el jalqaba hooggantoota olaanoo Iraan irratti raawwatan keessa miidhamuunsaanii kan himamu Mujtabaa Kaameenii, dhimma kanarratti odeeffannoo kennuurraas of qusataniiru.
New York Times maddeen miidiyaa Iraan wabeeffachuun torbee kana keessa akka gabaasetti fuula isaaniirra miidhaa hedduun waan ga'e fakkaata.
Kun ammoo dubbachuurratti akka gufuu itti ta'uu hin oolle gabaasa kana keessatti tilmaamni kaa'ameera.
Hogganaa olaanaan kun fuulduratti mul'achuu dhabuun waan hedduu hir'isa.
Sirna siyaasaa Iraan keessatti aangoon ittiin jaarmiyaa ykn dhaabbata hoogganuuf qofa osoo hin taane hojii guyyuu kan raawwatus siyaasa.
Haleellaa US fi Israa'eliin kan ajjeefaman Ayaatollaa Alii Kaameenii kaayyoo fi fedhii isaanii dubbachuudhaan, sosocho'uun iddoowwan dhimmoonni ijoon jiranitti argamuu akkasumas bakka adda addummaan mudatutti jaarsummaan mul'isaa turan.
Ergaan haala sanaan darbu yeroo ammaa seenaa ta'ee hafeera.
Bu'aan waan kanaa ammoo qaawwaa uumeera. Qaamni bakka bu'ee ergaa dabarsu hanqina uumuu danda'a waan ta'eef.
Namoonni gariin Mujtabaa Kaameenii akka waraanni eegaleen waan aangootti dhufaniif aangoo fi to'annoo isaanii sirriitti jabeeffachuun qormaata itti ta'eera jedhu.
Kaan ammoo haleellaa irra ga'e irratti odeeffannoo ba'an eeruun qixa sirrii ta'een hojiisaanii gaggeessuu irratti gaaffii kaasu.
Hundaafuu akkaataan Iraan keessatti ajaji itti kennamaa jiru kan waraana duraa caalaa laafuun ni mul'ata.
Kun ajaja giddugala tokko irraa kennamutti qormaata ta'eera.
Balbala dippiloomaasii yeroo barbaadamu qofa banamu
Dippiloomaasiin Iraan mootummaa biyyattii cinaa kan dhaabbatuudha. Kan mootummaa tumsu jechuudha.
Ministirri dhimma alaa biyyattii Abbaas Araagchii Pirezidant Masuud Pezeshkiyaan jala kan jiran yoo ta'u, Tehraan bakka bu'uun Ameerikaan waliin mari'achuu itti fufaniiru.
Haata'u malee lameenuu yaada marii kana toora qabsiisu waan qabatanii dhihaataa jiran hin fakkaatan.
Jilli Iraan bakka bu'ee mari'atu Afa yaa'ii paarlaamaa biyyattii Mahammad Baagaar Gaalibaafiin durfamuunsaa garuu aangoosaanii gaaffii keessa galcheera.
Ga'een Araagchii kallattii kennuu caalaa waan itti kenname raawwachiisuu fakkaata.
Waa'ee Ulaa Hormuuz banuu fi cufuu ilaalchise yaadi isaan kennan yeroo gabaabaa keessatti jijjiirameera.
Adeemsi dippiloomaasii kun ammallee olaantummaa humna waraanaaf bakki guddaan kennamee akka jiru mul'isa.
Pirezidant Pezeshkiyaan ifatti osoo ofirraa hin beeksisin ga'eesaanii bulchiinsa waliigalaa biyyattii keessatti akkaan dabalaniiru.
Qondaala yaada walabaa qabu fakkaatanis garuu amma yoonaa yaadisaanii as ba'ee akka mul'atu gochuuf dhiibbaa jala waan jiran fakkaatu.
Mariin nagaa marsaa lammaffaa Islaamaabaaditti gaggeeffamuuf eegamu adeemsa dippiloomaasii Iraan sirriitti mul'isa.
Balballi dippiloomaasii banaa ta'us bulchiinsi Iraan garuu sana kabajuuf ykn obsaan dhimma tokkorra ga'uuf eeyyamamaa miti.
Karri dippiloomaasii banaadha kan jedhamu yeroo fi haala barbaachisu keessatti.
Ga'ee humna waraanaa babal'achaa dhufe
Iraan marii nagaa kanarratti dantaa ishee kabachiifachuuf Ulaa Hormuuz akka meeshaa waraanaatti fayyadamti.
Haata'u malee dhimma Ulaa Hormuuz irratti ajaji kan kennamu garee dippiloomaasiin osoo hin taane eegdota warraaqsaa qondaala Ahmad Vaahidii jedhamaniin hoogganamuudha.
Kunis aangoo sirriin harka qaamolee nageenyaa hooggantoota olaanoo marsanii jiranii ta'uu mul'isa.
Rakkoolee fi goolama dhiheenya kana Iraan mudataa jiran caalaa adeemsa kana kan ifatti mul'isu hin jiru.
Erga tarkaanfiin fudhatamee ykn ajaji darbee booda ergaa dabarsuu irratti gara dippiloomasiitti ce'amus kunis yeroo baayyee waan mul'atu miti.
Ulaa Hormuuz cufuun ykn saamtota (diinota) galaanarraa haleeluun hojii qabatamaa eegdota warraaqsaati.
Kun ammoo goolamni akkaan wayita hammaatuudha.
Qaamoleen siyaasaa fi dippiloomaasii yeroo baayyee gaggeessummaa caalaa erga murteen darbee raawwachiisuu irratti kan hundaa'eedha.
Kana jechuun caasaalee mootummaa biyyattii gidduu ''burkutaa'uun jira'' jechuu miti.
Haata'u malee giddu seentummaan siyaasaa ifatti bakka hin jirretti walabummaan eegdota warraaqsaa yeroofillee ta'u babal'achaa dhufuu agarsiisa.
Fuulduratti ba'anii mul'achuu kan jalqaban Gaalibaaf
Mohammad Baagar Gaalibaaf wayita biyyattiin goolama hamaa keessa galtee jirtutti jidduun as ba'an.
Gaalibaaf yeroo ammaa Afa Yaa'ii paarlaamaa Iraan ta'anis, armaan dura ajaja eegdota warraaqsaa turan.
Kanaaf waraana biyyisaanii US fi Israa'el waliin gaggeessitu keessatti ga'ee olaanaa qabu jechuudha.
Garee Iraan bakka bu'ee mari'atu kan dursan Gaalibaaf, wayita ejjennoo biyyasaanii ibsan waa'ee waraanaa jechaan osoo hin taane nama gochaan argan waan ta'aniif bareechanii ergaa dabarsu.
Paarlaamaa keessaas ta'e qondaalota leellistoota sirna durii ta'an keessaa qondaalonni biyyisaanii Ameerikaa faana minjaala tokkorra teessee mari'achuun hin liqimfamneef jiru.
Gareen sirna duriitti cichan ergaan isaan dabarsan yeroo kamuu caalaa ifatti ba'ee mul'ataa jira.
Biyya diina jedhan waliin taa'anii mari'achuu akka tuffatamuutti kan ilaalan hedduudha.
Gama kaaniin ejjennoon Gaalibaaf ifa miti. Ejjennoowwan murteessoo ta'an fudhachuu, marii irratti hirmaachuus ta'e ergaa uummataaf dabarsuu ilaalchisee fuulduratti ba'anii mul'atanis tarkaanfii akkanaa fudhachuutti dhufuu isaanii irratti wanti beekame hin jiru.
Tarkaanfiin isaan fudhatan ajaja Mujtabaa Kaameeniin kan wal simu ta'us ammas taanaan kallattiin waliin mari'atanii hojjetaa jiraachuusaanii wanti qabatamaatti mul'isu hin jiru.
Ajaja gubbaadhaa gadi darbu ilaalchisee haalli jiru akka durii akka hin taane ifa.
Dhuguma akka jedhan tokkummaa qabuu?
Haalota Iraan keessatti mudataa jiran yoo sirriitti ilaalle sirna bulchiinsaa haalaan hojjetaa jiraachuu hubanna.
Garuu hooggansi fi ajaji kennamu akkaataa qindaa'een akka hin taane ammoo agarsiistuuwwan jiru.
Aangoon hogganaa olaanaa iddoosaa jira. Garuu ifatti hojiirra yeroo oolu hin arginu.
Pirezidantichi sirna mootummaa waliin qindoomina cimaa qabu, garuu hoggansa kennaa hin jiran.
Hojiin dippiloomaasii jiraatus garuu bu'aa buusaa hin jiru. Hojii murteessaa hojjetaa hin jiran.
Haasaa fi mariin gaggeeffamaa jiraatus bu'aa argamsiisaa hin jiru.
Humni waraanaa qabxiilee marii irratti olaantummaa yaadaa qaba.
Ta'us hoggansa ifatti as ba'ee mul'atu hin qabu.
Aanga'oonni siyaasaa hedduun dhimma biyyattiirratti inuma dubbatu, garuu ammoo fudhatamummaansaanii akka durii miti.
Kun hundi garuu hooggansi burkutaa'e jechuu miti.
Rippaabliki Islaamaa ammayyuu bakkumasaa jira.
Haata'u malee adeemsi dhoksaa fi al-idilee babal'achuun hinuma mul'ata.
Waa'een Hormuuz ammayyuu harka mootummaa biyyattii jira.
Waliigalatti dhimmi biyyattii guutummaatti to'annoo mootummaa Rippaabilika Islaamaa Iraan jala jira. Sirni Ayaatollaa ammallee aangoo of harkaa qaba.
Humni waraanaa biyyattii ajaja dabarsuu fi haleellaa raawwachuun adda waraanaatti milkaa'uu sadarkaa isa dandeessisurra jira.
Garuu giddugala tokkorraa ajaja ifa ta'ee fi walfakkaataa ta'e dabarsuun akka durii miti.
Iraan keessatti mallattoo ta'anii mul'achuuf waan qondaalonni hundi hin hojjenne hojjechuun addatti ba'anii beekamuun baratamaadha.
Yeroof sirnichi gama dhimmoota biyyattii olaantummaan to'achuu fi dhiibbaa hammaataa jiru dandamachuu irratti qoqqoodiinsi hamaan waan isa mudate hin fakkaatu.
Amma tasgabbiin jiraatus, garuu tarkaanfiiwwan yeroodhaa gara yerootti fudhatamaa jiran keessatti dhuguma tokkummaan qabatamaan jiraachuu fi akkanumaan afaaniin dubbatamaa jiraachuun gaaffii kaasaa jira.