Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tomaas Aleen: Namni sagantaa irbaataa gazexeessitoota Waayit Haawus irratti dhukaasa bane eenyu?
Namni qawwee hidhatee sagantaa affeerraa irbaataa gaazexeessitoota dhimmoota Masaraa Mootummaa Ameerikaa 'Waayit Haawusif ' gabaasaniif qophaa'erratti dhukaasa bane nama Kool Toomaas Allen jedhama.
Poolisiin bakka sanatti to'annoo jala kan oolche yoo ta'u, miidhaa yeroo sana irra gaheef hospitaalatti wal'aanamaa jira.
Wixata har'aa kan himanni irratti banama jedhamee eegama.
Garuu maaliif haleellaa kana akka raawwachuu barbaade hanga ammaatti ifa hin taane.
Dargaggeessi ganna 31 kun magaalaa Tooraans, Kaalifoorniyaa - naannoo kibba dhiha magaalaa Los Anjeelees irraa akka ta'e himama.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, shakkamaan kun kophaa isaa haleellaaf socho'aa akka ture eeruun 'kun jeedala qofaa deemu ta'uu hin oolu, akkasitti natti dhaga'amaa '' jedhan.
Poolisiin akka jedhutti, hoteela Waashingitan Hilton, bakka irbaata kun itti gaggeeffamu keessatti Alen keessummaa hoteelichaa ture.
Yeroo saganticha irratti dhukaasa banu qawwee dhukaasaa, shugguxii harkaa fi meeshalee qara qaban biroo hidhatee ture.
Michuu BBC Ameerikaa kan ta'e CBS News akka jedhutti, Alen univarsiitii beekamaa Inistiitiyuutii Teeknooloojii Kaalifoorniyaa jiru irraa eebbifame.
Erga eebbifamee booda magaalaa dhaloota isaa Tooransi keessatti barsiisaa ta'ee hojjeteera.
Akka gaazexaan 'The Independent' jedhamu gabaasetti poolisiin Allen kanaan dura galmee yakkaa akka hin qabne amanu. Qaamolee seeraa birattis akka hin beekamne dubbatu.
Akka Rooyitars jedhutti, maxxansi Feesbuukii Kool waliin walqabatee mul'atu Muddee 2024tti "Barsiisaa cimaa baatii sanaa" akka injifate agarsiisa.
Profaayilli maqaa shakkamaa kanaa LinkedIn irratti barreeffame tokko akka ''makaanikaalii injinarii fi saayintistii kompiitaraa ta'uu isaa eera .
Akkasumas muuxannoo tapha (game developer) gochuu fi barsiisumman muuxannoo qabqchuu isaa ibsa.
Profaayilli LinkedIn akka agarsiisutti Allen bara 2017tti Inistiitiyuutii Teeknooloojii Kaalifoorniyaa irraa makaanikaal injinariingiin digrii jalqabaa akka argate agarsiisa.
Akkasumas bara 2025tti, Kaalifoorniyaa Yunivarsiitii Steet Doominguez Hiilsitti argamu irraa saayinsii kompiitaraatiin digrii lammaffaa qaba.
Profaayilli kun akka agarsiisutti Kool barsiisaa yeroo muraasaa fi akka tapha ofumaan hojjetutti hojjechaa akka ture agarsiisa.
Allen irratti Wixata kana yakka hedduun yakka jeequmsaa qawwee fayyadamuun uumuu dabalatee kan iratti banamu akka te'e eegama
Saganataan irbaata kun Ameerikaa keessatti taatee guddaa yoo ta'u gaazexeessitoonni, qondaaltonni mootummaa, fi pirezidaantii Ameerikaatu irratti hirmaata.
Pirezidaanti Tiraamp erga pirezidaantii ta'ee yeroo jalqabaaf irbaata kana irratti hirmaate.
Tiraamp bara 2024tti erga Waayit Haawus gadhiisanii booda fi yeroo irra deebiin filatamuuf duula gaggeessaa turanitti yaaliin ajjeechaa lama irratti raawwatameera.
Keessumaa kan Adoolessa bara 2024 hiriira guddaa magaalaa Butler, Pennsylvaniyaa keessatti utuu Tiraamp duula filannoo geggeessaa jiranuu gurra keessa rukutame isa cimaa ture.
Yeroo sana dargaggeessa ganna 20 qawween hanga xiqqoof mataa Tiraamp hanqatee gurra keessa kan madeesse yoo ta'u, sana booda hojjettoota nageenyaatiin ajjeefame.
Yaaliin ajjeechaa utuu Tiraamp Golfii taphatuu irratti taasifame kan lammaffaa yoo ta'u kun kan sadaffaati.
Waashingitan Hiltan hoteelli tateen kun keessatti raawwatame kanaan duras jeequmsi akkasii nuudtaeera. Bara 1981 bakkuma sanatti Pirezidaantiin Ameerikaa yeroo sanaa Roonaald Reegan yaaliin ajjeechaa irratti raawwatamee ture.
Traamp gaazexeessitootatti akka himanitti, Allen kan bakka balaan kun itti dhaqqabetti hidhame jiraataa Kaalifoorniyaa yoo ta'u, qaamoleen seera kabachiisan mana isaa qorachaa akka jiran himaniiru.
Shakkamaan kun himannaan meeshaa waraanaan jeequmsaa kaasuu fi namatti dhukaasutiin Wixata dhufu mana murtiitti dhiyaachuu akka qabu qondaaltonni himaniiru.
Angawoonni itti dabaluudhaan qawwee fi meeshalee waraaanaa kanneen biroo hidhatee akka ture gabaafameera.
Yeroo ammaa kana Kool Toomaas Alen to'annaa jala kan jiruu fi dhukaasa itti banameen miidhamee hospitaalatti wal'aansa argataa jira.
Poolisiin ammallee maaltu gocha kana raawwachuuf akka isa kakaase hubachuuf qorachaa jira.
Qorannoon kun itti fufee kan jiru yoo ta'u, erga mana murtiitti dhiyaatee booda ibsi bal'aan bahuu dana'utu eegama.