Shakkamaan dhukaasa bane Tiraamp fi aanga’ootasaarratti xiyyeeffachuun ‘hin oolu’

Madda suuraa, EPA/Reuters
Dhukaasa irbaata gaazexeessitoota Waayit Hawusirratti gaggeeffameen Doonaald Tiraamp irratti xiyyeeffatamuun “hin oolu” akka bakka bu’aan abbaa alangaa waliigalaa US jedhutti.
“Qorannoon duraa” argame akka agarsiisutti hidhataan dhukaasa banuun shakkame kun miseensota bulchiinsa Tiraamp irratti xiyyeeffate jedha Tood Bilaanch.
Miidiyaaleen Ameerikaa shakkamaan kun maqaan isaa Kool Tomaas Alleen akka jedhamuufi umuriin isaa wagga 31 akka ta’e himuun, Toraans, Kaalifoorniyaa dhufuu adda baasaniiru.
Poolisiin ibsa jalqaba kenneen shakkamaan maaliif gocha kana akka raawwate hin beekamne jdhee ture.
Taatee Kanaan booda ibsa gaazexeessitootaaf kenneen Pirezidant Doonaald Tiraamp ammo “dhimma amantii waliin walqabatudha” jechuun “ Kiristaana cimsee jibba” yaada jedhu kenneera.
Odeeffannoo kana waliin deeman biroof:
