Qondaaltonni Iraan gamoo waraanaan caccaban qulqulleessuuf maal akka barbaachisu ibsan
Abbaan taayitaa eegumsa naannoo Iraan gamoolee mana jireenyaa waraanaan barbadaa'an qulqulleessuuf ''konkolaattota fe'umsaa kuma 200'' barbaachisa jedheera.
"Haleellaa qilleensaa Israa'elii fi Ameerikaatiin gamoowwan mana jireenyaa kumaatamaan lakkaa'aman barbadaa'aniiru jedhu.
Caccabni manneenii toonii miliyoona 10 ta'u lafarra tuulameera. Caccabaa kana kaasudhaaf gara konkolaattota fe'umsaa kuma 200 nu barbaachisa," jedhan miseensi Mana Maree Eegumsa Naannoo Abu Ali Golzari.
Golzarin itti dabaluudhaan, "Iraan keessatti rakkoon bulchiinsa faalama naannoo hamaan akka bishaan, biyyee fi qilleensaa mudachaa jira,” jedhan. Isaan kunis sababa waraana kanaan akka malee hammaataniiru." jechuun ibsu.